Oduu Fudhachuun Dura Mirkaneeffadhuu
“Yaa warra Amantan! Faasiqni tokkoo oduun yoo isinitti dhufe, namoota wallaalummaan akka hin miine, ergasii wanta hojjattaniif gaabbitoota akka hin taaneef [dubbii] addaan baafadhaa.” Al-Hujuraat 49:6
Kana jechuun yaa warra Rabbii fi Ergamaa Isaa dhugoomsitan,faasiqni tokko oduu wayii yoo isinitti fide, oduu isaa kana dhugaa yookiin soba ta’uu addaan baafadhaa. Faasiqa jechuun nama ajaja Rabbii keessaa baheedha. Temirri asheenni yommuu qoola keessaa baatu fasaqati ruxbatu (temirri asheenni qoola keessaa baate) jedhama. Akkuma kana namni ajaja Rabbii fudhachuu dide, faasiqa jedhama. Oduun faasiqa akka shakkamu kan taasifameef, iimaanni isaa dadhabaa waan ta’eef cubbuu (dilii) guddaa badii guddaa geessu danda’u akka salphaatti ilaala. Kanaafu, oduun inni beeksisu namoota irratti miidhaa guddaa geessu danda’a. Kanaafu, namoota wallaalummaan akka hin miine, ergasii wanta hojjattaniif gaabbitoota akka hin taaneef [dubbii] addaan baafadhaa..” kana jechuun haala namootaa osoo hin beekin, namoota akka hin miineef dubbii addaan baafadhaa. Osoo dubbii addaan hin baafatin namoota yoo miitan, miidhaa hojjattan kanaaf boodarra garmalee gaabbitu.
Namni gariin osoo dubbii namni isatti fide addaan hin baafatinii fi haala namni suni keessa jiru sirritti hin qoratin, nama arrabsuuf yookiin reebuuf fiiga. Seenaan kuni kana ragaa baha. Gaafa tokko osoo Ergamaan Rabbii (sallallahu aleyh wassallam) duula waraanaa bobba’anu haadha manaa isaanii tan taate Aa’ishaa (R.A) waliin deeman. Yommuu bakka tokko gahan, hara baafachuuf qubatan. Aa’ishaanis gaala irraa bu’uun fincaaniif achi deemte. Yeroo san dubartootaaf gaala irratti mana xiqqoo hojjatan. Yommuu duulli bakka sanii deemu, Aa’ishaan waan mana xiqqoo kana keessa jirtu se’anii gaala kaasanii deeman. Aa’ishaan faaya ishii irraa bu’ee osoo barbaaddu turte. Ergasii sahaabaa tokko kan duubatti hafetu ture. Inni Aa’ishaa fuudhee gara duulaatti deeme. Yommuu duula bira gahu, munaafiqoonni waa’ee Aa’ishaa ilaalchisee oduu hafarsuu jalqaban. Sagaagalummaan maqaa ishii xureessan. Rabbiin aayaata Qur’aana armaan gadii keessatti akkana jechuun isaan balaalefate:
“Dhugumatti, warri [Aa’ishaa irratti] soba fidan garee isin irraa ta’aniidha. Isa isiniif hamtuu hin se’inaa. Inuma inni isiniif gaariidha. Nama isaan irraa ta’e hundaafuu,hamtuu irraa wantuma inni carraaqetetu isaaf jira. Isaan irraa kan [soba] guddaa baadhate immoo adabbi guddatu isaaf jira.Maaliif yeroo soba kana dhageessan, mu’imintoonni dhiiraas ta’e kanneen dubaraa walii toltuu yaadun ‘Kuni soba ifa bahaadha.’jechuu dhabanii? Maaliif isa irratti ragaalee afur fidu dhiisanii? Eega ragaalee hin fidin, isaan sun Allaah biratti sobdoonni isaanuma. “ Suuratu An-Nuur 24:11-13
Mu’mintootaa keessaa namoota dubbii munaafiqotaa fuudhun Aa’ishaa maqaa xureessantu ture. Isaan boodarra yommuu dhugaan ifa bahu, ni gaabban. Kanaafu, namni tokko oduu yommuu nutti fidu, akka nama irratti miidhaa hin geessineef, oduu isaa addaan baaafachu qabna. Yeroo tokko dargaggeessi tokko reefu jireenya fuudhaa heeruma ijaarrata. Guyyaa tokko namni tokko dhufee “Niitiin tee nama akkanaa waliin haasofti” jedhee itti odeesse. Ergasii innis oduu kana osoo addaan hin baafatin, ishii rukututti (haleelutti) fiige. Ishiinis sababa rukuttaa kanaatiin ni duute.
Kunoo osoo oduu addaan hin baafatin fiigun, nama irratti miidhaa akka geessan nama taasisa. Ergasii gaabbi badaa keessa nama seensisa.