Mormii Mushrikootaa-Kutaa 4

Qur’aana ilaalchisee Mormii Mushrikoota-kutaa 2ffaa
Ammas Mushrikoonni kijiba biraa Nabiyyitti (SAW) maxxansan. Kijibni kunis, “Qur’aana kana Muhammadtu ofirraa fuudhe dubbate. Yookiin namoota durii irraa waraabe.” Kiristaanonni ammaas kijiba kana keessatti yommuu akkana jedhan isaan waliin hirmaatu: “Muhammad Qur’aana macaafa qulqulluu irraa garagalche.” Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa akkana jechuun Mushrikootaa, Kiristaanota fi garee biraatiif deebii deebisa:

Dabalata Dubbisi

Hundee Iimaanaa 3ffaa- Kitaabbanitti Amanuu

Hundee iimaanaa keessaa sadaffaan kitaabban Rabbiin buusetti amanuudha. Akka lugaatti “Kitaaba” jechuun wanta galmaa’e fi barraa’edha. Akka shari’aatti immoo kitaaba jechuun Kalaama (Jecha) Rabbiin ilma namaatiif rahmataa fi qajeelcha akka ta’uuf Ergamtoota Isaa irratti buusedha. Sababa kitaaba Rabbiin irraa bu’e kanaan ilmaan namaa sa’aada (gammachuu) ganda lamaanii dhandhamu. Osoo Rabbiin kitaabban isaaniif buusu baate, silaa hundii isaanitu dukkana keessatti kufanii hafu. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa kitaabban buusun akkamitti dukkana keessaa sababa Ergamtootatiin akka baase akkana jechuun ilma namaatti beeksiisa.

Read more

Qur’aanatti Amanuu

Akkuma yeroo darbee jenne kitaabbanitti amanuu jechuun Rabbiin irraa haqaan bu’uu isaanii, ergaan kitaabban kanniin keessa jiru dhugaa akka ta’ee itti amanuu fi hojii irra oolchudha. Kitaabban Qur’aana dura bu’an yeroo ammaa kan jijjiramanii fi micciramaniidha. Kanaafu, kitaabni tokkichi osoo hin jijjiramin hanga Guyyaa Dhumaa turu Qur’aanaa jechuudha. Sababni isaas, kitaaba dhumaa Rabbiin buusedha. Ragaan kanaa maal yoo jettan, karaa lamaan ilaalun ni danda’ama.

Dabalata dubbisı

Firiwwan Kitaabbanitti Amanuu

Gammachuu fi Milkaa’inna argachuu
Jireenya tana keessatti namoonni hunduu gammachuu argachuuf jecha halkanii guyyaa carraaqu. Gariin hojii humna hojjachuun, gariin hojii sammuu hojjachuun gammachuu barbaadu. Garuu gammachuun ilma namaa kan guuttamu wantoota sadii of keessaa yoo qabaatedha. Isaaniis: qalbiin amanuu, qaaman hojii gaggaarii hojjachuu fi hojii badaa irraa of tiiksudha. Namni tokko wantoota kanniin hojjachuuf qajeelcha isa barbaachisaa miti ree? Qajeelchi waa’ee wantoota kanniinii isaanitti himu kitaabban Rabbiin irraa bu’aniidha. Kanaafu, firiiwwan kitaabbanitti amanuu keessaa tokko wantoota armaan olii sadanitti qajeelun gammachuu fi milkaa’inna argachuudhaa jechuudha.

Dabalata Dubbisi

Shakkii Qur’aanaa Qulqulleessuf-kutaa 3ffaa

Kutaalee darban keessatti waa’ee Qur’aanaa ilaalchise shakkii qalbii namaa keessatti uumamaniif karaalee ittiin qulqulleessan ilaalle turre. Har’as itti fufuun shakkii namoonni qalbii namaatti darban deebii quubsaa waliin ilaalla. Seenaa keessatti Qur’aanni jireenya namootaa irrati jijjirrama guddaa akka hin finneef adduwwiin (diinni) Islaamaa tooftaalee adda addaatti fayyadamanii jiru. Tooftaalee sanniin keessaa sababa fi gaafilee adda addaa dhiyeessun namoota dhamaasudha. Sababa ykn gaafilee isaanii keessaa isaan gurguddoo ta’an deebii waliin mee haa ilaallu. Read more

Shakkii Qur’aanaa Qulqullessuuf-2- Qur’aana fi Saayinsi

Kutaa darbee keessatti Qur’aanni jecha Rabbii (subhaanahu wa ta’aalaa) ta’uu ragaalee agarsiisan ilaalle jira. Ammas itti fufun ragaa afraffaa ilaalla. Innis:
4.Wantoonni Qur’aana keessatti dubbataman wanta jiruun wal qunnamu
Wantoonni Qur’aana keessatti dubbataman haala nama ajaa’ibsiisuun saayinsii ammayyaati fi muxannoo namaa waliin kan wal simatanii fi walitti galaniidha. Saayintistoonni yeroo ammaa wanta Qur’aana keessa jiru yommuu argan, Qur’aanni kitaaba Rabbiin irraa bu’e malee kitaaba namni barreesse akka hin taane mirkaneessanii jiru.  Mee amma Qur’aana irraa Aayaata (keeyyattoota) muraasa saayinsi ammayyaatin wal qabatan haa ilaallu. Read more

SHAKKII QUR’AANAA QULQULLEESSUF-Kutaa 1ffaa

Qur’aanni kalaama (haasawa) Rabbal aalaminaa akka ta’ee fi qulqullummaan isaa hanga ammaatti akka tiikfame yeroo darbee ilaalle jira. Namoonni namoota daandii haqaa irraa jallisuuf halkanii guyyaa carraaqan, Qur’aana jijjiruu akka hin dandeenye yommuu beekan, namootatti shakkii naquu hojii ofii godhatan. Namoota qofa osoo hin ta’in sheyxaanni keessaas shakkii namatti naquuf halkanii guyyaa namatti hasaasa. Kanaafu, Qur’aanni jecha ykn haasawa Rabbii ta’uu isaa akkamitti beeknaa? Karaa baay’een beekna. Mee isaan keessa muraasa isaanii haala armaan gaditiin haa guduunfinu. Read more

Qur’aanni Akkamitti Barreefamaan Walitti Qabamee?

Qur’aanni kalaama (haasawa) Rabbii, Nabiyyi Muhammad (SAW) irratti buufame fi isa dubbisuun akka ibaadatti kan ilaallamuudha.
Qur’aana keessatti yeroo baay’ee maqaa Qur’aanaa agarsiisuuf jechoonni lama irra deddebi’amanii mul’atu. Isaanis; Qur’aanaa fi Kitaaba. Lugaa Arabiffaa keessatti “Qur’aanni” hiika “dubbisuu” qaba[1]. Kuni kan agarsiisu Qur’aanni qubeewwan walitti fiduun arrabaan dubbifamuu kan danda’amuudha. Karaa biraatin “Kitaaba” jechuun wanta galmaa’e fi barraa’edha.[2] Read more

Qur’aanni Akkamitti Buufame?-Kutaa 1

Qur’aanni Jecha Rabbii olta’aati. Dhala namaa dukkana keessaa gara ifaatti baasuf Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) jecha Isaa kan ta’e Qur’aana jaarraa 14 dura Nabii Muhammad (SAW) irratti buuse. Namoonni kana ajaa’ibsifachuun Rabbiin akkamitti Nabiyyi irratti kitaaba kana buusee? Sila akka amma arginu kanatti waraqaa irratti barreesse buuse moo akkamitti buufamee? In sha Allah har’a akkaata buufama Qur’aanaa gabaabbinnaan ni ilaalla. Asii gaditti waa’ee wahyii fi buufama isaa ilaalla. Qur’aanni wahyii keessaa tokko waan ta’eef akkataa buufama isa hubachuun nama hin dhibu. Barreefama keessatti “Ergamaa Rabbii (SAW)” yommuu jedhu Nabi Muhammad (SAW) akka ta’e haa hubatamu. SAW jechuun Salallahu Aleyh Wassalam (nageenyi fi rahmanni Rabbii isarratti haa jiraatu) jechuudha. Read more