Daandii Jijjiramaa-Kutaa 1ffaa
Jijjirama yeroo jennu amala tokkorraa gara amala biraatti darbuu jechuudha. Daandii yeroo jennu immoo karaa irra adeemanii bakka ga’uumsa gahaniidha. Namni daandii qajeela irra yoo hin deemin kallatiin bakka ga’uumsa waan jalaa baduuf karaa bada, bakka deemu hin beeku. Ilmi namaa amala jijjirama qaba. Badaa irraa gara gaaritti yookin immoo gaarii irraa gara badatti jijjiramutu jira. Namoonni akkanumaan cal’isanii jijjirama kana hin adeemsiisan. Sababa tokkotu isaan jijjira. Gariin isaanii wanta badaa osoo hojjataa jiranuu balaan itti bu’ee ergasii balaa sanirra barnoota fudhachuun jireenya ofii sirreessan. Read more