Zannii Badaa, Basaasu fi Hamii Irraa fagaadhaa

Obboleessa/obboleetti Muslimaa gaarummaan isaa/ishii mul’atu wanta badaan shakkuun, isaan duuba deemanii basaasu fi hamachuun funyoo obbolummaa fi hariiroo jaalalaa kan kutuudha. Nama wal hamatan lamaan jidduutti jaalalli ni uumama jettee ni yaaddaa? Namni nama biraa hamatu takkaa jibba isaaf qabu ifatti baasuf takkaa immoo ani isa caala, inni immoo anaa gadi jedhe dubbachuuf hanqinna nama sanii kaasee odeessa. Ragaa tokko malee wanta badaan nama shakkuun, nama duuba deemanii hanqinna namarra barbaadun (basaasun) fi hamiin diinummaa fi jibbummaa wal jidduutti uuma, kabaja namaa gadi xiqqeessa, salphinnaaf nama saaxila. Kaaafi, Rabbiin olta’aan akkana jechuun gochoota kanniin irraa nu dhoorge:

Yaa warra amantan! Zanni baay’ee irraa fagaadhaa, dhugumatti zanniin gariin cubbuudha. Wal hin basaasinaa, walis hin hamatinaa. Tokkoon keessan foon obboleessa isaa du’e nyaachu ni jaallataa? Isa ni jibbitu. Rabbiin sodaadhaa. Dhugumatti, Rabbiin Tawbaa qeebalaadha, Rahmata godhaadha.”  Suuratu Al-Hujuraat 49:12

Yaa warra amantan! Zanni baay’ee irraa fagaadhaa,” Kana jechuun yaa warra Rabbii fi Ergamaa Isaa dhugoomsitanii fi shari’aa Isaa hordoftan! Waa’ee Mu’mintoota ilaalchisee zannii badaa baay’ee qabaachu irraa fagaadhaa. Zanni jechuun “wanti kuni dhugaa ta’uu danda’a ykn soba ta’uu danda’a” jedhanii shakkuudha. Jecha biraatiin, wanti tokko dhugaa ykn soba akka ta’etti namatti fakkaachuudha. Kanaafu, zanniin bakka lamatti qoodama:

1ffaa- Zannii gaarii- Waa’ee nama tokko ilaalchise zanni gaarii qabaachu (yaadu). Yoo obbolleeyyan kee Musliimaa waan gaarii irra jiraatanii fi gubbaan (zaahirri) isaanii gaarii fakkaate, waa’ee isaanii ilaalchisee waan gaarii yaadun (zannii gaarii qabaachun) barbaachisaadha.

2ffaa- Zannii badaa– kana jechuun wanta badaan nama shakkuu. Ragaa tokko malee nama Muslimaa gubbaan isaa gaarii ta’ee wanta badaan shakkuun dhoorgadha. Akkuma hayyoonni Islaamaa jedhan: ragaa tokko malee nama Muslimaa hojii fi dubbiin isaa gaarii ta’e wanta badaan shakkuun dhoorgadha. Garuu nama wanta nama shakkisiisu hojjate ykn dubbate, waa’ee isaa ilaalchise zannii badaa qabaachun homaa rakkoo hin qabu. Kuni akka isa irraa of eegan nama taasisa. Fakkeenyaaf, hattuu ilaalchisee zanni badaa qabaachun homaa rakkoo hin qabu.

“dhugumatti zanniin gariin cubbuudha.” Kana jechuun waa’ee nama tokko ilaalchisee zanniin (yaanni badaan yaadan) gariin cubbuudha. Sababni isaas, ragaa tokko malee yaanni badaan waa’ee isaa/ishii ilaachisee yaadan cubbuutti (dilliitti) nama kuffisa. Fakkeenyaf, akka isa/ishii hamatu ykn rukutu fi wantoota babbadoo biroo isarratti raawwatu taasisa.  

Nama Musliimaa hojii fi dubbiin isaa gaarii ta’ee ragaa tokko malee shakkuun (zannii badaa qabaachun), akka isa basaasan taasisa. Kunoo itti aanse basaasu irraa dhoorge:  “Wal hin basaasinaa” Kana jechuun hanqinna dhokataa namni tokko qabu irra hin barbaadinaa. Kuni takkaa dhoksaan ijaan suuta jedhanii ilaalu ykn gurraan dhageefachuun ta’a. Namni nama biraa basaasu, wanta inni jibbu nama kanarraa argu danda’a. Kanaafu, qalbiin isaa tasgabbooftu erga turte booda wanta jibbu ykn isa sodaachisu waan argeef ni jeeqamti. Namni inni basaasu kunis tasa yoo isa arge, garmalee isa jibba. Kanaafu, isaan lamaan jidduutti diinummaa fi wal lolli uumamu danda’a.

Namni hanqinna namaa namarra barbaade hanqinna ofii hin argu. Akkuma hadiisa keessatti dhufe, namni hanqinnaa nama Muslimaa hordofe , Rabbiin hanqinna isaa hordofee isa salphisa. Wal basaasuun (hanqinna walirra barbaadun) gara wal hamachuutti nama geessa. Kanaafi itti aanse “walis hin hamatinaa.” jechuun dhoorge.

Ghibaa (hamii) jechuun bakka namni tokko hin jiretti waa’ee isaa ilaalchse wanta inni jibbu dubbachuudha. Akkuma Nabiyyiin (Sallallahu aleyh wassallam) jedhan: Ghibah (hamii) jechuun wanta obboleessi kee jibbuun waa’ee isaa dubbachuudha.” Uumama isaa ykn amala isaa ykn haala isaa ykn sammuu (aqlii) isaa, ykn wanta biraa ilaalchise wanta inni hin jallannen isa kaasudha. Fakkeenyaaf, uumama isaa ilaalchise  akkana jechuu: ebalu bifa fokkuu qaba, wanta akkanaatu isarra jira fi qaama isaa ilaalchise gadi xiqqeessuuf dubbattuudha. Yookiin amala isaa ilaalchisee akkana jechuu: ebalu gowwaadha, dafe aara fi kkf. Yookiin uumama keesso isaa ilaalchisee akkana jechuu: ebalu doomaadha, ebalu homaa hin hubatu, sammuun isaa homaa hin qabatu fi kkf jechuu. Rasuulli (sallallahu aleyh wasallam) hamiif daangaa tokko lafa godhe: obboleessa kee wanta inni hin jaalanneen isa kaasudha.” Sahaabonnis ni jedhan: Wanti ani jedhu isa keessa yoo jiraate hoo akkamitti ilaaltaa?” Nabiyyinis ni jedhan: Wanti ati jettu isa irratti yoo argame, dhugumatti isa hamattee jirta. Wanti ati jettu isa irra yoo hin jiraatin, maqaa xureessitee jirta.” Kana jechuun maqaa xureessu fi hamii bakka tokkotti walitti qabde. Kanaafu kana irratti hundaa’e, wanti jedhamu isaan keessa jiraates jiraatu baates, wanta namoonni jabbaniin isaan kaasu irraa of qabuun dirqama.

Kana beeki, hanqinna dhoksaa obboleessa keeti yoo ifatti baastee labsite, Rabbiin nama hanqinna dhoksaa kee ifatti baase labsu sitti qaba. Rabbiin wanta zaalimoonni hojjatan irraa daguu (gaflaa) keessa akka jirutti hin yaadin.

Garuu hamiin faaydaaf yoo ta’ee homaa rakkoo hin qabu. Kanaafi, yommuu Faaxima bint Qays gara Ergamaa Rabbii (sallallahu aleyh wasallam) dhufuun waa’ee dhiirota ishii kaadhimatinii ilaalchisee mari’achiiste. Nabiyyiinis hanqinna dhiirota kanniin keessa jiru ibseef. Dhiironni sadii fuudhaaf ishii kadhatanii turan. Isaanis: Mu’awiyah bin Abi Sufiyan, Abu Jahm bin Haaris fi Usaama bin Zayd (radiyallahu anhum). Nabiyyiinis akkana ishiidhaan jedhan: Mu’awiyaan hiyyeessa qabeenya hin qabu. Abu Jaham immoo harcummee isaa ceeku irraa lafa hin godhu (nama reeba). Usaama bin Zeyditti heerumi.” Nabiyyiin (sallallahu aleyh wasallam) gorsaa fi haqa ifatti baasuuf hanqinna dhiirota lamaan kanniin keessa jiru dubbate. Kuni shakkii tokko malee akka hamiitti hin ilaallamu. Kanaafi, namni tokko dhufee waa’ee namticha tokko waliin dalaguu ilaalchise si mari’achiise, dirqamni sirra jiru hanqinna namticha kana keessa jiru isaaf ibsuudha. Fakeenyaaf, waliin daldaaluuf, itti heerumsiisuf ykn fuudhuf waa’ee namticha kana ykn dubartii tanaa ilaalchise yoo si gaafate, hanqinna dhoksaa isa ykn ishii keessa jiru itti himta. Kuni akka hamiitti hin ilaallamu. Inumaa kuni haqa ibsuudha. Namtichi inni waliin daldaluuf deemu kuni liqaa kan tursiisu ykn kijibaa ykn wanta sobaa kan hojjatu ta’u isaa yoo beekte, akkana jedhiin: namtichi ati waliin daldaaluf deemtu kuni kijibaadha, sobaan hojjata (acabarbaaridha). Kanaafu, isa walii hin daldaalin.

Yookiin dargaggeessi tokko dhufee intala nama tokkoo kadhata. Abbaan intalaa kunis dhufee waa’ee dargaggeessa kanaa ilaalchise si mari’achiisa. Dargaggeessi kuni yommuu gubbaa ilaallamu, nama qajeelaa, amala gaarii qabu fakkaata. Garuu ati amala badaa dhokata ta’e tokko isarraa ni beekta. Kanaafu, ati amala kana ibsuun sirraa eeggama. Fakkeenyaf, dargaggeessi kuni garmalee kijiba baay’isa. Yookiin sigaaraa aarsa, garuu akka aarsu namootatti hin himu, inumaa ni kaada. Kanaafu, atis dargaggeessi kuni sigaaraa akka aarsu abbaa intalaatti ni himta.

Gabaabumatti, nasiihaf (gorsaaf) (kana jechuun badii isaa irraa namoonni akka of eeggatan ykn akka hin gowwoomneef) wanta namni tokko jibbuun waa’ee isaa dubbachuun akka hamiitti hin ilaallamu.

Akkuma kana kaayyoon wanta inni hin jaalanne dubbachuu zulmii (miidhaa) fi iyyannoo dhiyeeffachu yoo ta’e kunis homaa rakkoo hin qabu. Fakkeenyaaf, ebalu qabeenya kiyya fudhate, ebalu haqa kiyya waakkate fi kkf jechu. Akka fakkeenyaatti, Hind bint Utbah gara Nabiyyii (sallallahu aleyh wasallam) dhufuun akkana jechuun abbaa manaa ishii Abu Sufiyaanin komatte: Abu Sufiyaan namticha doy’aa wanta anaa fi ijoollee tiyyaaf gahu hin kennineedha.” Nabiyyinis akkana ishiin jedhan: wanta sii fi ijoollee tee gahu fudhadhu.” Hind amala Abu Sufiyaan jibbu dubbatte. Garuu kana waan miidhamtee fi iyyannoo dhiyeeffachuuf dubbatte. Rabbiin olta’aan kitaaba Isaa keessatti akkana jedha:

“Nama miidhame malee Rabbiin dubbii badaa ifatti baasu hin jaallatu.” Suuratu An-Nisaa 4:148
Kana jechuun Rabbiin dubbii badaa ifatti baasanii dubbachuu hin jaallatu. Garuu namni miidhame waa’ee nama isa miidhee ilaalchise hammeenya inni qabu dubbachuu danda’a.[1]

“Tokkoon keessan foon obboleessa isaa du’e nyaachu ni jaallataa?” Hamii foon obboleessa du’ee nyaachutiin wal fakkeesse. Akkuma foon obboleessa du’ee nyaachun garmalee jibbisiisaa ta’e, nama hamachuunis akkasuma jibbisiisadha. “Isa ni jibbitu.” Kana jechuun akkuma foon obboleessa du’e nyaachu jibbitan, nama hamachuus akkasuma jibbaa.

Namni du’e osoo foon isaa nyaatamelle namni isarraa dhoowwu hin jiru. Akkuma kana namni hamatamus, bakka inni hin jirreetti waan hamatamuuf, namni isarraa dhoorgu hin jiru. Asitti, namni hamatamu obboleessaan wal fakkeeffame, hamiin immoo foon nama du’ee nyaachuun wal fakkeeffame. Foon nama du’ee nyaachun akkam fokkataa fi jibbisiisaadha! Akkuma kana hamiinis fokkataa fi jibbisiisadha. Sababni isaas, hamiin funyoo obbolummaa kuta, jibbaa fi diinummaa wal jidduutti uuma, kabaja namaa gadi buusa. Namni yommuu hamatamu dhagahu, nama isa hamatu san garmalee jibba. Kanaafu, “Rabbiin sodaadhaa.” hamii irraa fagaadhaa. Taqwaa jechuun wanta Rabbiin olta’aan dhoorge irraa fagaachu fi wanta Inni itti ajaje hojjachuudha. Wanta Rabbiin dhoorge keessaa tokko obboleessa/obboleetti Musliima hamachuudha. Kanaafu, Rabbiin kan sodaattan yoo taatan, nama hamachuu irraa fagaadhaa.

Yoo nama hamachuu fi badii biroo irraa buqqaatanii fi fagaattanii gara Rabbii deebitan, Rabbiin tawbaa teessan isin irraa qeebala (fuudha). “Dhugumatti, Rabbiin Tawbaa qeebalaadha, Rahmata godhaadha.” Kana jechuun Rabbiin nama gara Isaatti deebi’ee tawbate irraa tawbaa ni qeebala. Rahmatas namaaf godha.

Asirraa jalqabbiin taqwaa tawbaa akka ta’e ni hubanna. Sababni isaas, namni tokko Rabbiin sodaachuuf jalqaba wanta Rabbiin guddaan dhoorge dhiisee gara wanta Inni itti ajaje hojjachuutti qajeelu qaba. Kuni tawbaa jedhama. Namni akkuma wanta badaa dhoowwame dhiisuu fi wantoota gaggaarii hojjachuu itti fufuun taqwaan isaa dabalaa adeema.

Guduunfaa

✏Shakkii badaan nama shakkuun gara basaasutti nama geessa, basaasun gara hamachuutti, hamachuun gara diinummaa, jibbaa fi adabbiitti nama geessa.
✏Hamii jechuun bakka namni tokko hin jirreetti wanta inni hin jaalanneen waa’ee isaa dubbachuudha.
✏Namni wanta isa duuba jedhamu jibbus, badii isaa irraa namoota akeekachiisuuf, gorsaaf, zulmii (miidhaa) inni namarraan gahe ibsuu fi iyyannoo dhiyeeffachuuf jecha waa’ee isaa yoo dubbate, kuni akka hamiitti hin ilaallamu.
✏Kanaan alatti, kabaja namaa gadi xiqqeessuuf nama hamachuun cubbuu (dilii) guddaadha. Sababni isaas, hamiin foon obboleessa du’ee nyaachuutin wal fakkeeffame.


[1] Tafsiira Qur’aana-Ibn Useymiin

Hundarra Kabajamaan Eenyuu?
Qishnaa Wal Hin Godhatinaa, Wal hin arrabsinaa, Maqaa Badaa walitti hin moggaasinaa

Leave a Reply