Qishnaa Wal Hin Godhatinaa, Wal hin arrabsinaa, Maqaa Badaa walitti hin moggaasinaa
Yaa warra amantan! Dhiironni dhiirotatti hin qishniin, tarii isaan irra gaarii ta’uu danda’u. Dubartoonnis dubartootatti hin qishnin, tarii isaan irra gaarii ta’uu danda’u. Wal hin eybessinaa, maqaa badaan wal hin waaminaa. Iimaana booda maqaan faasiqummaa waa fokkate! Namni hin tawbanne, isaan sun isaanumatu zaalimota.”
“Yaa warra amantan! Dhiironni dhiirotatti hin qishniin, tarii isaan irra gaarii ta’uu danda’u.” Kana jechuun Yaa warra Rabbii fi Ergamaa Isaa dhugoomsitan! Dhiironni dhiirota biroo qoosa hin godhatin. Kana jechuun, Namni Muslimaa tokko amala ykn hiyyummaa ykn uumama nama biraa ilaalun gadi isa hin xiqqeessin. Tarii namni inni gadi xiqqeessu kuni Rabbiin biratti isa caalu danda’a. Rabbiin biratti gatiin ilmaan namaa qabeenyaan ykn bareedinnaan osoo hin ta’in, iimaanaa fi taqwaani. Namni ati gadi xiqqeessitu hiyeessa ykn fokkataa ta’uu danda’a. Garuu iimaanaa fi taqwaa waan qabuuf si caalaa gaarii ta’uu danda’a. Ammas hikni biraa, namni ati har’a sababa hiyyummaa isaatiin gadi xiqqeessitu dureessa ta’e si caalu danda’a, ati immoo hiyyeessa taate isaa gadi ta’uu dandeessa. Rabbiin haala jireenya namaa kan jijjiruudha. Namni har’a sababa naafa (paralayized) ta’eef gadi xiqqeessitu, tarii inni fayyee ati naafa ta’uu dandeessa. Kanaafu, nama kamu sababa fokkinnaatin, hiyyummaatin ykn uumama isaatiin gadi hin xiqqeessin. Namni ati gadi xiqqeessitu tari har’a amala dhokataa biraatiin si caalu danda’a. Yookiin boru qabeenyaan ati isaa gadi taatee inni si caalu danda’a.
“Dubartoonnis dubartootatti hin qishnin, tarii isaan irra gaarii ta’uu danda’u.” Kana jechuun dhiira qofaa miti, dubartoonnis dubartoota biraa qoosa hin godhatin (gadi xiqqeessun itti hin kolfin). Dubartoota meeqa beekna, ilma dubartiin biraa deessetti yommuu kolfitu, ilmuma akkasi Rabbiin itti kenne. Fakkeenyaf, yommuu dubartiin takka ilma gurraan hin dhageenye argattu, dubartiin biraa ilma kana gadi xiqqeessuun itti kolfiti. Ergasii Rabbiin ilmuma akkana itti kenna. San booda ilma kana waliin rakkatti. Kanaafu, uumama namaatti kolfun, murtii Rabbiitti kolfuu waan ta’eef namni kana irraa of eeggachuu qaba.
“Wal hin eybessinaa” Kana jechuun hanqinna dhokataa namni tokko qabu ifatti baastanii dubbachuun gadi hin xiqqeessinaa. Fakkeenyaaf, eebalu duudadha, eebalu kadhattuudha, eebalu shenkellaadha (nama lukaan okkolu. ‘Lukaan ni okkola’ yoo jedhan homaa miti, garuu ‘shenkellaa’ yoo jedhaniin kuni isa gadi xiqqeessu fi arrabsuudha). Eybeessu jechuun waa’ee nama tokkoo ilaalchisee dubbii gadi xiqqeenya ykn salphinna agarsiisu dubbachuudha.
“maqaa badaan wal hin waaminaa.” Kana jechuun maqaa badaa namni tokko hin jaalanne itti mogaasun wal hin waaminaa. Fakkeenyaaf, yaa faasiq, yaa mujrima, yaa kabeelaa, yaa sagaagaltu fi kkf jechuun wal waamun dhoorgadha.
“Iimaana booda maqaan faasiqummaa waa fokkate!” Kana jechuun namni tokko iimaanaan erga ibsamee booda faasiqummaan ibsamuun waa fokkate. Faasiqummaa jechuun hojii babbadaa gurguddaa Rabbiin dhoorge hojjachuudha. Yommuu wanta Rabbiin dhoorge hojjattan, faasiqoota (finciltoota) taatu. Nmni yommuu hojii badaa guddaa hojjatu, faasiqa ta’a. Ammas, hojii badaa xixxiqaa hojjachuu irra deddeebi’ee fi itti fufe, faasiqa ta’a. Kanaafu, iimaana erga argattee booda faasiqa hin ta’in.
Kanaafu, namni obboleessa isaa Muslimaa qishnaa godhate, eybeesse fi maqaa badaa inni hin jaalanneen isa waame, faasiqa ta’aa jechuudha. Sababni isaas, kunniin wanta Rabbiin dhoowwedha. Namni kuni mu’mina erga jedhame booda faasiqa jedhamee waamamuun akkam fokkataadha. (Fakkeenyaaf, namni Muslima erga ta’ee booda yoo kafare, kaafira jedhamee waamama. Kuni maqaa fokkuudha. Akkuma kana, namni mu’mina (nama dhugaan amane fi shari’aa hordofuudha) jedhamee erga waamame booda hojii badaa akka sagaagalummaa yoo raawwate faasiqa jedhama. Kuni maqaa fokkuudha miti ree? Akkuma kana yoo nama Musliimaa qishnaa godhate, eybeesse fi maqaa badaa inni hin jaalanneen isa waame, faasiqa jedhame waamama.)
“Namni hin tawbanne, isaan sun isaanumatu zaalimota.”
qishnaa godhachuun, eybeessuu fi maqaa badaa inni hin jaalanneen isa waamuun dilii (cubbuu) erga ta’anii, isaan irraa tawbachuun dirqama. Namni kana irraa hin tawbannee zaalima (miidhaa hojjataadha). Sababni isaas, namoota irratti daangaa darbuun zaalima ta’ee jira. Ammas, Aakhiratti nafsee ofii adabbiif waan saaxiluuf of miidhee jira. Namni badii kanniinii fi kan biroo irraa hin tawbanne, Aakhiratti adabbii cimaatu isa eeggata.
Tawbachuu jechuun badii irraa buqqa’uun gara Rabbiif ajajamuutti deebi’uudha. Tawbaan nama tokkoo Rabbiin biratti fudhatama argachuuf ulaagaalee shan guutu qabdii:
- Ikhlaasa-Na argaaf ykn dubartiif ykn faayda birootiif osoo hin ta’in Rabbiif jecha tawbachuudha.
- Gaabbuu- Badii hojjatee dabarseef ykn hojii dirqamaa dhiiseef gaabbiin isatti dhagahamu.
- Ammatti badii irraa buqqa’uu– yoo hojii badii hojjachaa jiraate, hojii badaa kana dhiisu. Yoo hojii dirqamaa kan akka salaata dhiise, salaata jalqabuu fi itti fufuu.
- Gara fuunduraatti akka itti hin deebine ijjannoo qabaachu
- Yeroo tawbaan itti qeebalamtu keessatti ta’uu- yeroon tawbaan itti hin qeebalamne yeroo aduun dhiyaan baatu fi duuti itti dhuftuudha. Yeroo Qiyaamaan dhiyaattu, aduun bahaan bahuu dhiistee dhiyaan baati. Yeroo kanatti tawbachuun homaa nama hin fayyadu. Ammas, namni badii hojjachaa bahee, yommuu duuti isatti dhuftu tawbadhe yoo jedhe kuni homaa isa hin fayyadu. Ragaan kanaa:
“Tawbaan warra hanga tokkoon isaaniitti duuti dhuftuu badii hojjatanii ‘Ani amma tawbadhe.’ jedhanii fi isaannan kaafirota ta’anii du’aniif [tan qeebalamtu] miti. Warra san adabbii laalleessa isaaniif qopheessine jirra.” An-Nisaa 4:18[1]
[1] Tafsiira Suuratu Al-Hujuraat – Ibn Useymiin