Ibidda Jaalala-kutaa 2ffaa
Kutaa darbee keessatti ibiddi jaalala akkamitti akka jalqabamu ilaalle turre. Insha Allah har’a immoo maloota ittiin qabaneessan ilaalla.
Ibiddi yommuu qabatee balaa geessuf deemu bishaan itti naquun akka dhaamu taasifamaa mitiree? Akka ibiddaa jaalala guutumaan guututti dhaamsu osoo hin ta’in balaa akka hin geessine qabaneessun ni danda’ama. Wanti hubachuu qabnu jaalalli mataan isaa balaa osoo hin ta’in hojii namtichaatu balaa geessa. Namtichi yoo of too’ate balaan jaalalan dhufu hin jiru. Namtichi garuu yoo of too’atu dadhabe akkuma arge ta’ee bu’aa hojii isaa ni dhandhama. Karaa jaalala ittiin too’atan baay’ee isaa barruule qorsa jaalala jettu jalatti kaasne turre. Kan armaan gadii akka dabalataati. Read more