Tafsiira Suuratu Ar-Ruum-Kutaa 12

Fuula Rabbii barbaaduun firaaf, Hiyyeessaa fi kara-deemaaf haqa isaa kennu
Namoonni yommuu fira, hiyyeessaa fi kara-deemaa gargaaranii fi sadaqa kennaniif niyyaa adda addaa qabu. Gariin isaanii na argaaf, gariin isaanii faaruu namoota argachuuf (ebalu arjaadha, ebalu akkana haa jedhaniif) fira, hiyyeessaa fi kara-deemaa gargaaru, sadaqa kennu. Gariin isaanii immoo Fuula Rabbii olta’aa qofa barbaadun kana hojjatu. Amma gaafin ka’u: kanniin keessaa eenyutu wanta hojjate kanarratti mindaa (ajrii) argataa? Mee haa ilaalu:

30:38

“Kanaafu, firaaf, hiyyeessaa fi kara-deemaaf haqa isaa kenni. Kuni warra Fuula Rabbii barbadaaniif gaariidha. Isaan sun isaanumatu milkaa’oodha.” Suuratu Ar-Ruum 30:38

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa aayah lakkoofsa 37 keessatti nama fedheef rizqii akka bal’isuu fi dhiphisu erga dubbatee booda, galata dureessaa qoruuf nama rizqii bal’iseef rizqii isaa irraa hiyyeessaf akka kennu ajaje.[1]Kanaafu firaaf, hiyyeessaa fi kara-deemaaf haqa isaa kenni.” Kana jechuun yaa nama amane! Fira keetiif haqa isaa kenni. Haqni kunis wanta shari’aan dirqama godhe ykn itti kakaasedha. Kan akka nafaqaa (baasi ) dirqamaa, sadaqaa, kennaa, tola oolu, firummaa sufuu, nagaha gaafachuu, kabajuu, dogongora isaa irra darbuu fi kkf dha. Firri hundarra namatti dhiyaatu haadha abbaadha. Kanaafu, haqni haadha abbaa isaan kabaju, isaaniif tola oolu fi kkf dha. Haadha abbaatin ala firoonni jiran immoo haqni isaan qaban firummaa sufuu fi yoo rakkatan isaan gargaarudha. Kanaafu, yaa nama Rabbitti amane fira keetiif haqa isaa kenni.

Ammas hiyyeessaf haqa isaa kenni. Haqni hiyyeessaa maalidhaa? Haqni isaa haajaa isaa isaaf guutuudha. Kana jechuun hiyyeessa waan ta’eef wanta isa gahuu isaaf kennuudha. Kan akka isa nyaachisu, obaasu, uwwisuu ykn maallaqa isaaf kennu.[2]

Kara-deemaafis haqa isaa kenni. Kuni nama biyya isaa irraa bahee maallaqa biyya isaa ittiin gahuu dhabeedha. Kanaafu haqni isaa maallaqa biyya isaa ittiin gahu isaaf kennuu ykn sababa ittiin achi gahu isaaf laaffisuudha.[3]

Kuni warra Fuula Rabbii barbaadaniif gaariidha.” Kana jechuun kennaan kuni warra hojii isaaniitiin Fuula Rabbii barbaadaniif gaariidha. Rabbal aalamiina biratti mindaa (sawaaba) guddaa ittiin argatu. Firaaf, hiyyeessaa fi kara-deemaaf haqa kennuu faaydan isaa namoota birootti waan darbuuf waan gaarii (kheeyri) godhe. Garuu niyyaa qulqulluun malee nama kana hojjateef kheeyri hin ta’u. Osoo ati qarshii tokko ykn uffata namatti sadaqatte, inni itti fayyadama. Garuu ati takkaa itti fayyadamu dandeessa takkaa miidhamu dandeessa takkaa immoo miidhamus itti fayyadamu dhiisus dandeessa. Yoo na argaaf hojii gaarii kana hojjatte, ni miidhamta. Yoo ikhlaasaan hojjatte immoo itti fayyadamta. Amala waan sitti ta’e qofaaf yoo hojjatte itti hin fayyadamtu. (Sababni isaas, hojii gaarii tokkotti fayyadamuuf niyyaan qulqulluun (ikhlaasni) barbaachisaadha.) Kanaafi asitti akkana jedhe, “warra Fuula Rabbii barbaadaniif…” Kanaafu akkana jenna: firaaf, karaa deemaa fi hiyyeessaf haqa isaa kennuun warra fuula Rabbii barbaadaniif malee gaarii hin ta’u. Kuni gama nama kennuuti. Garuu gama nama kennameetiif immoo isaaf kheeyridha. Inumaa osoo kaafirri nama tokkoof maallaqa kenne, namni kuni itti fayyadama, isaaf kheeyri ta’a. Garuu nama arjoome kanaaf kheeyri hin ta’u niyyaan qulqulluu yoo ta’e malee.[4]

Kanaafu, namni yommuu firaaf, hiyyeessaa fi kara-deemaaf haqa isaa kennu niyyaa isaa tolchuu qaba. Sababni isaas, niyyaan isaa Rabbiif yoo ta’e qofa hojii san irratti ajrii (mindaa) argata. 

“Isaan sun isaanumatu milkaa’oodha.” Kana jechuun namoonni hojiiwwan kanaa fi kan biroo Rabbiif jedhanii hojjatan, isaan warra mindaa Rabbii argatanii fi adabbii Isaa jalaa nagaha bahaniidha.[5]

30:39

Qabeenya namootaa keessatti akka dhaluuf wanti isin dhala irraa kennitan, Rabbiin biratti homaa hin dhalu. Garuu zakaa irraa Fuula Rabbii barbaadun wanti isin kennitan, [isatu isiniif dhala].  Isaan sun mindaan kan isaaniif baay’atuudha.” Suuratu Ar-Ruum 30:39

Kana jechuun dhala niyyachuu fi liqaan qabeenya namootaa keessatti akka isiniif dabalu barbaadun qabeenya irraa wanti isin akka liqaatti kennitan, Rabbiin biratti hin dabalu. Kana irra, Rabbiin ni balleessa. Garuu Jaalala Rabbii barbaadu fi mindaa Isaa kajeelun wanti isin akka zakaa fi sadaqaatti namoota haajaa qabanii fi rakkataniif kennitan, Rabbiin isiniif baay’isa, mindaa dacha dachaa isiniif godha.[6]

Aayan tuni akkana jechuunis ibsamte: “Namoonni wanta inni kenne caalaa dachaa godhanii akka isaaf deebisan barbaaduun namni kennaa kenne, namni kuni Rabbiin biratti mindaa hin argatu. Sababni isaas, kennaa kana keessatti jaalala Rabbii hin barbaanne.”[7]

Rabbiin ala kan nama uumuu, rizqii namaaf kennu, nafsee fudhatu, ergasii jiraachisuu ni jiraa?

30:40

Rabbiin Kan isin uumee ergasii rizqii isiniif kenne, ergasii isin ajjeesu ergasii isin jiraachisuudha. Shariikota keessan keessaa kana irraa waa kan hojjatuu ni jiraa? Inni wanta isaan itti qindeessan irraa qulqullaa’e, olta’e.” Suuratu Ar-Ruum 30:40 (Rizqii- soorata, qabeenyaa fi wanta biraa namni itti fayyadamuudha.)

Yaa namoota! Rabbiin qofatu isin uumee ergasii jireenya tana keessatti rizqii isiniif kenne. Ergasii ajalli keessan dhumachuun isin ajjeesa. Ergasii qorannoo fi jazaaf qabrii keessaa jiraattota godhee isin kaasa.

Shariikota keessan keessaa kana irraa waa kan hojjatuu ni jiraa?” Kana jechuun Rabbii gaditti kanneen isin gabbartan keessaa wantoota kanniin irraa waa kan hojjatu ni jiraa? (Wantooni isin Rabbiin alatti gabbartan isin uumuu ykn rizqii isiniif kennu ykn ajjeesu ykn jiraachisuu danda’uu?

Wantoonni isaan waaqeffatan kana irraa homaa hin hojjatan. Kanaafu, wanta waa uumuu ykn rizqii kennu ykn ajjeesu ykn jiraachisuu hin dandeenye akkamitti gabbaruu (waaqefatuu)? Ilma uumuu kan hin dandeenye irraa akkamitti “ilma naaf kenni” jedhanii kadhatuu? Rizqii namaaf kennu kan hin dandeenye irraa akkamitti rizqii kadhatuu?)

 “Inni wanta isaan itti qindeessan irraa qulqullaa’e, olta’e.” kana jechuun Rabbiin shariika ykn fakkaataa ykn qixxaataa ykn ilma ykn abbaa qabaachu irraa qulqullaa’e. Kana irra, Inni Tokkicha adda ta’e, Of danda’aa hin dhalle hin dhalanne, Isaaf qixxaataan hin jirreedha.[8]


Kitaabban wabii:
[1] Tafsiir Qurxubii-16/435
[2] Tafsiir Sa’dii-754
[3] Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-15/163
[4] Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu Ar-Ruum, fuula-225-226 [5] Tafsiir Sa’dii-754
[6] Tafsiiru Muyassar-408
[7] Tafsiiru ibn Kasiir-6/97, Tafsiiru Xabarii-18/508
[8]Tafsiir Ibn Kasiir-6/97-98, Tafsiir Muyassar-408

Tafsiira Suuratu Ar-Ruum-Kutaa 13
Tafsiira Suuratu Ar-Ruum-Kutaa 11

Leave a Reply