Gooftaan Kee Eenyu?-Kutaa 3ffaa

Dhugumatti Rabbii ofii beekanii itti amanuu fi itti buluun burqaa gammachuu eessattu hin argamneedha. Aarifoonni (warroonni Rabbiin sirritti beekan) gariin akkana jedhu, “Jiraattonni addunyaa tanaa wanta garmalee mi’aayaa (gaarii) ta’ee osoo hin dhandhamin addunyaa tana gadi dhiisanii deeman.” Wanti garmalee gaariin (mi’aawan) suni maali? jedhamanii yommuu gaafataman, isaaniis akkana jechuun deebisan, “Rabbiin beekuu fi jaallachuudha.” Dhuguma jedhan, namni akkuma Rabbiin beeku fi jaallatuun tasgabbiin qalbii isaa keessa diriira. Yommuu namoonni dhiphinnaa fi sodaan gubatan inni immoo jireenya gammachuu jiraata. Read more