Haqiiqaa Jireenya Addunyaa-Kutaa 4
Kutaa darbe irraa itti fufuun: “Jireenyi addunyaa mataa’a [nama] gowwoomsitu malee waan biraati miti.” hima jedhu ibsa waliin ni ilaalla. Mataa’a jechuun wanta yeroo murtaa’ef itti fayyadamanii ergasii baduudha. Addunyaa fi wanti ishii keessa jiru hundi gaaddisa deemu fi baduu waan ta’uuf, mata’aa jedhamte ibsamuun wanta ishiif ta’uudha. Mi’aa ishiiti fi wanti ishii irraa itti fayyadaman hundi mataa’a jedhamte waamamuun wanta ta’uudha. Qur’aana keessatti jechi mataa’a jedhu addunyaa fi qananii ishii keessa jiruuf malee Aakhiraa fi qananii turaa ishii keessa jiruuf itti hin fayyadamne. Qananiin Aakhirah mataa’a jedhamuun Qur’aana keessatti hin dhufne. Sababni isaas, qananiin Aakhirah turaadha. Qananiin addunyaa gabaabaa fi kan baduu waan ta’eef mata’aa jedhame.
Itti Haa fufnu