Tafsiira Suuratu As-Sajdah-Kutaa 1
Tafsiira Qur’aana kabajamaa ammas itti fufuun ifa irratti ifa, gammachuu irratti gammachuu dabalachuu fi dheebuu beekumsaa bahuuf qurxii muranne itti kaane jirra. Hanga yoomi dukkana fi dhama’iinsa keessa turraa osoo ifaan Rabbal aalamiina irra dhufe nu jidduu jiruu? Hanga yoomi dununfannee wanta namoonni baay’een beekumsa malee hojjatan hordofnaa? Yoomuma mi’aa beekumsaa Qur’aana irraa waraabbannaa? Eeyyen, Qur’aana hubachuuf yoo itti kaane fi niyyaan keenya tole, gammachuu bara dheeraaf dharra’aa turre ni arganna. Kanaafu, sammubani.com dheebu beekumsaa ummanni kiyya dheebote nan baasa jechuun muratee itti ka’e. In sha Allah, tarkaanfi tarkaanfin galma akka gahuu ni abdanna. Mee amma, mi’aa beekumsaa suuratu As-Sajdah irraa haa dhandhamnu:
“Aliif Laam Miim. Buufamuun Kitaabichaa Gooftaa aalama irraa ta’uun shakkiin isa keessa hin jiru.” Suuratu As-Sajdah 32:1-2
Kana jechuun Qur’aanni Rabbiin irraa bu’uun isaa shakkiin homaatu keessa hin jiru. Qur’aanni jecha Rabbii uumamtoota hunda uumee fi too’atuuti. Jecha Muhammad (SAW) ykn jecha malaykaa ykn jecha nama biraati miti. Kana irra, Gooftaa aalama irraa kan bu’eedha. Aalama jechuun Rabbiin ala wantoota jiran hunda. Wanti Rabbiin ala jiru aalama kan jedhameef gara Khaaliqa (Uumaa) isaanii waan akeekaniifi. Uumamtoonni hundi tokkichummaa, dandeetti, beekumsaa fi sifaata Isaa biroo ragaa bahu.[1]
“Sila ‘Isatu kijibaan isa uume’ jedhuu? Lakki! Inni Gooftaa kee irraa haqa, siin dura ummata akeekachiisaan itti hin dhufne akka akeekachistuuf [sirratti buuse]. Isaan akka qajeelan ni kajeellama.” Suuratu As-Sajdah 32:3
“Sila ‘Isatu kijibaan isa uume’ jedhuu?” Kana jechuun sila mushrikoonni, “Muhammadtu nafsee ofii irraa kaasee Qur’aana uumee.” Jedhuu?
Lakki, mushrikoonni yommuu akkana jedhan kijibanii jiru. “Inni Gooftaa kee irraa haqa” kana jechuun Qur’aanni haqa Gooftaa kee irraa bu’eedha. Wanti Qur’aana keessa jiru hundi dhugaadha, sobni homaatu keessa hin jiru.
“Sobni fuundura isaatiis ta’ee duuba isaatiin itti hin dhufu. Rabbii Ogeessa Faarfamaa ta’e irraa buufame.” Suuratu Fussilat 41:42
“siin dura ummata akeekachiisaan itti hin dhufne akka akeekachistuuf [sirratti buuse].” Kana jechuun Yaa Muhammad (SAW) ummata siin dura akeekachisaan adabbii Rabbiitiin isaan akeekachiisu itti hin dhufne akka akeekachistuuf Qur’aana kana sirratti buuse.[2] Asitti, “ummata” yommuu jedhu, Araboota Ergamaa Rabbii (SAW) dhaqqabaniidha.[3]
“Rabbiin Kan samiiwwan, dachii fi wantoota isaan lamaan jidduu jiran guyyoota jaha keessatti uumeedha. Ergasii Arshii irratti olta’e. Isaan alatti waliyyis ta’ee shafa’aa kan isiniif ta’u hin jiru. Sila hin gorfamtanii?” Suuratu As-Sajdah 32:4
“Rabbiin Kan samiiwwan, dachii fi wantoota isaan lamaan jidduu jiran guyyoota jaha keessatti uumeedha.” Kana jechuun guyyoota jaha keessatti samii torban, dachii fi wantoota samii fi dachii jidduu jiran Kan uume Rabbiin qofa. Guyyoonni jahan kunniin ramaddi yeroo Rabbiin guddaan olta’e murteesse fi beekudha.[4]
“Ergasii Arshii irratti olta’e.” Kana jechuun samiiwwan, dachii fi wantoota isaan lamaan jiddu jiran erga uumee booda olta’iinsa Isaaf maluu Arshii irratti olta’e.[5]
Arshiin uumama guddaa samii torbanii ol jiruudha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa akkamitti Arshii ol akka olta’e nuti beeku hin dandeenyu. Kana ilaalchisee wanta imaamu Maalik jedhe dhiyeessun ni danda’ama: “Istawaan wanta wallaalame miti, akkaataa isaa wanta sammuun hubachuu hin dandeenyedha, isatti amanuun waajiba (dirqama), waa’ee isaa gaafachuun bid’aadha.” Kana jechuun hiikni istawaa wanta wallaalame miti. Hiikni isaa ni beekkama. “Istawaa” jechuun “olta’e” jechuudha. Garuu akkaataa Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Arshii ol olta’e sammuun namaa hubachuu hin danda’u. Rabbiin Arshii ol olta’iinsa Isaaf malu akka olta’e amanuun waajiba. Sababni isaas, Rabbitu Qur’aana keessatti beeksise. Qur’aanatti amanuu jechuun immoo wanta isa keessa jirutti amanuudha. “Waa’ee isaa gaafachuun bid’aadha” kana jechuun “Rabbiin akkamitti Arshii ol olta’e?” jedhanii gaafachuun bid’aa (wanta haarawa argameedha). Sababni isaas, sahaabonni waa’ee kanaa Nabiyyi hin gaafanne.[6]
“Isaan alatti waliyyis ta’ee shafa’aa kan isiniif ta’uu hin jiru.” Kana jechuun yaa namoota Rabbiin alatti kan isin eeguu fi kunuunsu hin jiru. Sababa Isa faallessitaniif yoo isin adabe kan shafa’aa isiniif ta’u hin jiru. Shafa’aa jechuun akka adabbiin namarraa deebi’uuf ykn wanta jaallatan argataniif jaarsummaa namaaf ta’uudha. Hayyama Isaatin ala Rabbiin biratti eenyullee jaarsummaa (shafa’aa) kan nuuf ta’u hin jiru.[7]
“Sila hin gorfamtanii?” Yaa namoota! Rabbiin ala kan isin eegu fi kunuunsu kan hin jirre ta’uu itti xinxalluun ibaadaa Isaaf hin qulqulleessitanii? Namoonni jireenya keessatti faaydaa fi eeggumsa argachuuf Rabbiin ala wanta biraa waaqefatu (gabbaru). Garuu dhugaan akkana: kan nama eegu fi faayda namaaf fidu Rabbii tokkicha. Kanaafu, faaydaa fi eeggumsa argachuuf Rabbiin ala wanta biraa gabbaruun (waaqefachuun) gonkumaa hin barbaachisu.
Kitaabban wabii:
[1] Tafsiiru Qur’aanil Kariim-Suuratu As-Sajdah, Ibn Useymiin- fuula 11
[2] Tafsiir Xabarii-18/590
[3] Zaadul Masiir-1106
[4] Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iq tadabburi-14/532
[5] Tafsiir Xabarii-18/591
[6] Tafsiiru Qur’aanil Kariim-Suuratu As-Sajdah, Ibn Useymiin- fuula 2
[7] Maddoota olii