Qiyaamaa Mormitotaaf deebii kenname-2

Addunyaan tuni iddoo qormaataa haqni guutuun keessatti hin mirkanoofnedha. Eenyullee taanan haqa guutuu addunyaa tana keessatti nan argadha jedhee osoo carraaqe, haqa guutuu hin argatu.Sababni isaas, gufuwwan baay’een wanta kana akka hin hojjanne isa taasisu. Fkn, mootummaan abbaa irree tokko namoota kumaatamatti lakkaawaman ni ajjeessa. Mootummaan abbaa irree kuni osoo mana murtiitti haqaaf hin dhiyaatin ni du’a. Kanaafu, warroonni mirgi isaanii sarbame osoo haqa guutuu hin argatin addunyaa irraa boqotanii jiru jechuudha. Garuu gaafin kuni sammuu namaa qaxxaamura:“Rabbiin (subhaanahu wa ta’aalaa) namoota uumee osoo haqa guutuu isaaniif hin kennin akkanumatti ni dhiisaa? Zaalimman (cunqursitoonni) akkanumatti badanii ni hafuu?” Deebiin isaa “Rabbiin Mootii haqaa waan ta’eef namoonni yommuu akkanatti wal miidhan haqaan isaan jidduutti osoo hin murteessin hin dhiisu. Guyyaan Murtii kunis Guyyaa Qiyaamaa ta’a.” Kanaafu, namoonni murtiif lamuu kaafamu qabu jechuudha. Kutaa darbe keessatti yaadota sobaa warri Qiyaamaa kijibsiisu itti fayyadamu deebii isaa waliin ilaalle turre. Har’as yaadota hafan ni ilaalla.

dabalata dubbisi

Qiyaamaa mormitotaaf deebii Kenname-1

Kutaalee darban keessatti Aakhiratti amanuun maal akka ta’ee fi maal  akka of keessatti qabatu ilaalle turre. Aakhiratti amanuun gammachuu fi milkaa’inna nama tokko kan murteessudha. Sababni isaas, Aakhiraan gahuumsa xumuraa  namoota hundaati. Namni jireenya keessattti gahuumsa ofii yoo hin beekin, garam akka deemu hin beeku. Jireenya tana keessa maaliif akka jiraatu ni wallaala. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa iddoo jireenyaa lama uumee. Tokkoffaan, iddoo jireenyaa gabaabdu taate fi qormaanni itti adeemsifamuudha. Iddoon jireenyaa gabaabdun tunis addunyaa tana. Lamaffaan immoo iddoo jireenyaa yeroo dheeraa turuu fi firiin qormaataa (jazaan) itti mul’atuudha. Kanaafu, umriin iddoo jireenya gabaabdun tuni erga xumurame booda Guyyaan iddoon jireenyaa dheeraan itti jalqabamuu ni dhufa. Kunis Guyyaa Qiyaamaa ta’a. Guyyaa Qiyaamaa kana namoonni du’an kaafamuun gara iddoo jireenyaa lammataatti oofamu.

Dabalata dubbısı

Shakkii Qiyaamaa Qulqulleessuf-Kutaa 1

Guyyaan Qiyaamaa shakkii akka hin qabne kutaalee darban keessatti irra deddebi’uun ilaalle jirra. Ammas, shakkii sheyxaanni namatti darbu balleessu fi qulqulleessuf irra deebinee ni ilaalla. Guyyaa Qiyaamaa fi wantoonni Guyyaa san adeemsifaman wantoota gara fuundurraatti dhufanii fi geeybii ta’aniidha. Seenan darbe akkuma nuuf geeybi (nurraa dhokata) ta’ee, wanti gara fuundurraatti dhufus geeybi (nurraa dhokataadha). Garuu wanta dhokataa ykn fagoo kana akkamitti beeknaa? Wantoota kanniin karaa lamaan beekun ni danda’ama. Isaanis; mallattoolee fi odeefannoo dhugaa (haqa) ta’eeni. Read more

Daandiin Haqaa kami laata?-kutaa 1ffaa

Dhalli nama ka’uumsa tokko irraa ka’ee gahuumsa isaa gahuuf daandii irra adeemu qaba. Daandiin irra deemu kun tarii waan gaarii fi milkaa’innatti isa geessa yookiin immoo badii fi kufaatitti isa geessa. Kanaafu dhalli nama daandii lama irra adeemaa jira jechuudha. Tokkoffaan daandii milkaa’inna fi gammachutti isa geessu, lamaffaan immoo daandii kufaati fi baditti isa geessudha. Read more