Hiika Iimaanaa-Kutaa 3

(B)- Ammas iimaanni dubbii Arrabaa fi hojii qaamolees of keessatti qabata. Dubbiin arrabaa shahaadateyni dubbachuu fi wantoota isaaniin wal qabatan mirkaneessudha. (Shahaadateynin: “Ash’hadu an laa ilaah illallah wa ash’hadu anna Muhammadan abduhu wa rasuuluhu.” (Rabbin malee haqaan gabbaramaan akka hin jirre ragaa nan baha, ammas Muhammad gabrichaa fi Ergamaa Isaa ta’uu ragaa nan baha) jechuudha.)

Itti Haa Fufnu

Dubbii fi Hojii Iimaana Diigan-Seensa-1

Kabajamtoota dubbistoota sammubani.com Assalamu aleykum wa rahmatullahi wa barakaatuh (nageenyi, rahmanni fi barakaan Rabbii isin irra haa jiraatu) Gara waggoota lamaaf waa’ee iimaana, Islaamaa fi tawhiida osoo ilaallu kuno as geenye. Alhamdulillah Rabbiil aalamiin. Sababa barreefama kanaatin iimaana keenya ijaarrachuu fi bareechisu akka jalqabne abdii qaba. Biqiltuu iimaanaa keenya kana guyyaa guyyaan beekumsaa fi hojiin kunuunsaa akka jirru abdi qaba. Akkuma wanta biqiltuu teenya tana jabeessuu fi guddisu beekuu fi hojii irra oolchuuf carraaqnu, wanta biqiltu tana balleessu beekuu fi irraa fageessuuf carraaqun nurraa eeggamaa miti ree? Hanga ammaatti wanta biqiltu iimaana dagaagsu fi jabeessu ilaalaa tureerra. Amma immoo wanta biqiltu iimaanaa balleessu ilaalla. Isin qophiidhaa?

Itti haa fufnu
1 4 5 6