Barruun tuni walitti kuufama barreefamoota gaggabaabo Jireenya Badhaatu kan ji’a Hagayya 2016 ti.
Osoo dhukkuba jaalalatiif furmaata barbaaddu, karaa irratti rakkoon baay’een si qunnamuu danda’a. Cinqiin, keessi gubachuun, dharra’uun, gadduun, addummeen, hirriba dhabuun fi kkf sitti dhagahamu danda’u. Furmaanni hundarra gaarii nama dhukkuba jaalalaatin qabamee, Rabbiin baay’isanii yaadachuu, hojii gaarii waliin ko’oomu, beekumsa Islaama barbaadu, kaayyoo jireenya yaadachu (Jannataa fi Jahannamii yaadachu), yoo danda’ame fuudhu/heerumu, soomu, haraama ilaalu irraa fagaachu fi kkf. Yommuu sheyxaanni wanta badatti si waswaasuu (kakaasu), Rabbiin yaadadhu, badhaasa fi adabbii Isaa yaadadhu. Laalan jaalala laalaa ibidda jahannamii gadi akka ta’e hubadhu. Laalaa jaalala qabbaneessuf karaa haraamatin kan deemtu yoo taate addunyaa aakhiratti akka salphattu yaadadhu. Laalaa jaalala qabaneessuf zikrii afaani hin buufatin. Read more