Faaydaalee Soomaa irraa Muraasa

Ramadaanan baga dhufte jechaa hanga Rabbiin nuuf laaffise waa’ee soomaa fi faaydaa isaa wal yaadachiisna. Jechi Ramadaana jedhu jecha Ramida ykn ar-ramadaa’a jedhu irraa kan dhufeedha. Jechoonni kunniin “jabeenya hoo’aa” agarsiisu. Kanaafu, Ramadaanni Ramadaana kan jedhameef dheebu irraa kan ka’e hoo’a garaa keessatti namatti dhagahamu agarsiisuufi. Akka lugaatti sooma jechuun wanta tokko irraa of qabuudha. Akka shari’aatti immoo Rabbiif jedhanii wantoota sooma cabsan kanneen akka nyaataa, dhugaatii, qunnamti saalaa fi kan biroo irraa of qabuudha.

Faaydaalee Soomanaa

Soomni faaydalee baay’ee qaba. Isaan keessaa muraasni kanneen armaan gadiiti:
1Soomni qalbii gogde jiisa(laaffisa)- yeroo hundaa garaan nyaataa fi dhugaatiin yoo guuttame, gogiinsi qalbii nama muudata. Akkuma Fudayl İbn Iyaad jedhe: Amaloonni lama qalbii gogsu: Hirriba baay’isuu fi nyaata baay’isuudha.” Akkuma beekkamu qalbiin yoo gogde, badii fi wanti fokkuun hundi namarraa mul’ata. Wanta Rabbiin itti ajaje hojjachuu fi wanta irraa dhoorge dhiisun isatti ulfaata. Fakkeenyaaf, salaata salaatun, sadaqaa kennun itti ulfaata. Zinaa fi wantoota isatti nama geessan irraa fagaachun itti ulfaata. Garuu namni akkuma sooma soomun qalbiin isaa waan laaftuf ibaadaa hojjachuu fi wanta irraa dhoorgame dhiisun isaaf salphata. Kanaafi, Qur’aana keessatti:

Yaa warra amantan! Akka isin Rabbiin sodaattaniif jecha soomni akkuma warra isiniin duraa irratti barreefame isin irrattis barreefamee jira.” Suurah Al-Baqaraa 2:183

Kana jechuun yaa warra Rabbii fi Ergamaa Isaa dhugoomsitan! Akka ofii fi adabbii Rabbii jidduu hojii gaarii hojjachuun eeggumsa godhattaniif akkuma warra durii irratti soomni dirqama taasifame isin irrattis dirqama taasifamee jira. Akkuma hadiisa keessatti dhufe “Soomni gaachana” Kana jechuun soomni adabbii Rabbii irraa eeggumsa namaaf ta’a. Ammas badiitti kufuu irraa eeggumsa ta’a. Kunis fedhii nafsee hir’suun galma gaha.

2- Soomni fedhii foonii hir’isa– fedhiin wal-qunnamtii saalaa fedhii uumamaan nama keessa godhame yommuu ta’u karaa seera-qabeessatiin (halaalaatiin) yoo hin raawwatin ykn of hin too’atin balaan inni fidu xiqqaa miti. Kanaafi, Rasuulli (sallallahu aleyhi wassallam) akkana jechuun ajajan:“Yaa tuuta dargaggootaa! Namni isin keessaa ba`aa fuudhaa danda’u haa fuudhu. Sababni isaas ija ofii akka gadi qabatuu fi qulqullumaa isaa akka eeguf isa gargaara (kana jechuun zinaa akka hin hojjanne isa gargaara). Namni fuudhuu hin dandeenye immoo haa soomu. Soomun fedhii walqunnamtii fooni hir’isaati.” Sahiih Al-Bukhaari 5066
Dhugumatti, dargaggoonni hin fuudhin fedhii foonii too’achuun garmalee isaanitti ulfaata. Dhangaaleen nyaataa baay’innaan nyaatan hormonin saalaa baay’innaan akka burqu taasisa. Kuni immoo fedhii saalaa guuttachuutti nama dhiiba. Namni yeroo kanatti filannoo lama qaba: Takkaa karaa halaalaatiin wal-qunnamti raawwachu takkaa immoo wal-qunnamti saalaa irraa of qusachuudha. Yoo hin fuudhin karaan hundarra gaariin wal-qunnamti saalaa irraa itti of qusatan soomudha.

3Dharraa addunyaaf qaban hir’isa- Dhugumatti, soomni dheebu addunyaa badduu tanaaf qaban cabsuun qananii Aakhiraa addaan hin cinne akka kajeelan nama kakaasa. Kunis kan ta’u, nyaanni fi dhugaatin yeroo hundaa nyaatan qalbii haguugun addunyaa qofa akka dharra’an nama taasisa. Yeroo soomaa haguuggaan kuni ni saaqama.

4- Yaadota fi hasaasa (waswasaa) babbadaa nama keessaa baasa– Dhugumatti soomni yaadota fi hasaasa babbadoo sammuu fi qalbii keessa yaa’u hir’isuun ykn balleessun boqonnaa namaaf kenna. Mee atummaanu garaagarummaa yeroo soomtu fi hin soomne jiddu jiru ilaali. Yeroo dheeraaf osoo hin soomin yoo turte yaadonni babbadon sammuu keessa yaa’u. Dargaggeessa yoo taate waa’ee nama jaalatte halkanii guyyaa osoo yaaddu yeroon kee gubata. Yoo namaan wal lolte ykn itti aarte isa ilaalchise yaadonni babbadoon hirriba si dhoorgu. Akkasi miti ree? Garuu yeroo soomtu, ba’aan kuni hundi sirraa hir’ata. Sababni isaas, akkuma dhiigni hidda dhiigaa keessa naanna’u sheyxaannis qaama namaa keessa naanna’un yaadota babbaddoo nama keessa facaasa. Yeroon waswasaan (hasaasni) sheyxaanaa namatti baay’atu yeroo quufaniidha. Kanaafi yeroo quufaa of tuulinsi, wanta badaa dharra’uu fi kkf namatti dhagahama. Yeroo beela’an of tuulinsi kuni hundi ni deema.

5– Soomni hojiiwwan ibaadaa gurguddaa gara Rabbii olta’aa ittiin dhiyaatan keessaa tokkoodha. Namni Rabbiitti dhiyaachuu fi ajrii (mindaa) Isaa argachuuf niyyachuun yoo soome, mindaan inni argatu xiqqaa miti. Kanaafi, guddinna mindaa kanaa akkana jechuun hadiisa Qudsii keessatti dhufe:
قَالَ اللَّهُ كُلُّ عَمَلِ ابْنِ آدَمَ لَهُ إِلاَّ الصِّيَامَ، فَإِنَّهُ لِي، وَأَنَا أَجْزِي بِهِ‏.
Rabbiin ni jedhe: ‘Hojiin ilmaan Aadam hundii mataa isaatif sooma malee. Soomni Anaafi. Anatu isaan (sooman) mindaa kafalaaf.’ (Sahiih Al-Bukhaari fi Muslim)
Ammas Hadiisa biraa keessatti guddinna mindaa warra soomanii akkana jechuun ibsa: Jannata keessa balbala Ar-Rayyaan jedhamu jira. Guyyaa Qiyaamaa warroonni soomaa turan isa keessaan seenu. Warra sooman malee namni biraa isaan waliin hin seenu. Akkana jedhama: ‘Warroonni soomaa turan eessa jiruu akka balbala kanaan seenaniif?’ Yommuu cufti (hundi) isaanii seenan, balballi kuni ni cufama. Sana booda eenyullee isa keessaan hin seenu.” (Sahiih Musliim)

Gabaabamutti soomni amaloota fafee akka of tuulu, jibba, waanyu, wanta badaa hojjachuuf dharra’u fi kkf irraa nama qulqulleessuun sadarkaa guddaatti ol nama kaasa. Sababa kanaan Aakhirattis mindaa guddaa argatan. Garuu namni sooma irraa faayda kana argachuuf wanta yeroo soomu isarraa eeggamu hojjachuu qaba. Wantoota gurguddoo isarraa eeggaman keessaa tokko:
A- Niyyaa isaa tolchuu – namnummaan hundi soomaniif kan soomu osoo hin ta’in niyyaan isaa Rabbiitti dhiyaachu fi nafsee isaa qulqulleessu ta’uu qaba. Yeroo sooma jalqabu akkana jechuun of amansiisu qaba: Ani sooma kana kan soomuf waan Rabbiin itti ajajeef ajaja Isaatti buluu fi gara Isaatti dhiyaachufi. Ammas, nafsee cubbuun (diliin) xuroofte tana qulqulleessun sadarkaa ol’aanatti olka’uudha.”
B-Nyaataa fi dhugaati qofa dhiisu osoo hin ta’in dubbii fi gochoota babbadoo irraayis fagaachu– Ramadaana keessa namni jijjirama guddaa fidu nama nyaataa fi dhugaati qofa dhiisu osoo hin ta’in dubbii fi hojii babbadoo dhiisunis hojii gaggaariin kan of xamaduudha. Fakkeenyaf, akkuma nyaataa fi dhugaati dhiisu nama hamachuu, fiilmi ilaalu, halkan caati irra bulu fi amaloota fafee biroos ni dhiisa. Kanaafu, namni ji’a Ramadaanaa keessa hojii badaa irraa fagaatu fi hanga danda’een hojii gaggaarii baay’isuu In Sha Allah jireenya isaa keessatti jijjirama guddaa ni arga.

Zakaatul Fixr

3 comments

Leave a Reply