Guyyaa Qiyaamaa-kutaa 2ffaa

4. Guyyaan Qiyaamaa Yoomi?
Gaafiin “Guyyaan Qiyaamaa yoomi?” Jedhu gaafi yeroo durii irraa kaase hanga ammaatti itti fufaa jiruudha. Seenaa keessatti namoonni amanti adda addaa irraa “Dhumti addunyaa (Guyyaan Qiyaamaa) bara kanatti ni dhufa” jechuun tilmaama ragaa hin qabne kaa’ani jiru. Guyyaan Qiyaaman dhufuu keessa shakkiin hin jiru. Kanaafu, Guyyaan Qiyaamaa Yoomi ree? Gaafi kana deebisuuf Qiyaama bakka lamatti qoodu dandeenya. al-Qiyaamatus sughraa (Qiyaamaa Xiqqoo) fi al-Qiyaamatul kubraa (Qiyaamaa Guddoo). Qiyaamaan xiqqoon “Du’a” nama kamiyyuu irratti dhuftuudha. Qiyaaman Guddoon immoo kan Rabbiin fedhe malee wantoonni dachii fi samii keessa jiran itti dhumanii fi ergasii lamuu kaafamaniidha. Read more

Guyyaa Qiyaamaa-Kutaa 1ffaa

Yeroo darbee keessa mallatolee Guyyaan Qiyaamaa dhiyaachu agarsiisanii fi akka Guyyaa kanatti amanne of qopheessinuuf nu gargaaran ilaalle jirra. Mallatoolee Guyyaa Qiyaamaa xixxiqoo hafanii fi Mallatolee Gurguddoo ilaaluf yeroo fi bakki nutti gabaabbata. Akkasumas, dubbistoota baay’ee hin argine akkuma kutaa lamaffaa irraa hubatametti. Garuu bakka kanaa qabxiilee baay’ee ijoo fi jireenya keessatti baay’ee barbaachisoo ta’an ilaalla. Qabxilee kanniin xiqqaate xiqqaatu bakka torbatti qoode jira. Isaanis: Qiyaaman Maaliif barbaachise? Ragaaleen Qiyaamaa maal fa’a? Seenaa irraa namoonni fi uumamtoonni biroo erga du’anii booda kaafamanii jiruu? Guyyaan Qiyaamaa yoomii? Wantoonni Guyyaa Qiyaamaa keessa adeemsifaman maal fa’aa? Badhaasa nama Qiyaamatti amane fi adabbii nama itti kafare maal ta’aa? Shakkii sheyxaanaa jalaa bahuuf maal gochuu qabnaa? Read more

Mallatoolee Guyyaa Qiyaamaa-Kutaa 1ffaa

Guyyaa Qiyaamaa jechuun Guyyaa namoonni du’an hundi awwaalcha isaanii keessaa kaafamuun murtiif Rabbiin fuunduratti dhiyaataniidha. Guyyaa sirnii samii fi dachii itti jijjiramuudha. Guyyaa samiin itti dhodhootu, urjileen harca’an, garreen bakka isaaniti buqqifaman, dachiin garmalee sochootu fi wantoonni nama rifachisanii fi naasisan biroo itti adeemsifamuudha. Guyyaan kuni guddinnaa fi ulfaatinna isaatirraa kan ka’e maqaa adda addaa qaba. Isaan keessaa As-Saa’ah (Sa’aa), Guyyaa Aakhirah (Dhumaa), Yawmul Jam’i (Guyyaa Walitti qabamaa), Yawmud-Diin (Guyyaa Murtii), Yawmul Taghaabun (Guyyaa mu’minoonni bu’aa buufatanii, kaafironni immoo kasaaraniidha), Al-Haaqqah (Guyyaa haqni (dhugaan) ifa bahu), Al-Qaari’a (Rukuttaa jabaa), Gaashiya (wanta hundaa tan Haguugdu) fi kan biroo. Read more

Tawhiida

Tawhiida jechuun maal jechuudhaa?
Jechi “Tawhiid” jedhu xumura, wahhada, yuwahhidu jedhu irraa kan dhufeedha. Wahhada jechuun tokkichoomse, tokkicha godhe. Tokkichoomsun kan mirkanaa’u nafiyyi (dhabamsiisu) fi isbaat (mirkaneessu ykn raggaasisuun) yoo jiraatedha. Wanta tokko yoo tokkichoomsite, wantoota isaan ala jiran hunda ni dhabamsiista (nafiyyi), Isaaf immoo tokkichummaa ni mirkaneessita (Inni Tokko qofa akka ta’ee ni amanta). Read more

SHEYXAANA IRRAA OF TIIKSUF

Sheyxaanni diina ifa baha ilma namaa jallisuuf murate ka’eedha. Sheyxaana jechuun maal jechuudhaa? Jinnii jechuun hoo?
Afaan Arabiffaatin jechi “Sheyxaana” jedhu jecha walii galaa fincilaa oftuulaa hundaaf ta’uudha. Walumaagalatti jechi kuni jiraata murtaa’a tokkoof kan itti fayyadamaniidha. Sababni isaas, sheyxaanni Gooftaa isaatti waan fincilee fi of tuulef. Sheyxaanni rahmata Rabbii irraa abdii kute jira. Sababa kanaaf, Rabbiin ibliis jechuun isa waame. Jechi kuni jecha Alabasa fi ublis jedhanirraa dhufeedha. Alabasa jechuun wanti gaariin kan isa keessa hin jirre. Ublis jechuun immoo abdii kutuu fi baduudha. [1]  Read more

Sadarkaalee sharrii sheyxaanaa

Sharrii jechuun wanta badaa fi miidha hamaa namarraan gahuudha. Sharrii kan darbee, kan ammaa fi kan dhufu jechuun bakka saditti qoodu dandeenya. Sharriin darbee adabbii ammaa fi gara fuunduratti namatti fidu danda’a.  Sharriin amma keessa jiraniis jireenya namatti dhiphisuu fi dukannessun hulaa gammachuu fi milkaa’innaa cufa. Sharriin gara fuunduraatti dhufu immoo gara milkaa’inna akka hin fiigne gufu namatti ta’a yookiin nama kuffisa. Sharriiwwan kunniin akkanumatti lafaa ka’anii hin dhufan. Sababa wayi qabu. Kan duubaa isaan dhiibutu jira. wantoota sharrii namatti dhiiban ykn nama gara sharriitti dhiiban keessa inni guddaa fi hangafni sheyxaana. Sharriin sheyxaanaa sadarkaalee qaba. Read more

Xurree Milkaa’inna fi Gammachuu-kutaa 22

Haala Nama Jaalalaan Qabame
Namni jaalalaan qabame akka nama bishaan garmalee dheeboteeti. Namni dheebota hanga bishaan san dhuguu garmalee muddama. Erga bishaan dhuge booda dheebun itti hin dhagahamu. Namni jaalalaan qabamees fedhii ofii guutuf garmalee muddama. Erga fedhii ofii guuttate booda gubaan suni ni qabbanaa’a. Garuu karaan inni fedhii ofii ittiin guuttate murteessadha. Yoo karaa haraamatin (fakkeenyaf,sagaagalummaan) fedhii ofii guutatte gubaan suni irraa hin hir’atu, inuma itti dabala. Fakkeenyi isaa akka nama bishaan sooqida (ashaboo) ykn ho’aa dhugeeti. Yoo karaa fuudhaa heeruman ta’e suni dansaadha (gaariidha). Kuni immoo akka nama bishaan qabbanaa’a dhugeeti.  Read more

Miira Gadi-aantummaa

Miira gadi aantummaa yommuu jennu namni tokko mataa ofii shakkuu, “Ani nama gadi aanaa amala cimaa fi ol’aanaa hin qabneedha.” Jedhee ofi ajifachuu fi of gadi xiqqeesudha. Miirri gadi aantummaa ijoollumma irraa jalqabee hanga du’aa kan itti fufu ta’uu danda’a. Miirri kuni nama dhuunfaa qofa osoo hin ta’in hawaasa fi biyya kan miidhudha. Biyyi gadi aantummaan itti dhagahamu biyya biraatif gabra fi kajeelattu taati. Miira gadi aantummaa bakka saditti qoonne mee haa ilaallu. Read more

1 64 65 66 67 68 80