Hiika Iimaanaa fi Arkaana Isaa

Dhugumatti namni Rabbiin kan sodaatu fi Muslima ta’ee du’uuf hundee amanti isaa yoo beekee fi hojii irra oolchedha. Hundeen amantii arkaana iimaanati. Arkaanni iimaana kunniin qalbii keessa yoo hin jiraatin, namni amanti sirrii hin qabuu jechuudha. Kanaafu, bu’uura kana irratti xiyyeefachuun Muslima hunda irratti dirqama. Namootas itti waamun nama beekumsa qabu irratti dirqama. Kana yaada keessa galchuun hundeewwan iimaana jahan kitaaba kana keessatti haala salphaa fi nama hawwatuun ibsamanii jiru. Iimaana jechuun maal jechuudhaa? Garaagarummaan iimaanaa fi Islaama maali? Hundeewwan (arkaannni) iimaana maal fa’aa? Haalli sirriin amanan maalidhaa? gaafilee kanaa fi kan kana fakkaataniif kitaaba kana keessa ni argattu. https://sammubani.files.wordpress.com/2020/05/hiika-iimaanaa-fi-hundeewwan-isaa.pdf

Dubbii Iimaana Diigu-Kutaa 1

Hanga ammaatti dubbiii fi hojii iimaana diigu ilaalun duratti seensa ilaalaa turreera. Ammas, dubbii iimaana diigan gurguddaa irraa jalqabna. Dubbii iimaana diigan jalatti: Hiika shirkii, gosoota shirkii, tawhiida asmaa wa sifaata keessatti dubbii iimaana diigu, tawhiida uluuhiyyah keessatti dubbii iimaana diigu fi kanneen biroo ni ilaalla. Isin hanga xumuraatti waliin turuuf qophiidhaa? Mata-dureen kuni mata-duree garmalee ijoo akka ta’e hin dagatinaa.

Itti Haa Fufnu

Firii Ergamtootatti Amanuu

Yaadachisaaf, Ergamtootatti amanuu jechuun haqaan Rabbiin isaan akka erge amanuu, odeefanno isaan irraa mirkanaa’e dhugoomsu fi isaan hordofuudha. Ilmi namaa jireenya tana keessatti gaafi akkana jedhu osoo of hin gaafatin hin hafu. Innis, “Eenyun yoo hordofe gammachuu fi milkaa’innatti bahaa?” Gaafi kana deebisuuf namoonni halkanii guyyaa nama hordofuu qaban barbaadu. Carraaqqi guyyoota baay’ee booda nama tokko hordofuuf ni murteessu. Ergasii daandii inni irra deemerra isaaniis deemuf tattaafatu. Tarii namni isaan hordofan kuni kufaatitti kan isaan geessu ta’uu danda’a. Fakkeenyaf, warroota filmii ilaalan yoo fudhanne, aktarii tokko hordofuuf ni murteessu. Ergasi akka inni ta’e/ ishiin taate ta’uuf ni carraaqu. Namoota meeqatu akka aktariin filmii keessaa ta’u ta’uuf carraaqanii ergasii lubbuu ofi ykn lubbuu namoota biroo galaafatan.

Dabalata Dubbisi

Ergamaan Ilma namaa irraa ta’uu

Dhalli namaa jireenya keessatti hogganaa hordofee milkaa’innatti bahu barbaada. Hogganaan namoonni hordofan kunis akkuma isaanii kan nyaatu, dhuguu, uffatuu fi rafuu ta’uu qaba. Ta’uu baannan, uumama sanyii isaanii irraa adda ta’e fi amalli isaa amala isaanii waliin kan hin deemne akkamitti hordofu? Hordofuu jechuun wanta namni suni hojjatu ilaalun hojjachuudha. Namoonni dhugaa kana hin hubanne dur irraa kaase, “Rabbiin maaliif malaykaa ergamaa godhee hin ergine?” jechuun Ergamtoota Rabbii faallessu. Rabbiin osoo malaaykaa erge akkamitti malaaykaa kana hordofuu? Uumamni malaaykaa fi namaa garagara. Malaaykan hin nyaatu, hin dhugu, hin fuudhu. Ilmi namaa immoo kana hunda godha. Rabbiin (subhaanahu wa ta’aalaa) haala ilma namaa akkana jechuun ibsa:

Dabalata dubbısı