Gaa’ila (Fuudhaa Heeruma) Islaamaa

Waa’ee Gaa’ilaa ilaalchisee barruuleen addaan ciccituun ji’a lamaaf dhiyaataa turan kunoo haala kitaabatin walitti qabamanii jiru.
Jireenya tana keessatti lubbuu qabeenyin yommuu cimdiin walitti dhufan wal horu. Osoo cimdiin kuni jiraachu baate silaa wal hormaanni hin adeemsifamu ture. Dhalli namaa uumamtoota biroo irraa adda ta’uun karaa kabajamaa fi jaallatamaa ta’een akka wal horan Rabbiin (subhaanahu wa ta’aalaa) seera ka’e. Kuni kan agarsiisu kabaja Rabbiin ilma namaatiif kenneedha. Akka horii walitti dhufuun akkuma argan hin ta’an. Karaan seera-qabeessa isaan walitti dhufan karaa gaa’ilaatin ykn fuudhaa heerumatin. Jechoonni gaa’ila, fuudhaa heeruma, nikaah fi kkf yommuu gurra irra bu’an, dargaggoonni fi shamarran ni mirqaanu. Sababni isaas, fedhii uumamaa keessa isaanii jiru karaa ittiin guuttataniidha. Gaa’illi seera mataa ofii qaba. Akkanumatti lafa olka’anii kan itti deemanii miti. Kitaaba kana keessatti, waa’een gaa’ila (fuudhaa heeruma) Qur’aanaa fi hadiisa wabii godhachuun haala salphaan ibsame jira. Linkii kana tuquun buusu dandeessu: https://sammubani.files.wordpress.com/2019/03/gaaila-islaamaa.pdf

Gaa’ila Islaamaa-Lakk.5.3

Niiti Tee Akkamitti Filattaa?-Kutaa 3ffaa
Adeemsa jireenyaa keessatti namni marsaa dargaggummaa irra yommuu gahuu humni guddaan keessa isaatti dhooya. Humni kunis humna gara fuudhaa heerumaatti isa dhiibudha. Fedhii uumamaa guuttachuuf karaan sirriin fuudhaa heeruma akka ta’e ni amana. Garuu dhimmichi fedhii foonii guuttachu qofa osoo hin ta’in kaayyoo guddaa san caalu qaba. Sanyii gaarii horuun maatii gaarii ijaaru fi gandoota lamaanitti milkaa’udha. Dhimmi yoo akkana ta’e, dargaggeessi fuudhaaf yaadu, “Dubartii akkamii yoo fuudhe, galma yaade gahaa?” jechuun yaada. Torbaan darbee keessatti amaloota gaggaarii dubartii kaayyoo guddaa kana galma akka gahuuf dhiira gargaartu ilaalle jirra. Har’as itti fufuun amaloota hafan ilaalla.

Dabalata Dubbisi

Gaa’ila Islaamaa-Lakk.5.2

Niiti Tee Akkamitti Filattaa? -Kutaa 2ffaa
Kutaa darbee keessatti kaayyoo niiti itti fuudhaniif murteessine turre. Ammas, namni adeemsa jireenyaa keessatti milkaa’uf hiika jechoota sadanii kanniin beeku qaba. Isaaniis, kaayyoo, sababaa fi milkaa’inna. Jechoonni kunniin galmee jireenyaa keessatti hiika ol’aanaa qaban. Kaayyoo jechuun bakka gahuumsaa ykn xumura namni tokko gahuuf yaadudha. Sababa jechuun immoo wanta gahuumsa ykn kaayyoo san gahuuf nama gargaaraniidha. Milkaa’inna jechuun immoo wanta jibban irraa nagaha bahuu fi gahuumsa erga gahanii booda wanta jaallatan argachuudha.

Dabalata Dubbisi