Firii Guyyaa Aakhiraatti Amanuu

Ilmaan namaa yommuu jireenya tana keessa jiraatan gaafin akkana jedhuu yeroo hundaa sammuu isaanii quuqa. “Eessa deemaa jiraa? Xumurri ykn gahuumsi kiyya eessaa? Du’ee achumaan nan badaa?” Kuni gaafi guddaa deebii barbaadudha. Namni gaafi kanaaf deebii argate, jireenya keessatti tasgabbiin jiraata. Sababni isaas, gahuumsa itti deemu waan beekuf. Kanaafi, namoota Rabbii fi Guyyaa Aakhiraatti amanan tasgabbaa’oo fi abdii kan hin kunne ta’anii argina. Balaa ykn gadda cimaa keessa yommuu ta’an, wanta abdatan tokko qabu. Yommuu hojii gaggaarii hojjatan wanta kajeelan tokko qabu. Yommuu nafseen isaanii gara baditti isaan kakaastu, wanta tokko sodaachun of qabu. Kuni hundii jireenya keessatti aannan tasgabbii akka dhugan isaan taasisa.

Dabalata Dubbisi

Qiyaamaa Mormitotaaf deebii kenname-2

Addunyaan tuni iddoo qormaataa haqni guutuun keessatti hin mirkanoofnedha. Eenyullee taanan haqa guutuu addunyaa tana keessatti nan argadha jedhee osoo carraaqe, haqa guutuu hin argatu.Sababni isaas, gufuwwan baay’een wanta kana akka hin hojjanne isa taasisu. Fkn, mootummaan abbaa irree tokko namoota kumaatamatti lakkaawaman ni ajjeessa. Mootummaan abbaa irree kuni osoo mana murtiitti haqaaf hin dhiyaatin ni du’a. Kanaafu, warroonni mirgi isaanii sarbame osoo haqa guutuu hin argatin addunyaa irraa boqotanii jiru jechuudha. Garuu gaafin kuni sammuu namaa qaxxaamura:“Rabbiin (subhaanahu wa ta’aalaa) namoota uumee osoo haqa guutuu isaaniif hin kennin akkanumatti ni dhiisaa? Zaalimman (cunqursitoonni) akkanumatti badanii ni hafuu?” Deebiin isaa “Rabbiin Mootii haqaa waan ta’eef namoonni yommuu akkanatti wal miidhan haqaan isaan jidduutti osoo hin murteessin hin dhiisu. Guyyaan Murtii kunis Guyyaa Qiyaamaa ta’a.” Kanaafu, namoonni murtiif lamuu kaafamu qabu jechuudha. Kutaa darbe keessatti yaadota sobaa warri Qiyaamaa kijibsiisu itti fayyadamu deebii isaa waliin ilaalle turre. Har’as yaadota hafan ni ilaalla.

dabalata dubbisi

Qiyaamaa mormitotaaf deebii Kenname-1

Kutaalee darban keessatti Aakhiratti amanuun maal akka ta’ee fi maal  akka of keessatti qabatu ilaalle turre. Aakhiratti amanuun gammachuu fi milkaa’inna nama tokko kan murteessudha. Sababni isaas, Aakhiraan gahuumsa xumuraa  namoota hundaati. Namni jireenya keessattti gahuumsa ofii yoo hin beekin, garam akka deemu hin beeku. Jireenya tana keessa maaliif akka jiraatu ni wallaala. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa iddoo jireenyaa lama uumee. Tokkoffaan, iddoo jireenyaa gabaabdu taate fi qormaanni itti adeemsifamuudha. Iddoon jireenyaa gabaabdun tunis addunyaa tana. Lamaffaan immoo iddoo jireenyaa yeroo dheeraa turuu fi firiin qormaataa (jazaan) itti mul’atuudha. Kanaafu, umriin iddoo jireenya gabaabdun tuni erga xumurame booda Guyyaan iddoon jireenyaa dheeraan itti jalqabamuu ni dhufa. Kunis Guyyaa Qiyaamaa ta’a. Guyyaa Qiyaamaa kana namoonni du’an kaafamuun gara iddoo jireenyaa lammataatti oofamu.

Dabalata dubbısı

Shakkii Qiyaamaa Qulqulleessuf-Kutaa 2

Jireenya keessatti sababni guddaan namoonni yeroo baay’ee gammachuu fi milkaa’inna itti dhaban maal akka ta’ee beektu? Tarii qarshii dhabuu, namni jaallatan du’uu, qabeenyi barbadaa’u fi kan biroo jechuu dandeessu. Eeti, kunniin sababa ta’uu danda’u. Garuu sababa guddaa ta’uu danda’u? Sababa guddaa ta’uu hin danda’an. Dhugumatti, sababni guddaan jireenya keessatti gammachuu fi milkaa’inna itti dhaban, Guyyaa Qiyaamatti kafaruu ykn shakkuudha. Read more

Shakkii Qiyaamaa Qulqulleessuf-Kutaa 1

Guyyaan Qiyaamaa shakkii akka hin qabne kutaalee darban keessatti irra deddebi’uun ilaalle jirra. Ammas, shakkii sheyxaanni namatti darbu balleessu fi qulqulleessuf irra deebinee ni ilaalla. Guyyaa Qiyaamaa fi wantoonni Guyyaa san adeemsifaman wantoota gara fuundurraatti dhufanii fi geeybii ta’aniidha. Seenan darbe akkuma nuuf geeybi (nurraa dhokata) ta’ee, wanti gara fuundurraatti dhufus geeybi (nurraa dhokataadha). Garuu wanta dhokataa ykn fagoo kana akkamitti beeknaa? Wantoota kanniin karaa lamaan beekun ni danda’ama. Isaanis; mallattoolee fi odeefannoo dhugaa (haqa) ta’eeni. Read more

Hama Ittisuuf

Yeroo darbee keessatti waa’ee hamaa fi jette jette ilaalchise irratti mari’achuun keenya ni yaadatama. Yeroo baay’ee hamni miidhaa baay’ee akka geessu hubanne irraa fagaachuf hin carraaqnu. İnuma akka madda gammachuutti fudhanna. Namoota lakkoofsa isaani baay’ee xiqqaatu hojii fafee kana irraa fagaata. Hama ittisuuf tarkaanfiwwan fudhachuu qabnu maal fa’aa?

1.Cimanii hojjachuu- Hojii malee taa’un hundee badiiti fi dhiphinnaati. Sammuun hojii gaarii hojjatee of bashanansiisu barbaada. Garuu yoo hojii dhabee akka ibiddaa of gubee fixa,ni cinqama. Read more