Jireenya keessatti rakkoolee fi daraaran baay’een nama muudatu. Bosona jireenyaa keessa darbanii milkaa’inna fi gammachuu argachuun aarsa baay’ee fi obsa kan gaafatudha. Akkuma bosonni jireenyaa xaxamaa ta’uun aarsi (wareegamni) namni kafalu akkasuma guddaadha. Obsaan carraaqqi kana yoo itti fufan firiin isaas akkasuma guddaadha. Bosona jireenya kana keessa osoo deemtu qoreen si waraanti, ni aadda, dhukkubbiin onne tee irratti ni dhagahama. Qalbiin tee ni cabdi. Bosona jireenyaa yommuu jedhu maal jechuu akka barbaade hubattanii? Bosona jireenyaa yommuu jedhu mukkeen bakka tokkotti baay’atan jechuu osoo hin ta’in, rakkoolee, tola fi haala jireenya ilma namaati. Akkuma bosonni qoree, daraaraa, habaabo, gaalee, fi kkf qabu jireenyi teenyas rakkoolee, badhaadhinna, dhiphinna, fi kkf of keessatti tan hammattedha. Kanaafu, haala jireenya teenyaa bosona jireenya jenne yoo moggaafne nama hin saalfachiisu mitiree? Read more