Ibsa Suuratu Al-Mursalaat-Kutaa Dhumaa
Kutaa darbee keessatti wanta Guyyaa Murtii taasifamu muraasa isaa ilaalle turre. Har’as itti fufuun kutaa xumuraa suuratu Al-Mursalaat ni ilaalla.
Read moreIn sha Allah Ilma namaa daandii qajeelumma,gammachuu fi milkaa'innaa itti akeekudha.
Kutaa darbee keessatti wanta Guyyaa Murtii taasifamu muraasa isaa ilaalle turre. Har’as itti fufuun kutaa xumuraa suuratu Al-Mursalaat ni ilaalla.
Read moreSuuratu Al-Mursalaat suurah waa’ee Guyyaa Qiyaamaa fi haala namootaa dubbattuudha. Dhugumatti, Suurah tana keessa ragaalee amansiisoo Qiyaamaan haqa ta’uu agarsiisanii fi wanta Guyyaa san raawwatamantu jira. Kanaafu, eenyutu ragaalee kanniinitti xinxalluun amanee Guyyaa san adabbii ibsame jalaa nagaha bahaa? Kutaa darbe irraa itti haa fufnu…
Itti Fufi…Kutaa darbe keessatti Qiyaamaan haqa akka taate ilaalle turre. Akkasumas, wantoota rifachisoo Guyyaa san adeemsifaman ilaalle jira. Har’as itti fufuun ragaalee ifaa Guyyaan Qiyaamaa akka dhuftu agarsiisan ni ilaalla. Guyyaa Qiyaamaa jechuun Guyyaa namoonni du’an hundi kaafamuun qoratamanii fi murtiin isaan jidduutti darbee takkaa gara Jannataa takkaa immoo gara Jahannam itti deemaniidha.
Itti FufiiBismillah rahmaani rahiim (Maqaa Rabbii rahmaan, rahiim ta’een jalqaba) Dhugumatti Faaruun hundi kan Rabbiiti. Isa ni faarsina, ni gargaarsifanna, araarama Isa kadhanna. Sharriwwan nafsee teenyaa fi hamtuwwan hojiiwwan keenyaa irraa Rabbiin eeggamna. Nama Rabbiin qajeelche kan isa jallisu hin jiru. Nama Rabbiin jallise kan isa qajeelchu hin jiru. Rabbii Tokkicha shariika hin qabne malee dhugaan gabbaramaan akka hin jirre ragaa nan baha. Akkasumas, Muhammad gabrichaa fi Ergamaa Isaa ta’uu ragaa nan baha.
Itti Fufi…Mormii 3ffaa- Nabiyummaa Ergamaa Rabbii (SAW) faallessuu
Mushrikoonni namummaa Nabiyyii irratti mormii cimaa agarsiisan. Ergamaan Rabbii akka isaanii nama ooso hin ta’in malaayka ta’uu qaba ykn malaykan isa waliin kan deemu ta’uu qaba jedhanii yaadu. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:
Qur’aana ilaalchisee Mormii Mushrikoota-kutaa 2ffaa
Ammas Mushrikoonni kijiba biraa Nabiyyitti (SAW) maxxansan. Kijibni kunis, “Qur’aana kana Muhammadtu ofirraa fuudhe dubbate. Yookiin namoota durii irraa waraabe.” Kiristaanonni ammaas kijiba kana keessatti yommuu akkana jedhan isaan waliin hirmaatu: “Muhammad Qur’aana macaafa qulqulluu irraa garagalche.” Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa akkana jechuun Mushrikootaa, Kiristaanota fi garee biraatiif deebii deebisa:
Akkuma yeroo darbee jenne kitaabbanitti amanuu jechuun Rabbiin irraa haqaan bu’uu isaanii, ergaan kitaabban kanniin keessa jiru dhugaa akka ta’ee itti amanuu fi hojii irra oolchudha. Kitaabban Qur’aana dura bu’an yeroo ammaa kan jijjiramanii fi micciramaniidha. Kanaafu, kitaabni tokkichi osoo hin jijjiramin hanga Guyyaa Dhumaa turu Qur’aanaa jechuudha. Sababni isaas, kitaaba dhumaa Rabbiin buusedha. Ragaan kanaa maal yoo jettan, karaa lamaan ilaalun ni danda’ama.
Gammachuu fi Milkaa’inna argachuu
Jireenya tana keessatti namoonni hunduu gammachuu argachuuf jecha halkanii guyyaa carraaqu. Gariin hojii humna hojjachuun, gariin hojii sammuu hojjachuun gammachuu barbaadu. Garuu gammachuun ilma namaa kan guuttamu wantoota sadii of keessaa yoo qabaatedha. Isaaniis: qalbiin amanuu, qaaman hojii gaggaarii hojjachuu fi hojii badaa irraa of tiiksudha. Namni tokko wantoota kanniin hojjachuuf qajeelcha isa barbaachisaa miti ree? Qajeelchi waa’ee wantoota kanniinii isaanitti himu kitaabban Rabbiin irraa bu’aniidha. Kanaafu, firiiwwan kitaabbanitti amanuu keessaa tokko wantoota armaan olii sadanitti qajeelun gammachuu fi milkaa’inna argachuudhaa jechuudha.
Kutaalee darban keessatti waa’ee Qur’aanaa ilaalchise shakkii qalbii namaa keessatti uumamaniif karaalee ittiin qulqulleessan ilaalle turre. Har’as itti fufuun shakkii namoonni qalbii namaatti darban deebii quubsaa waliin ilaalla. Seenaa keessatti Qur’aanni jireenya namootaa irrati jijjirrama guddaa akka hin finneef adduwwiin (diinni) Islaamaa tooftaalee adda addaatti fayyadamanii jiru. Tooftaalee sanniin keessaa sababa fi gaafilee adda addaa dhiyeessun namoota dhamaasudha. Sababa ykn gaafilee isaanii keessaa isaan gurguddoo ta’an deebii waliin mee haa ilaallu. Read more
Kutaa darbee keessatti Qur’aanni jecha Rabbii (subhaanahu wa ta’aalaa) ta’uu ragaalee agarsiisan ilaalle jira. Ammas itti fufun ragaa afraffaa ilaalla. Innis:
4.Wantoonni Qur’aana keessatti dubbataman wanta jiruun wal qunnamu
Wantoonni Qur’aana keessatti dubbataman haala nama ajaa’ibsiisuun saayinsii ammayyaati fi muxannoo namaa waliin kan wal simatanii fi walitti galaniidha. Saayintistoonni yeroo ammaa wanta Qur’aana keessa jiru yommuu argan, Qur’aanni kitaaba Rabbiin irraa bu’e malee kitaaba namni barreesse akka hin taane mirkaneessanii jiru. Mee amma Qur’aana irraa Aayaata (keeyyattoota) muraasa saayinsi ammayyaatin wal qabatan haa ilaallu. Read more