Qorsa Jaalalaa-Kutaa 2ffaa
Yeroo darbee keessatti qorsa jaalala waliin mari’achuuf yaalle turre. Kunoo kutaa lammafa itti fufun qabadhe isin dhihaadhe jira.
6. Qabsoo– Qabsoon/ jihaadni cimaan qabsoo lubbuu ofii waliin adeemsisaniidha. Qabsoo kana moo’atuu fi kufuutu jira. Akkuma ibn Kasiira tafsiira isaani keessatti jedhan,”Mu’iminnii(Namni Rabbitti amanee) yommuu diinan ajjeefame shahiida(martyr) ta’a. Yommuu diina keessaa kan ta’ee sheyxaanan moo’atame immoo shiftaa(bandit) ta’a. Dabalatee mu’iminni diina ifaatin moo’atamee ajrii(mindaa) argata. Kan diina keessaatiin moo’ataman immoo cubbuu keessattii irbamuu fi jallatoota ta’an. Read more