Faaydaa fi Mindaa Soomaa

Namni hojii tokko yommuu hojjatu wantoonni isa kakaasanii fi dhiiban jiraachu qabu. Keessattu hojichi hojii nafsee irratti ulfaatu yoo ta’e, kakaa’umsa cimaa barbaachisa. Islaama keessatti wanti nama ajaa’ibu guddaan hojii tokkotti yommuu nama qajeelchu mindaa (ajrii) guddaan nama abdachiisa. Ammas hojii badaa irraa yommuu nama dhoowwu, adabbii badaan nama sodaachisa. Kuni hundii nafseen nama tuni akka qulqullooftu fi sadarkaa ol’aana irra geessu taasisa. Soomni hojiwwan nafsee irratti ulfaatan keessaa tokko waan ta’eef, Islaamni faaydaa fi mindaa sooma irraa argamuun nama abdachiisun kaka’uumsa, injinnoo fi humna namaa dabala. Namoonni faayda fi mindaa soomaa yoo beekan kaayyoo soomaa galmaan gahu. Ta’uu baannan, aadaa godhachuun faayda homaatu osoo irraa hin argatin dabarsu. Qur’aana fi Hadiisa keessatti gabaabbinaanis ta’i dheerinnaan faaydalee fi mindaan soomaa dhufani jiru. Yeroo darbe, aayah waa’ee soomaa dubbattu irratti xinxalline turre. Har’as itti fufuun hadiisota muraasa faayda fi mindaa soomaatin wal qabatan ni ilaalla.

Dabalata Dubbisi

Soomaa fi Ramadaana

Bismillah. Alhamdulillah Rabbil aalamiin. Yommuu Ramadaanni gahu, namoonni of tottolchuu fi of fooyyessuuf ni qophaa’u. Barreefama waa’ee Ramadaana dubbisuuf Google irratti ramadaana ykn sooma jechuun barreessun keessan hin oolu. Sababni kanaa waa’ee Ramadaanaa fi sirrittti irraa fayyadamuuf fedhii waan qabdaniifi miti ree? Alhamdulillah waggoota darban keessatti waa’ee Ramadaana ilaalchise barruulee garagaraa ilaalle jirra. Isaan keessaa; Qophii Ramadaanaa, Ramadaana keessa ramaddi namoota, wantoota sooma balleessanii fi kan biroo. Kana sammubani.com irraa ni argattu. Har’as wantuma duraan barreefame irratti dabaluun yaad-rimee soomaa fi Ramadaanaa ni hubanna.

Dabalata Dubbisi

Ramadaana Keessa Ramaddi Namootaa-Kutaa-1ffaa

Nama barbaachisummaa (ulaagaalee) kanniin guutef soomni isa irratti dirqama. Ishiin/inni Musliima, aaqila (waa hubachuu kan danda’u) ta’uu, umrii saalfannaa kan gahe ta’uu, fayyaa qabaachu, imala (adeemsa) irra kan hin jirre (iddoo jireenyaa kan jiraatu) ta’uu, dubartiif laguu fi nifaasa (dhiiga dahaa) irraa qulqulluu ta’uu qabdi. Namtichi/ dubartiin barbaachisummaa armaan olii guunnan soomni isa/ishii irratti dirqama fi sirriidha. Dhugumatti ramaddi hundaa tokko tokkoon ilaalun irra gaariidha.  Isin qophiidha? Kanaafu obsaan dubbisaa. Read more

Piroojektii Ramadanaa

Ramadaanni akka lakkoofsa hijriitti ji’a saglaffaa irratti argama. Ramadaanni ji’a kabajamaa Qur’aanni itti bu’ee fi leylat-ul qadr (halkan ji’aa kuma caaltu) of keessaa kan qabudha. Jinni Ramadanaa ji’aa rahmataa, barakaa fi jaalalaati. Ji’a diinni ilma namaa kan ta’ee sheyxaanni itti hidhamuudha. Sheyxaanni waan hidhamuuf namoonni ibaadatti ka’u, wanta gaariitti fiigu. Read more