Rabbii maqaalee babbareedoo fi sifaata gugguuuta qabuuf faaruu fi galanni daangaa hin qabne haa ta’u. Yoo nuti Isa faarsine fi galateefanne, faarsine fi galatefanne fixuu hin dandeenyu. Sababni isaas, Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa sifaata gugguutuu ittiin faarfamu kan ilmi namaa dhaqqabu hin dandeenye qaba. Ammas, hojiiwwan Isaa hundi hojiwwan faarfamaniidha. Qananii keessaa fi alaa ilma namaa irratti halkanii guyyaa dhangalaasu Isa waan ta’eef hunda caalaa kan galateefatamuu fi faarfamu qabuudha. Namni Rabbiin faarsu fi galateefachu kan danda’u yoo Isa beekedha. Namni “Eenyutu akka isa uume, nyaachisu, obaasu fi qananii adda addaa isarratti dhangaalasu” hin beekne, akkamitti Gooftaa isaa galateefachuu fi faarsu danda’aa? Karaan guddaan Rabbiin itti beekan, faarsan, galateefatanii fi jaallatan, maqaalee fi sifaata Isaa beekudha. Yeroo darbe qajeelfamoota bu’uuraa maqaalee fi sifaata Rabbii ilaalle turre. In sha Allah qajeelfamoota bu’uura sanniin irratti hundoofne, gargaarsa fi eeggumsa Mawlaatin maqaalee fi sifaata Isaa ni ilaalla. Maqaalee fi sifaata kanniin tokkoon tokkoon ilaalun dura mee faayda maqaalee fi sifaata Rabbii beeku keessa jiru ilaalchise wanta hayyoonni jedhan muraasa isaanii haa ilaallu.
Dabalata Dubbisuuf