Ibsa Suuratu Al-Insaan-Kutaa 1

Namni jireenya keessatti “Eessaa dhufe? Garam deemaa jiraa? Gahuumsi namaa eessa ta’uu danda’aa? Du’ee achumaan ni badaa?” jechuun of gaafachu hin oolu. Dhugumatti gaafilee kanniinif deebii gaha argachuun tasgabbii argachuudha. Namoonni baay’een sababa adda addaa irraa kan ka’e gaafilee kanniiniif deebii gahaa hin argatan. Sababni guddaan deebii gahaa akka hin arganne isaan taasise, madda sirrii deebii kana isaaniif deebisu barbaadu dhiisudha. Dhugumatti, maddi sirriin deebii gahaa itti argatan, Rabbii olta’aa irraayyi. Sababni isaas, Inni Uumaa (Khaaliqa) waa hundaa waan ta’eef, maaliif namoota akka uume, gahuumsi isaanii eessa akka ta’e sirritti beeka. Kanaafi Ergamtoota ni erge, kitaabban ni buuse. Kanaafu, dirqamni nurra jiru gara Kitaaba Rabbiitti deebinee qo’achuudha. Har’as gaafilee armaan oliitiif suurah deebii gaha deebistu ibsa waliin ni ilaalla. Haa jalqabnu:

Itti Fufi…

IBsa Suuratu Al-Mursalaat-Guutuu

Suuratu Al-Mursalaat waa’ee Guyyaa Qiyaamaa, namoota Qiyaamaa kijibsisan, muttaqootaa fi mindaa isaanii ilaalchistee dubbatti. Nama sirritti itti xinxalleef qoricha taati. Gaflaa keessaa isa/ishii dammaqsiti. “Eessa deemaa jirtaa? Gahuumsi kee eessaa? Warra Qiyaamaa kijibsiisan keessaa yoo taate, gahuumsi kee kana. Warra Qiyaamatti amananii fi hojii gaggaarii hojjatan keessaa yoo taate immoo, gahuumsi kee kana” namaan jetti. Eenyutu Suurah tanatti xinxalla ree? Kuni hiika fi ibsa suurah tanaa kitaabban tafsiiraa irraa haala kanaan dhiyaatedha. Buusuf (downlaod) gochuf: https://sammubani.files.wordpress.com/2019/12/tafsiir-suuratu-al-mursalaat.pdf

Ibsa Suuratu Al-Mursalaat-Kutaa 2

Kutaa darbe keessatti Qiyaamaan haqa akka taate ilaalle turre. Akkasumas, wantoota rifachisoo Guyyaa san adeemsifaman ilaalle jira. Har’as itti fufuun ragaalee ifaa Guyyaan Qiyaamaa akka dhuftu agarsiisan ni ilaalla. Guyyaa Qiyaamaa jechuun Guyyaa namoonni du’an hundi kaafamuun qoratamanii fi murtiin isaan jidduutti darbee takkaa gara Jannataa takkaa immoo gara Jahannam itti deemaniidha.

Itti Fufii

Ibsa Suuratu Al-Mursalaat-Kutaa 1

Bismillah rahmaani rahiim (Maqaa Rabbii rahmaan, rahiim ta’een jalqaba) Dhugumatti Faaruun hundi kan Rabbiiti. Isa ni faarsina, ni gargaarsifanna, araarama Isa kadhanna. Sharriwwan nafsee teenyaa fi hamtuwwan hojiiwwan keenyaa irraa Rabbiin eeggamna. Nama Rabbiin qajeelche kan isa jallisu hin jiru. Nama Rabbiin jallise kan isa qajeelchu hin jiru. Rabbii Tokkicha shariika hin qabne malee dhugaan gabbaramaan akka hin jirre ragaa nan baha. Akkasumas, Muhammad gabrichaa fi Ergamaa Isaa ta’uu ragaa nan baha.

Itti Fufi…

Maqaalee Rabbii (Subhaanahu)-Kutaa 10.2

B-Bu’aa namni maqaa Rabbii olta’aa, “Al-Haadi” jedhutti amanuun argatu
Kutaalee darban keessatti maqaalee Rabbii subhaanahu wa ta’aalaa keessaa tokko Al-Haadi kan jedhu ilaalle turre. Al-Haadi jechuun Kan uumamtoota hundaa wanta isaan fayyadutti qajeelchuudha. Uumamtoota keessaa uumamtoota muraasa qajeelcha Rabbii olta’aa agarsiisan ilaalle turre. Kanneen akka kannisa, sinbira halkanii, pengu’ini fi qurxummii. Dhugumatti, umamtoonni kunniin Rabbiin olta’aan waan hundaa irratti danda’aa ta’e akkamitti akka isaan qajeelche nutti mul’isu.

Itti Fufi…
1 36 37 38 39 40 80