Qorsa Jaalalaa-Kutaa 1ffaa

Yeroo darban keessa baruulee jaalala barreessun keenya ni yaadatama. Barrulee kanniin keessatti hiika jalaala waliin mari’achuuf yaalle turre. Jaalalli fayyaas dhiibes. Yoo obbolaa lamaan ykn haadha fi abbaa  manaa jiddu jaalalli dhugaa uumame walitti nyakkisuu,wal jibbuu,wal waanyu,wal sobuu fi kkf jidduu isaaniti ni ka’a. Sababa jaalalaatin walitti dhufeenya namoota lamaani ni cima. Qaroomini sababa jaalalaatin ijjaarrama. Tokkumaan hawaasaa kan ijjaaramu jaalalaani. Bakka jaalalli hin jirretti qaroominni,obbolummaan,tokkummaan jiraachu hin danda’an. Read more

Daandii Jijjiramaa-Kutaa 1ffaa

Jijjirama yeroo jennu amala tokkorraa gara amala biraatti darbuu jechuudha. Daandii yeroo jennu immoo karaa irra adeemanii bakka ga’uumsa gahaniidha.  Namni daandii qajeela irra yoo hin deemin kallatiin bakka ga’uumsa waan jalaa baduuf karaa bada, bakka deemu hin beeku. Ilmi namaa amala jijjirama qaba. Badaa irraa gara gaaritti yookin immoo gaarii irraa gara badatti jijjiramutu jira. Namoonni akkanumaan cal’isanii jijjirama kana hin adeemsiisan. Sababa tokkotu isaan jijjira. Gariin isaanii wanta badaa osoo hojjataa  jiranuu balaan itti bu’ee ergasii balaa sanirra barnoota fudhachuun jireenya ofii sirreessan. Read more