Jannata Isiniif Waadaa Galamte kafaruu fi Shirkii Hojjachuun hin dhabinaa-Kutaa 2.1
Jannani Eessa Jirtii?
Akkuma Nabiyyii (SAW) irraa mirkanaa’etti Jannani samii torbanii ol jirti. Nabiyyiin (sallallahu aleyh wassallam) akkana jedhan: “Yommuu Rabbiin kadhattan, Firdawsa Isa kadhaa. Sababni isaas, inni (Firdaws) ol’aanaa Jannataati, isa irraa laggeen Jannataa burqu, gubbaa isa Arshii Rahmaantu jira.” Sahiih Al-Bukhaari 2790 Kuni Jannanii samiiwwanii ol akka jirtu agarsiisa.[1]