Maqaalee Rabbii Keessaa Muraasa-Kutaa 2ffaa
Ilmaan namaa jireenya isaanii keessatti wantoota lama garmalee barbaadu. Isaaniis: gaddi jireenya keessaa akka hir’atu fi sodaan akka isaan irraa deemudha. Gaddaa fi sodaa jireenya keessaa hir’isanii nageenyaa fi gammachuu argachuuf jecha bakki isaan hin seenne hin jiru. Haa ta’uu malee, bakki baay’een isaan seenan bakka gaddaa fi sodaa isaanitti dabaluudha. Fakkeenyaf, namoonni maallaqa argachuuf garmalee hojjatu. Maallaqa baay’ee erga argatanii booda yommuu maallaqa irraa waa hir’atu ni gaddu. Yommuu maallaqni dabalu immoo akka isaan jalaa hin hatamnee fi hin banne garmalee sodaatu. Haala kanaan jireenya gaddaa fi sodaa jiraatu. Kanaafu, furmaanni kanaa maali ree? Furmaanni kanaa Rabbii olta’atti amanuu fi Isaaf buluudha. Nama Rabbitti amanee fi Isatti bule, Rabbiin gaddaa fi sodaa akka irraa kaasu waadaa galee jira. Akkana jedha: Read more