Isin Keessa Mallatto Jira-Kutaa 5
Marsaa Uumama Ilma Namaa 3ffaa- Mudghah
Alhamdulillahi wa salaamun alaa ibaadihillaziina-sxafaa (Faaruun hundi kan Rabbiiti. Gabroottan Isaa kanneen Inni filate irratti nageenyi haa jiraatu). Uumama namaa biyyee irraa kan jalqabee, ergasii sanyii Aadam copha bishaanii irraa Kan uumee galanni fi faarun hundi Isaaf haa ta’u. Copha irraa dhiiga ititaa kan taasisuu, dhiiga ititaa gara wanta alanfamu ykn muraa foonitti kan jijjiruu Rabbii olta’aa malee ni jiraa? Foon kanarraa lafee kan uumuu Isa malee jiraa? Lafee kanas foon kan itti uwwisu isaa malee jiraa?