Tafsiira Suuratu Az-Zumar-Kutaa 1

Barnoota keenya darbe keessatti waa’ee Laa ilaah illallah ilaalaa turreera. Namni jecha tana sirritti yoo beekee fi hojii irra oolche, jireenya keessatti gammachuu fi bilisummaa argata. Gammachuu fi bilisummaan dhugaa gammachuu fi bilisummaa qalbiiti. Namni tarii qaaman bilisa ta’uu danda’a. Garuu qalbiin isaa wantoota baay’eef yoo gabra taate, inni bilisummaa dhugaa hin qabu jechuudha. Dhugumatti, Laa ilaah illallah’n wanta nama miidhu fi fayyadu hin dandeenyeef gabra ta’uu irraa nama baraaruun bilisummaa dhugaa namaaf laatti. Namni kana galmaan gahuuf yeroo hundaa beekumsa barbaadu fi wanta beeke hojii irra oolchuuf carraaqu qaba. Qur’aanni guutuun gara Laa ilaah illallah’tti namoota waama. Kanaafu, maddi guddaan hiika Laa ilaah illallah itti beekan Qur’aana jechuudha. Kana hubannoo keessa galchuun Qur’aana irraa suurah jiddu-galeessa baay’inni aayaata (keeyyattoota) 75 ta’e ibsa (tafsiira) ishii ni ilaalla. Laa hawla walaa quwwata illa billah.

Itti Haa Fufnuu