Dubartiin takka zinaa (sagaagalummaa) yoo raawwattee fi dhiira qulqulluu zinaa hin raawwatinitti akka heerumtu yoo dirqisiifamte, fuudhaa heerumni (gaa’illi) kuni sirrii ta’uu danda’aa?
Gaafii: Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) Qur’aana keessatti, “Dhiirri zinaa (sagaagalummaa) raawwate dubartii zinaa raawwatte yookiin mushrika taate malee hin fuudhu. Dubartiin zinaa raawwattes dhiira zinaa raawwate yookiin mushrika ta’e malee namni biraa ishii hin fuudhu. Suni warroota amanan irratti dhoorgamee jira.” (An-Nuur 24:3) jechuun dubbata. Akkasumas, hadiisa, namticha zinaa raawwate haddiin (adabbiin) irratti dhaabbame fi dubartii akka isaa malee dubartii qulqulluu fuudhu irraa dhoowwame dhagahee jira. (Haddi jechuun seera adabbii Islaama namni yakkamaan adabamuudha. Fakkeenyaf, dhirri fi dubartiin hin fuune yoo zinaa (sagaagalummaa) raawwatan si’a dhibba (100) reebamu (garafamu)). Read more