Dhama’iinsa-Kutaa 2ffaa

Dhama’iinsa4.Daraara ummataa Musliima irra gahaa jiru- Bombiin yommuu halkanii guyyaa ummata Musliima irratti roobu, shakkii fi dhama’iinsi nama haguuga. Tokko qabeenyan yoo machaa’u gariin immoo boombii fi beelan dhumu. Gariin baay’iinna qabeenya irraa kan ka’ee haalaa dhabuun daangaa Rabbii darbuu fi ilma namaa cunqursu gariin immoo wanta nyaate uffatu dhaba. Read more

Dhama’iinsa (Confusion)-Kutaa 1ffaa

Rakkoon guddaan yeroo ammaa dargaggoota muudataa jiruu dhama’insa fi hurrii jireenyati. Rakkoo keessa isaani jiruu furuuf karaa adda addaatin itti qabsaa’u yookiin immoo itti qabsaa’u dhiisun abdii kutu. Jireenyi addunyaa tanaa qullaa homaa of keessaa hin qabne itti fakkaata. Yaanni maaliif uumame jedhu mataa isaani reeba. Bombiin midiyaa kallatti garagaraatin itti roobu garam akka deemu qaban fundure isaani itti dukkaneessa.  Soba dhugaa, dhugaa soba fakkeessun sammuu isaani laamshessa jira. Haqa akka hin hubanne haguuggi itti ta’ee jira. Dargaggoonni garamitti haa goru, maal haa qabadhu, eessa haa deemu, kuni dhugaadha moo soba jedhanii dhama’an lakkoofsi isaani baay’eedha. Jireenya keessatti wantoonni baay’een nama dhamaasu danda’u. Rakkoon nama dhamaasa, hurrii namatti duucha. Read more