Qalbii Keessatti Iimaana Miidhagsu
“Ergamaan Rabbiii akka isin keessa jiru beekaa! Osoo dhimma baay’ee keessatti isiniif tole jedhee, silaa ni rakkattu turtan. Garuu Rabbiin iimaana isin jaalachiise, qalbii teessan keessattis bareechise; kufrii, fisqii fi isyaana isin jibbisiise. Isaan sun isaanumatu qajeelfamoodha.” Suuratu Al-Hujuraat 49:7
“Ergamaan Rabbiii akka isin keessa jiru beekaa!” Kuni isaan dammaqsuu fi Muslimoonni Ergamaa Rabbii akka hordofan isaan barsiisufi. Ergamaan Rabbii (sallallahu aleyh wassallam) akka isaan keessa jiru ni beeku. Garuu wanta Rasuulli isaan ajaje akka hojjatan kakaasu fi wanta isaan dhoowwe hojjachuu irraa isaan akeekachiisuufi.[1]
“Osoo dhimma baay’ee keessatti isiniif tole jedhee, silaa ni rakkattu turtan.”
Kana jechuun dhimmoota baay’ee isin isarraa feetan keessatti osoo isiniif ajajame, silaa ulfaatinni baay’een isin qunnamaa ture. Kana ilaalchisee fakkeenya baay’ee kaasun ni danda’ama. Isaan keessaa: Gaafa tokko Nabiyyiin (sallallahu aleyh wassallam) salaataa halkanii salaachisuuf sahaabota isaa waliin dhaabbate. Bari’uuf halkan irraa hammi ta’e yommuu hafu salaata ni xumuran. Sahaabonni Nabiyyiin akkana jedhan, “halkan hafte tana osoo nuun salaatte maal qabaa?” Kana jechuun halkan guutuu akka isaan salaachisu barbaadan. Garuu akkana isaaniin jedhe: Hanga imaamni salaata xumurutti namni isa waliin dhaabbate, qiyaamu leyl (salaanni halkanii) isaaf katabama.” Nabiyyiin wanta isaan barbaadaniif tole hin jenne. Sababni isaas, kana keessa rakkinnaa fi ulfaatinnatu jira. (Osoo halkan guutuu salaataa bulanii, silaa kuni baay’ee isaanitti ulfaata.)
Ammas, sahaabota Nabiyyii (sallallahu aleyh wassallam) irraa namoonni sadan wayii hojii Nabiyyiin dhoksaatti hojjatan ni qoratan. Isaaniis ibaadaa inni manatti hojjatu yommuu dhagahan, ibaadaa ofii tuffachuun akkana jedhan: Dhugumatti, Ergamaa Rabbiitiif diliin darbee fi dhufu Rabbiin araarameefi jira. Nuti immoo akkanaa miti.” Isaan keessaa tokko akkana jedhe: Ani ni sooma, hin hiiku.” Kan biraas ni jedhe: Ani halkan guutuu salaataa bula, hin rafu.” Kan sadaffaas akkana jedhe: ani dubartoota hin fuudhu.” Oduun kuni Nabiyyii ni dhaqqabe. Innis akkana jedhe: Ani immaa ni sooma ni hiika. Halkan salaataaf nan dhaabbadha, nan rafas. Dubartootas nan fuudha. Namni sunnaa kiyya irraa garagale inni narraa miti.” Kanaafu, hojii isaan irratti ulfaatu hojjachuu irraa isaan akeekachiise.
Ammas, hadiisa Abdullah ibn Amr ibn Aas kaasun ni danda’ama. Abdullaan akkana jedhe: Hanga lubbuun jirutti guyyaa nan sooma, halkan nan dhaabbadha.” Oduun kuni Nabiyyi gahe. Nabiyyiinis (sallallahu aleyh wassallam) isa waame akkkana jedheen: Situ akkana jedhee?” Innis “eeyyen” jedhe. Nabiyyiinis ni jedheen, “Ati kana hin dandeessu.” Ergasii wanta san caalaa sadarkaa qabuu fi salphaa ta’etti qajeelche.
Gabaabumatti, Sahaabota keessaa nama kaayyoo guddaa galmaan gahuuf fedhii guddaa qabutu jira. Garuu Ergamaan Rabbii (sallallahu aleyh wassallam) dhimmoota baay’ee keessatti isaaniif tole hin jedhu. Sababni isaas, osoo isaaniif tole jedhee silaa kuni isaan irratti ulfaata. Ergasii Rabbiin olta’aan akkana jedhe: “Garuu Rabbiin iimaana isin jaalachiise, qalbii teessan keessattis bareechise; kufrii, fisqii fi isyaana isin jibbisiisee.”
Osoo namni tokko akkana jedhe, hariiroon “Garuu Rabbiin iimaana isin jaalachiise, qalbii teessan keessattis bareechise…” fi “Ergamaan Rabbiii akka isin keessa jiru beekaa! Osoo dhimma baay’ee keessatti isiniif tole jedhee, silaa ni rakkattu turta.” jiddu jiru maalidhaa?
Deebiin: Nabiyyiin dhimmoota baay’ee keessatti isiniif ajajamu haa dhabuyyu malee isin immoo wanta fedhii keessan faallessu keessatti Ergamaa Rabbiitiif ni ajajamtu. Sababni isaas, Rabbiin iimaana isin jaallachiise. Kanaafu, fedhii keessan caalaa Nabiyyiif ajajamuu dursa kennitu.
Garuu yommuu Nabiyyiin dhimmoota baay’ee isin barbaaddan faalleessu, isin kana hin jibbine, isas hin faallessine. Nabiyyiif ni ajajamtan. Sababni isaas, “Rabbiin iimaana isin jaalachiise, qalbii teessan keessattis bareechise…” Kana jechuun iimaanni qalbii keessatti jaallatamaa fi bareedaa akka ta’u taasise. Wanta tokko jaallachun qofti gahaa miti. Tarii jaalalli takka dhufee ergasii kan badu ta’uu danda’a. Garuu yoo wanti suni namatti bareede jaalalli fi wanta san hojjachuun itti fufa. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa yommuu arkaana iimaanaa jahanii fi arkaana Islaamaa shanan isaan jaallachiisuu fi qalbii isaanii keessatti bareechisu, fedhii ofii caalaa Nabiyyiif ajajamu dursa kennan. Ammas, “kufrii, fisqii fi isyaana isin jibbisiisee.” Kana jechuun kufrii (Rabbii fi Ergamaa Isaatti kafaruu (amanuu diduu), shirkii), fisqii (badii gurguddaa akka sagaagalummaa, sihrii, nama ajjeesu fi kkf), isyaana ( hojii badaa xixxiqoo) akka jibbitan isin taasise.
“Isaan sun isaanumatu qajeelfamoodha.” Kana jechuun warri Rabbiin iimaana isaan jaallachiisee fi qalbii isaaniii keessatti bareechise, kufrii, fisqii fi isyaana jibbisisee warra karaa qajeelaa irra deemaniidha.
“Rabbiin irraa tolaa fi qananii ta’eedha. Rabbiin Beekaa, Ogeessa.” Suuratu Al-Hujuraat 49:8
Kana jechuun iimaana isin jaallachisuu fi qalbii keessatti miidhagsuun, akkasumas, kufrii, fisqii fi isyaana isin jibbisiisuun kennaa Rabbiin isiniif kenneedha. Akkasumas, qananii Inni isin qananiiseedha. Tola jechuun kennaa mindaa fi ifaaje malee namaaf kennamuudha. Iimaana jaallachuu fi kufrii jibbuun ifaajee keessaniin osoo hin ta’in kennaa Rabbiin isiniif kenneedha. Akkasumas, iimaanni qalbii keessatti mi’aawu fi bareedun qananii guddaadha. Qananii jechuun wanta namatti mijaa’udha. Iimaanni qalbii keessa yoo seenee fi kufriin qalbii keessaa bahe, namni tasgabbii argata. Tasgabbiin kuni qananii hundarra caaludha. Akkasii miti ree?
“Rabbiin Beekaa, Ogeessa” kana jechuun Rabbiin nama qajeelinni isaaf ta’u ni beeka, kanaafu qajeelinna (hidaayah) isaaf kenna. Rabbiin nama niyyaan isaa gaarii ta’uu beeke, iimaana isa jaallachisa, qalbii isaa keessatti bareechisa. Kufrii immoo isa jibbisiisa. Nama niyyaa gaarii irraa hin beekne immoo, ni jallisa. Rabbiin ni jedha:
“Yommuu isaan jallatan, Rabbiin qalbii isaanii jallise. Rabbiin ummata faasiqoota (finciltoota) hin qajeelchu.” Suuratu As-Saff 61:5[2]
“Ammas, Rabbiin Ogeessa.” Kana jechuun wanta hundaa bakka isaaf malu kan kaa’udha. Beekumsi Isaa wanta hundaa kan haguugedha. Kanaafu, wanta hundaa bakka isaaf malu kaa’a. Nama qajeelinni maluuf beeke, qajeelinna qalbii isaa keessa godha. Nama jallinna malee wanta biraa hin barbaanne immoo, jallinna qalbii isaa keessa godha. Ammas, nama badhaasni isaaf malu ni badhaasa. Nama adabbiin isaaf malu ni adaba.
Gabaabumatti, iimaanni qalbii keessatti miidhaguun, kufriin, fisqii fi isyaanni qalbii keessatti jibbama taasisuun tola Rabbiin namaaf kennu waan ta’eef yeroo hundaa namni tola kana argachuuf Rabbii olta’aa kadhachu qaba. Ergamaan Rabbiin (sallallahu aleyh wassallam) gaafa lola Uhud du’aayi isaanii keessatti du’aayi tana akka jedhan gabaafame jira:
Allahumma habbib ileynal iimaana wazayyinuhu fii quluubinaa. Wa karrih ileynal kufra walfusuuqa wal isyaana waja’alnaa mina raashidiin.
“Yaa Rabbii! Iimaana nu jaalachiisi, qalbii teenya keessatti miidhagsi. Kufrii, fisqii (badii gurguddaa akka sagaagalummaa, alkooli dhuguu fi kkf) fi isyaana ( badii xixxiqoo) nu jibbisiisi. Warra qajeelan irraayis nu taasisi.” Al-Adaabul Mufrad 699
[1] Tahriir Wa tanwiir
[2] Tafsiir Ibn Useymiin