Furmaata Dargaggeessa Badee

Torbaan darbee dargaggoonni akkamitti fi maaliif karaan akka jalaa bade eerre turre. Har’a immoo Insha Allah, nama karaan jalaa bade akkamitti akka karattı akka deebi’uu danda’u ilaalla. Dhugumatti, ilmi namaa sababa adda addaa irraa kan ka’e dukkana jireenyaa keessatti baduun jireenya gadadoo gaggeessu danda’a. Namni tokko jireenya ofii moo’atuuf, gammachuu fi milkaa’inna argatuuf gaafilee armaan gadii deebiisuuf tattaafachuu qaba. Isaaniis: Read more

Fiixee Gaarummaa Irra Ijjachuuf

Gaarummaa jechuun amala/aklaaqa gaarii nama hawwatu qabaachu, hojii gaggaarii hojjachuu fi hojii badaa irraa dheessudha. Faallan gaarummaa gadhummaa ykn fafee, badaa, fokkuudha. Namni tokko gaarummaa qaba yommuu jennu amalli fi hojiin isaa gaariidha jechuu keenya.

Namoonni gaarummaa wantoota baay’ee keessa barbaadu. Gariin isaanii maallaqaa fi qabeenya keessa, gariin immoo beekkamtii argachuu keessa, gariin beekumsa keessa, gariin immoo aangoo fi kkf keessa barbaadu. Kunniin hundii niyyaan (yaanni) duuba jiru gaarii yoo hin ta’in gaarummatti osoo hin ta’in baditti nama geessa. Read more

Xurree Milkaa’innaa fi Gammachuu-Lakk.9

Sababa dogongora keetin qaana’uun achitti kufte hin hafin. Namni dogongora tokko malee takkaan milkaa’u akka hin jirre beeki. Ammalle hojjadhu, dogongoruu dandeessa, ammallee hojjadhu kasaaru dandeessa, ammalle hojjadhu wanti yaadde si ta’uu dhiisu danda’a. dogongora kanniin yommuu uumtu karaan ati hordofaa jirtu akka si hin baasne sitti akeeka, gara funduraatti karaa kana hordofuu akka hin qabne sitti agarsiisa. Gabaabumatti yaada hin danda’u jedhuun sammuu kee cufuu dhiisiti wanta si harka jiruun wanta hojjachuu dandeessu dalaguun sammuu fi ija kee banii, jireenya kee haaromsi. Read more

Xurree Milkaa’inna fi Gammachuu-Lakk.6

Yoo nama hundaa ija shakkiitin ilaalte, mataa keeti fi namoota biroo miita. Yaadota hin barbaachisneen sammuu fi yeroo kee gubda, boqonnaa sammuu dhabda. Tarkaanfi isaa/ishii guutu akka hordoftuu of goota. Karaa biraatin, shakkii kee irratti hundaa’un yoo nama san irratti tarkaanfi fudhatte bololi’a gaabbi fi gaddaa keessa jiraatta. Kanaafu, shakkii fi jette jette namni sitti fidu of eeggadhu. ‘Osoo hin guutatin hin gugatin’ jedhe Oromon. Gugatun dura dhugaa fi soba ta’uu isaa addaan baafadhu boodarra rakkoo guddaa keessa galtaati. Read more