SABABOOTAA FI FURMAATA WALIIN ODUU WARRA FOOYYA’IINSA BOODA DUUBATTI DEEBI’ANII-KUTAA-2
Kutaa darbe keessatti barbaachisummaa kitaabichaatii fi hiika intikaasaa ilaalle jirra. Intikaasa jechuun erga fooyya’anii fi Islaama qabatanii booda gara duubatti deebi’uudha. Nama Islaama qabatee fi haala gaariin fooyya’e tokko ni argina. Garuu yeroo muraasan booda namuma kana Islaama kan gadi dhiise ykn laaffisee fi haala badaatti kan deebi’u ta’ee argu dandeenya. Kuni sababa qaba. Kanaafu, erga Islaaman faayamne booda duubatti deebinee akka hin bushoofnef yoo sababoota duubattti nama deebisan beeknee irraa of qusanne maal isinitti fakkaataa?
Sababoota erga fooyya’anii booda duubatti akka deebi’an nama taasisan keessaa:
1-Du’aayiitti xiyyeefannoo kennuu dhiisu
Jireenya Musliimaa keessatti du’aayin bu’aa guddaa qaba. Meeshaa waraanaa diinni Musliima dhoowwachuu hin dandeenyedha. Yoo ulaagaalee fi naamusni guuttaman meeshaa waraanaa bu’aan isaa waadaa galameedha. Kanaafi, Umar ibn Al-Khaxxaab (radiyallahu anhu) akkana jedha: “ani du’aayin qeebalamu hin yaaddawu, garuu du’aayi gochuu yaaddawa.”
Yommuu diina ykn zaalima irraa dhimmi wayi isa muudate du’aayin ibaadaa Muslimni itti dheessudha. Yookiin dhimma amanti irratti akka isa gargaaruf ykn obboleeyyan isaatiif rahmata godhuuf ykn sadarkaa isaa akka olkaasuuf du’aayidhaan gara Rabbii dhiyaata. Waa’ee du’aayi ilaalchise hubannoo wali galaatiin kuni iddoo itti dubbatanii miti. Garuu asitti du’aayitti fayyadamuu irraa gufuwwan dhoowwan kaasu barbaanna. Gufuwwan kanniin keessaa:
i-Du’aayitti dantaa kennuu dhiisuu:
Tarii gufuun kuni gufuwwan gurguddaa keessaa tokko ta’uu danda’a. Warroonni erga fooyya’anii booda duubatti deebi’an baay’een gama kana ni dhiisan. Jireenya isaanii keessatti hin yaadatan. Nan yaadadha, abbaan kiyya-Rabbiin rahmata isaaf haa godhuuti-jecha kana baay’isaa ture:
يَا مُقَلِّبَ الْقُلُوبِ ثَبِّتْ قَلْبِي عَلَى دِينِكَ
“Yaa Kan qalbii gaggaragalchu hoo! Qalbii tiyya diinii Kee irratti gadi dhaabi.”
Namni tokko akka natti himetti, namoonni yeroo durii du’aayitti xiyyeefannoo guddaa kennu turan. kunis Rabbiif galanni haa galu wanta kufuu irraa isaan fageesse keessaa tokkoodha.
ii-Guddinnaa fi bu’aa du’aayi hubachuu dhiisu
iii-Sheyxaana mi’aa du’aayitii fi maqoo mu’minaa dhoowwatu too’achuu dadhabuu. Muslima sheyxaanaaf harka kan kennuu fi waamicha isaa “du’aayi dhiisi” jedhuuf kan awwaatu ta’ee argita.
iv-Badii fi ma’asiyaa hojjachuu
Sila dargaggeessi ma’asiyaa dhiisuu naaf wabii ni seenaa?
Nagaha bahuu isaaf qabsiisaa
Namoonni gariin Rabbiif ajajamanii ni boqatanii
Hudhaa ma’asiyaa hin dhudhaanee
Badiin qalbii irratti walitti tuulamu fi haguugun sababoota meeshaa waraanaa kana (du’aayi) akka itti hin fayyadamne nama taasisan keessaa tokkoodha.
V-Namoonni baay’een akka Islaama irratti dhaabbatan du’aayi gochuu ilaalchisee sirritti hubachuu dhiisu: Kunoo asitti nama dogongora keessatti kufe malee nama karaa qajeelaa qabateef du’aayin barbaachisaa akka hin taanetti namoota amanantu jira. Rasuulaa (SAW) fi sahaabonni isaa sadarkaa guddaa qabaachu waliin Islaama irratti Rabbiin akka gadi isaan dhaabu kadhachaa (du’aayi gochaa) turan.
Namni tokko akkana jechuu danda’a: nuti yeroo hundaa du’aayi ni goona. Garuu kanaaf bu’aa hin arginu. Kanaafu sababoonni du’aayiin akka qeebalamtu taasisan maalidhaa?” Ani nan jedha: sababoonni kanaa baay’eedha. Isaan keessaa kan nu ilaallatu haa kaasnu:
-nyaataa fi dhugaati gaarii taasisuu (halaala nyaachu fi dhuguu)
– Namoota haqa isaanii isaaniif kennu fi wanta isaan irraa fudhatame isaaniif deebisu.
-Firummaa sufuu fi haadha abbaaf tola oolu
-Waqtii du’aayiin itti qeebalamu barbaaduu kan akka halkan gara dhumaa tokko sadaffaa, guyyaa Jum’aa sa’aati dhumaa, salaata booda, sujuuda keessatti, yeroo roobni bu’uu, yeroo dhibee fi imalaa.
Dhumarratti, du’aayin meeshaa waraanaa cimaa ta’e, hayyama Rabbiitiin bu’aan isaa waadaa galameedha. Nuti du’aayi irraa hin duroomnu, inni ibaadadha:
“Gooftan keessan ni jedhe, ‘Na kadhaa isiniifan awwaadhaa. Dhugumatti, isaan Ana gabbaruu irraa boonan, salphattoota ta’anii Jahannam seenuf jiru.’” Suuratu Ghaafir 40:60
JKL k