Qorsa Jaalalaa-Kutaa 1ffaa
Yeroo darban keessa baruulee jaalala barreessun keenya ni yaadatama. Barrulee kanniin keessatti hiika jalaala waliin mari’achuuf yaalle turre. Jaalalli fayyaas dhiibes. Yoo obbolaa lamaan ykn haadha fi abbaa manaa jiddu jaalalli dhugaa uumame walitti nyakkisuu,wal jibbuu,wal waanyu,wal sobuu fi kkf jidduu isaaniti ni ka’a. Sababa jaalalaatin walitti dhufeenya namoota lamaani ni cima. Qaroomini sababa jaalalaatin ijjaarrama. Tokkumaan hawaasaa kan ijjaaramu jaalalaani. Bakka jaalalli hin jirretti qaroominni,obbolummaan,tokkummaan jiraachu hin danda’an. Read more