Dhama’iinsa (Confusion)-Kutaa 1ffaa

Rakkoon guddaan yeroo ammaa dargaggoota muudataa jiruu dhama’insa fi hurrii jireenyati. Rakkoo keessa isaani jiruu furuuf karaa adda addaatin itti qabsaa’u yookiin immoo itti qabsaa’u dhiisun abdii kutu. Jireenyi addunyaa tanaa qullaa homaa of keessaa hin qabne itti fakkaata. Yaanni maaliif uumame jedhu mataa isaani reeba. Bombiin midiyaa kallatti garagaraatin itti roobu garam akka deemu qaban fundure isaani itti dukkaneessa.  Soba dhugaa, dhugaa soba fakkeessun sammuu isaani laamshessa jira. Haqa akka hin hubanne haguuggi itti ta’ee jira. Dargaggoonni garamitti haa goru, maal haa qabadhu, eessa haa deemu, kuni dhugaadha moo soba jedhanii dhama’an lakkoofsi isaani baay’eedha. Jireenya keessatti wantoonni baay’een nama dhamaasu danda’u. Rakkoon nama dhamaasa, hurrii namatti duucha. Read more

Gola Seenaa Irraa Lakk.3

1.Dogongora ofii yommuu amantuu
Dubartiin takka seenaa ofii akkanatti ibsiti
Seenan kiyya ifaadha. Dogongora kiyya irraa akka barattaniif isinitti hima. Gaa’illi koo gamtoominna anaa fi abbaa mana jidduu kiyyaatin haala gammachuutin jalqabame. Dureessa hin turre, garuu wanta qabnutti kan gammannu turre. Intala garmalee jaalannu takka qabnaa turre. Marsaa jalqabaa gaa’ila keenya intala teenya raffisnee, salaatu,Rabbiin faarsu fi Qur’aana qara’aa turre. Read more

Aarii Kee Too’achuuf

Aariin amala ilma namaa keessa tokkodha. Wanti tokko yoo badu ilmi namaa ni aaraa,ni gadda. Akkuma wantoonni hunduu daangaa qaban aarii fi gaddiis daangaa qabaachu qaba. Daangaan aarii kan hundaa’u nama aaruu san irratti. Namtichi garmalee aare yoo daangaa darbee ofiis miidhe namoota biroos miidha. Jiruu fi jireenya ilma namaa keessatti sababa aarii too’achuu dhabuutin rakkoon baay’een uumama. Sababa aarii too’achuu dhabuutin wal ajjeecha fi qabeenya barbadeessun dhufa. Read more

Gola Seenaa irraa lakk.2

Hasan Al Basri
Hasan al-Basri waa’ee of tuuluu ilaalchise akkana jechuun barattoota isaa gorse:
Naannoo gaarii yookiin naannoo namoonni Rabbiin sodaatan jiran keessa waan jiraattaniif of tuuluun of hin gowwoomsine. Bakki gaariin Jannataa caalee eessumaa hin jiruuti. Nabiyyanaa Aadam (AS) wanta namoonni hunduu beekan dhandhamee jira. Read more

Gamnummaa Abdullah Ibn Mas’uud

Jechamoota Abdullah ibn Mas’uud(Rabbiin Isarraa haa jaallatu) keessa tokko, namtichi tokko majliisa(iddoo namoonni walitti qabamanii taa’an) dhufe akkana jedhe,”Ani warroota harka mirgaa keessaa osoo hin ta’in warroota Rabbitti dhihaatan keessaa tokko ta’u barbaada. Abdullah Ibn Mas’uudis akkana jedhe,”Haa ta’uu malee gabrichi yeroo du’ee lamuu akka hin kaafamne kan hawwutu as jira.”(Mataa ofiitin jechuu isaati) Read more

Gola Seenaa Irraa

Aaqilli/qaroon namaa tokko gafa tokko mucaa ofiitin akkana jedhe,”Ilma koo yommuu balaan sitti bu’uu garmalee aarte abdii hin kütin. Kuni dhugumatti Rabbii ofii ilaalchise yaada badaa qabaachutin wal qixxaata. Akkasumas diinaf gammachuu kenna. Namoota birootti hin baacin/itti of hin jajin. Dhugumatti yeroo maraa ani nama tokkotti baacu namni biraas akkasuma natti baaca. Addunyaa tana keessatti namni galte(target) xiyyoota wal duraa duban itti dhufaniiti. Read more

Kabaja Musliima Eegu

“Guyyaa tokko Umar Ibn Al-Kaxxaab(RA) Abdullah Ibn Mas’uud(RA) waliin halkaniin manaa bahan. Fiimaa ibiddaa fagoo boba’u argan. Ifa ibidda sanii hordofuun mana kurraazin keessaa iftu bira gahan. Yommuu Umar kurraazi(duungoo) manaa iftu argu, manicha seenun namticha dullooma alkooli fi dubartii sirbaa isa bashannansiistu waliin arge. Namtichi odoo of hin beekin Umariin qabame. Umaris ni jedhen,”Wanta qaanessaa hanga halkan kanaa namticha dulloomaa du’a eeggatu irraa arge tokkollee hin jiru.” Read more

Araada Interneeti fi Fayyadama FB

Internetiin wal-qunnamtii namoota ariifachisuu fi fedhii namoota guutuu keessatti gahee guddaa taphata. Namoonni sakandii takka keessatti wanta addunyaa keessa jirtu too’atu. Argamni interneeti ilma namaati bu’aa guddaa haa buusu malee miidhan isaa yeroo ammaa bu’aa isaa caalaa jira. Yeroon hamma hin qabne interneeti irratti gubataa jira. Read more

Ofitti Amanamummaa

“Ofitti amanamummaan guutumaan guututti Rabbitti hirkachuu fi Isatti amanuu irraa kan burquudha. Tarkaanfi  hundaa kee keessatti Rabbiin akka si gargaaru beekudha. Yeroo hundaa dadhabaa fi homaa hojjachuu kan hin dandeenye fi hanqinna xixxiqaa irratti of ajiifachuun(blame) yoo duubatti of harkiste,kufaatif saaxilamta.  Yaada Rabbiin haqa malee akka si kunuunse yookin wanta nafseen tee hin dandeenye sirra akka godhe jedhu  gonkumaa of amansiisu hin qabdu. Rabbiin  wanta nafseen baadhachuu hin dandeenye gonkumaa irra hin kaa’u.” – Khurram Murad Read more

1 6 7 8 9