Maqaalee Rabbii (Subhaanahu)-Kutaa 7.5

D. Aasaara (Bu’aa) Maqaalee Rabbii “Mootii (Al-Malik)” fi “Qabaataa (Al-Maalik)” itti amanuun argamuu
Kutaa darbe keessatti hiikni maqaalee Al-Malik fi Al-Maalik maal akka ta’an ilaalle jirra. Al-Malik Mootii yommuu ta’u, Al-Maalik immoo Qabaataa ykn dhuunfataadha. Namni dhugaadhaan hiika Mootii fi Qabaataa yoo hubate, dukkanni baay’een isarraa saaqama. Mootii fi Qabaataan haqaa eenyu akka ta’e yoo beeke, eessarraa akka dhufe, maaliif akka jiraatu, akkamitti akka jiraatu fi gahuumsi isaa eessa akka ta’e beeka. Sababni isaas, Mootiin Haqaa kan isa argamsiisedha, namni maaliif akka jiraatu fi akkamitti akka jiraatu ibsuuf ergamtoota Kan ergee fi Kitaabban buusedha. Ammas, gahuumsi nama hundaa eesse akka ta’e ni beeksise. Namni kana hunda kan hubatu Mootiin maal akka ta’e yoo beekedha. Mee amma bu’aalee maqaa kana beeku fi itti amanuu irraa argamu muraasa isaa haa ilaallu.