Tafsiira Suuratu Az-Zumar-Kutaa 16
Kutaa kana keessatti, namoota badii fi miidhaa hojjachuu itti fufan erga akeekachiisee booda namoota tawbachuu fi of fooyyessuu barbaadan abdii ifaa kennaaf.
Itti Haa fufnuIn sha Allah Ilma namaa daandii qajeelumma,gammachuu fi milkaa'innaa itti akeekudha.
Kutaa kana keessatti, namoota badii fi miidhaa hojjachuu itti fufan erga akeekachiisee booda namoota tawbachuu fi of fooyyessuu barbaadan abdii ifaa kennaaf.
Itti Haa fufnuGuyyaa Qiyaamaa namni osoo wanta dachii keessa jiruu hundaa fi dachaa isaa qabaate, adabbii jalaa ittiin of baasu danda’aa?
Itti haa fufnuuKutaa kana keessatti mallattoolee du’aan booda kaafamu nuuf mirkaneessan keessaa tokko ni arganna.
Itti Haa FufnuKutaa kana keessatti haqaan gabbaramaan Rabbii tokkicha akka ta’ee fi ibaadaan Isaaf malee wanta biraatiif akka hin taane ragaaleen ni mirkaneessa. Itti aanse, Qur’aanni namoota qajeelchuuf akka bu’ee fi waa’ee nama ittiin qajeelee fi nama irraa jallate ni hima. Namni Qur’aanan qajeele eenyuun fayyadaa? Namni Qur’aana irraa jallatee fi didee eenyun miidhaa? Deebii kanaa gara jalaatti ni arganna.
Itti Haa fufnuJireenya tana keessatti nama badii hojjatu fi namni gaarii hojjatu umriin isaa hanga fedhe haa dheeratu, guyyaa tokko ni du’a. Garuu duuti dhuma nama tokkoo ta’uu dandeessi? Kana jechuun achumaan du’anii ni hafu? Abadan, Achumaan du’anii hafuun hin jiru. Kana irra, kaafamuun wal mormuu fi murtiiti dhufa. Namoonni har’a addunyaa tana keessatti akkuma fedhan namoota miidhan, haqa dhoksan, soba irratti gogan, Guyyaa Qiyaamaa haalli isaanii kuni ifatti mul’ata. Ammas, namoonni Rabbii olta’aa irratti kijiba uumuun amanti sobaatin nama gowwoomsan, gatii wanti hojjatanii ni argatu. Faallaa kanaa, namoonni addunyaa tana keessatti dhugaa dubbatanii fi hordofan badhaasa guddaa argatu. Dhugaan hundarra guddaan maal akka ta’e beektuu?
Itti haa fufnuNamni jireenya keessatti “adabbiin na hin tuqu, eenyullee na hin adabu” jechuun Gooftaa isaa faallessuu fi haqa Isarraa dhufee kijibsiisuu danda’a. Garuu namni kuni hanga yoomi badii isaa itti fufaa? Ummattoonni darban of tuuluun guuttamuun Gooftaa isaaniitiif ajajamu ni didan. Garuu gara isaan hin beekne irraa adabbiin isaanitti dhufe. Kuni jazaa hojii isaaniiti. Seerri Rabbii subhaanahu wa ta’aalaa dhaabbata hin jijjiramne waan ta’eef, namoota Isa faallessan yeroo muraasa erga kenneefi booda yoo tawbachuu didan, gara isaan hin beekne irraa isaan qaba. Kuni wanta guyyaa guyyaan argaa jirruudha. Kanaafu, namni badii hojjatu yeroo isaaf kennamen of gowwoomsu hin qabu. Badii hojjatuuf waan dhiifamu isatti fakkaachuun badii itti fufuu irraa of haa eegu. Yoo hin tawbatin takkaa addunya tana keessatti qabama, takkaa immoo Aakhiratti qabama. Suuratu az-zumar (24-26) dhugaa kana nuuf ibsiti.
Itti Haa FufnuDubbiin hundarra bareedaa, gaarii fi mi’aawaa kamiidha jettanii yaaddu? Yommuu dhageefatan namatti tolu, qalbiin itti tasgabbooftu, nama dhama’e fi dukkanatti tare ifa abdii ibsuuf, nama gaflaatti tare dammaqsuun gara sadarkaa oliitti olkaasu dubbii kamii laataa? Ahsanal hadiisi (dubbiin hundarra gaarii) ta’e kamiidha laata? Mee haa qorannu.
Itti Haa FufnuQomni nama garii Islaamaaf yommuu bal’attu, kan namoota garii immoo ni dhiphatti. Namoonni qomni isaanii Islaamaaf bal’atte gammachuun ajajoota Islaama fudhatu, odeefannoo Rabbiin irraa dhufetti ni amanu. Namoonni qomni isaanii dhiphattu immoo ajajoota kanniin fudhachuun akka gaaraatti itti ulfaata. Mee garee lamaan kanniin suuratu Az-Zumar irraa ayah 22ffaa keessatti haa ilaallu:
Itti haa fufnuIlmi namaa jireenya keessatti jiruu mijaa’innaa rakkoon keessa hin jirre barbaada. Wanta jiruu tana keessatti hawwuu keessaa tokko gamoo guddaa garmalee bareedu, keessi isaa faayan guuttame fi alli isaa ashaakiltiin marfameedha. Eeti namni gamoo akkanaa jiruu tana keessatti argachuu danda’a. Garuu wantoonni sadii hawwii isaa ni booressu. 1ffaa-Jireenyi tuni iddoo qormaata waan taatef jeequmsi karaa adda addaatin isatti dhufa. 2ffaa- duuti isatti dhufu dandeessi. 3ffaa- gamoon sababa hin beekkamneen jiguu fi baduu danda’a. Kanaafu, gamoo hin banne, jeequmsi fi duuti keessa hin jirre eessatti argachuu danda’anii? Eeyyen, bakki gamoo kana itti argatan Jannata. Garuu Gamoo kana argachuuf ulaagaalee guuttamu qabantu jira. Ulaagaalee sanniin keessaa suuratu Az-Zumar haala walii galaatin ni eerti.
Itti haa fufnuKutaa kana keessatti adabbii namoota Rabbii tokkicha gabbaruu didanii fi badhaasa namoota Isa qofa gabbaranii ibsa.
Itti haa fufnu