Qorsa Jaalalaa-Kutaa 1ffaa

Yeroo darban keessa baruulee jaalala barreessun keenya ni yaadatama. Barrulee kanniin keessatti hiika jalaala waliin mari’achuuf yaalle turre. Jaalalli fayyaas dhiibes. Yoo obbolaa lamaan ykn haadha fi abbaa  manaa jiddu jaalalli dhugaa uumame walitti nyakkisuu,wal jibbuu,wal waanyu,wal sobuu fi kkf jidduu isaaniti ni ka’a. Sababa jaalalaatin walitti dhufeenya namoota lamaani ni cima. Qaroomini sababa jaalalaatin ijjaarrama. Tokkumaan hawaasaa kan ijjaaramu jaalalaani. Bakka jaalalli hin jirretti qaroominni,obbolummaan,tokkummaan jiraachu hin danda’an. Read more

Ibidda Jaalala-Kutaa 1ffaa

Yeroo ammaa waa’ee jaalala yoo ka’u gariin ni jibbu gariin ni immoo ni jaallatu. Sammuu namoota gariitti jaalala jechuun wanta jibbamaa fi fokkuu waliin wal qabateedha. Sammuu namoota birootti immoo jaalala jechuun walqunnamtii saala qofaan kan wal qabateedha. Jaalalli wanta fokkus miti wal qunnamtii saalaa qofaan kan wal qabates miti. Jaalalli hiika bal’aa kan qabudha. Hiikni isaa garuu nama namaatti ni jijjirama. Read more

Qorsa Jaalalaa-Kutaa 2ffaa

Yeroo darbee keessatti qorsa jaalala waliin mari’achuuf yaalle turre. Kunoo kutaa lammafa itti fufun qabadhe isin dhihaadhe jira.

6. Qabsoo– Qabsoon/ jihaadni cimaan qabsoo lubbuu ofii waliin adeemsisaniidha. Qabsoo kana moo’atuu fi kufuutu jira. Akkuma ibn Kasiira tafsiira isaani keessatti jedhan,”Mu’iminnii(Namni Rabbitti amanee) yommuu diinan ajjeefame shahiida(martyr)  ta’a. Yommuu diina keessaa kan ta’ee sheyxaanan moo’atame immoo shiftaa(bandit) ta’a.  Dabalatee mu’iminni diina ifaatin moo’atamee ajrii(mindaa) argata. Kan diina keessaatiin moo’ataman immoo cubbuu keessattii irbamuu fi jallatoota ta’an. Read more