Hundarra Kabajamaan Eenyuu?
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Aadamii fi Hawwaa erga uumee booda dachii keessatti sanyii isaanii baay’isuun sabootaa fi gosoota godhe. Faaydan kana keessa jiru akka wal beekanii fi adda baafataniif. Namoonni wal fuudhuuf, dhaala qooddachuuf, dhiigan kan walitti galanii fi hin galle (hammi firummaa) beekkamu qaba. Ta’uu baannan, sanyiin walitti laaqama. Kaayyoon saboota fi gosoota gochuu wal baruu fi wal adda baafachuuf erga ta’e, safartuun kabajaa saba ykn gosa miti jechuudha. Kana irra, kabajni namaa kan ittiin safaramu taqwaadha (sodaa Rabbii inni qabuudha). Yoo taqwaa qabaate, inni nama kabajamaadha. Yoo taqwaa qabaachu baate, inni nama salphataadha. Salphinni isaa takkaa addunyaa tana keessatti mul’ata, takkaa Aakhiratti mul’ata.
“Yaa Ilmaan namaa! Dhugumatti dhiiraa fi dubartii irraa isin uumne, akka wal bartaniif sabootaa fi gosoota isin goone. Rabbiin biratti isin keessaa hundarra kabajamaan hunda keessan caalaa Rabbiin kan sodaatudha. Dhugumatti Rabbiin [hunda] beekaa, keesso beekaadha.” Suuratu Al-Hujuraat 49:13
Kana jechuun yaa ilmaan namaa isin Aadamii fi Hawwaa irraa isin uumne. Yookiin haadhaa fi abbaa irraa isin uumne. Bishaan saalaa dhiiraa fi dubartii keessaa bahu yommuu gadaameessa haadhaa keessatti wal qunnaman, namni ni uumama. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Aadamii fi Hawwaa irraa dhiiraa fi dubartii baay’ee uumee dachii keessa facaase. Dachii keessatti erga baay’isee booda sobootaa fi gosoota isaan taasise. Saboonni namoota baay’ee kan of keessatti hammatudha. Fakkeeyaaf, saba Oromoo. Gosoonni immoo sabaa gadi kan ta’e baay’inna namoota xiqqaa kan of keessaa qabuudha. Faaydan sabootaa fi gosoota gochuu akka ittiin of tuulanii fi dhaataniif osoo hin ta’in, akka wal baraniifi. Kanaan alatti, sabni tokko saba biraa hin caalu, gosni tokkos gosa biraa hin caalu. Garuu wanti takkattiin ittiin wal caalu danda’an taqwaadha.
“Rabbiin biratti isin keessaa hundarra kabajamaan hunda keessan caalaa Rabbiin kan sodaatudha.”
Namni hundarra kabajamaan saba ebalu ykn gosa ebalu irraa waan ta’eefi miti. Kabajaa dhugaan kabajaa namni Rabbiin biratti qabuudha. Rabbiin biratti wanti kabajaa namaaf kennu taqwaa (Rabbiin sodaachu)dha. Kunis wanta Inni itti ajaje hojjachuu fi wanta Inni dhoorge dhiisun galma gaha. Fakkeenyaaf, namni salaataa jama’aan masjiidatti salaatuu fi wanta badaa irraa of qabu, nama salaata kophaatti manatti salaatu caalaa Rabbiin biratti kabajaa qaba. Namni kuni sabaa fi gosa kamirraayyu haa ta’u inni kabaja guddaa Rabbiin biratti qaba. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa, qabeenya ykn bifa ykn saba ykn gosa hin ilaalu. Namni gurraachi Rabbiin sodaatu, nama adii Rabbiin hin sodaanne caalaa kabajaa qaba. Ergamaan Rabbii (sallallahu aleyh wassallam) akkana jedhan: “Dhugumatti Rabbiin suuraa fi qabeenya keessan hin ilaalu, garuu qalbii fi hojii keessan ilaala.” Sahih Muslim 2564
Dhugumatti Rabbiin [hunda] beekaa, keesso beekaadha.” Kana jechuunRabbiin subhaanahu wa ta’aalaa alaa fi keessa, ifaa fi dhokataa hunda kan beekudha.