Tawbah-kutaa 10.2 (Xumura)
Erga Tawbatanii Booda Badii irraa of qusachuuf-kutaa 2ffaa
Kutaa darbe irraa itti fufuun namni erga tawbatee booda sababoota karaa qajeelaa irratti isa gargaaran ni ilaalla.
5-Hiriyyoota babbadoo irraa fagaachu-tarii namni sababa hiriyyaatin badii adda addaa keessa raata’a. Hiriyyaan isaa wanta badaa san waan hojjatuuf innis duuka bu’uun baditti marqama. Abu Muusan (RA) akka gabaasetti Nabiyyiin (SAW) akkana jedhan “Fakkeenyi hiriyyaa gaarii fi badaa akka nama miskii baadhatuu fi buufaa cimdii afuufuti. Namni miskii baadhatu yookaa akka kennaatti shittoo siif kenna yookin isarraa bitta yookiin immoo foolii gaarii isarraa argatta. Garuu namni buufaa cimdii afuufu yookaa uffata kee guba yookin immoo fooli badaa isarraa argatta.” Sahih al-Bukhari 5534