Guyyaa Qiyaamaa-kutaa 2ffaa
4. Guyyaan Qiyaamaa Yoomi?
Gaafiin “Guyyaan Qiyaamaa yoomi?” Jedhu gaafi yeroo durii irraa kaase hanga ammaatti itti fufaa jiruudha. Seenaa keessatti namoonni amanti adda addaa irraa “Dhumti addunyaa (Guyyaan Qiyaamaa) bara kanatti ni dhufa” jechuun tilmaama ragaa hin qabne kaa’ani jiru. Guyyaan Qiyaaman dhufuu keessa shakkiin hin jiru. Kanaafu, Guyyaan Qiyaamaa Yoomi ree? Gaafi kana deebisuuf Qiyaama bakka lamatti qoodu dandeenya. al-Qiyaamatus sughraa (Qiyaamaa Xiqqoo) fi al-Qiyaamatul kubraa (Qiyaamaa Guddoo). Qiyaamaan xiqqoon “Du’a” nama kamiyyuu irratti dhuftuudha. Qiyaaman Guddoon immoo kan Rabbiin fedhe malee wantoonni dachii fi samii keessa jiran itti dhumanii fi ergasii lamuu kaafamaniidha. Read more