Qormaata Biyyoollessa fi Kan biroof Milkaa’uf

Duraan durse barattoota qormaata biyyoolessa kutaa 12ffaa fudhataniif hamileen keessan hin cabin, carraaqin keessan akkanumatti kan hafu hin ta’in isiniin jedha. Qormaata jechuun hangam ati jabaa akka taate si qoruuf kan sitti dhufuudha. Qormaanni kan waraqaa irratti qoramnu qofa osoo hin ta’in jireenyu mataan ishii qormaata guddaadha. Ilmi namaa qormaata adda addaa keessa darbee bakka tokko gaha. Osoo qormaanni jireetu baate silaa badaa fi gaariin addaan hin foo’aman, jabaa fi laafan addaan hin bahan. Kanaafu qormaanni kan nutti dhufuuf nu jabeessufi. Read more