Tafsiira Suuratu Az-Zumar-Kutaa 1

Barnoota keenya darbe keessatti waa’ee Laa ilaah illallah ilaalaa turreera. Namni jecha tana sirritti yoo beekee fi hojii irra oolche, jireenya keessatti gammachuu fi bilisummaa argata. Gammachuu fi bilisummaan dhugaa gammachuu fi bilisummaa qalbiiti. Namni tarii qaaman bilisa ta’uu danda’a. Garuu qalbiin isaa wantoota baay’eef yoo gabra taate, inni bilisummaa dhugaa hin qabu jechuudha. Dhugumatti, Laa ilaah illallah’n wanta nama miidhu fi fayyadu hin dandeenyeef gabra ta’uu irraa nama baraaruun bilisummaa dhugaa namaaf laatti. Namni kana galmaan gahuuf yeroo hundaa beekumsa barbaadu fi wanta beeke hojii irra oolchuuf carraaqu qaba. Qur’aanni guutuun gara Laa ilaah illallah’tti namoota waama. Kanaafu, maddi guddaan hiika Laa ilaah illallah itti beekan Qur’aana jechuudha. Kana hubannoo keessa galchuun Qur’aana irraa suurah jiddu-galeessa baay’inni aayaata (keeyyattoota) 75 ta’e ibsa (tafsiira) ishii ni ilaalla. Laa hawla walaa quwwata illa billah.

Itti Haa Fufnuu

Tafsiira Suuratu Al-Qiyaamah, Al-Insaan, Al-Mursalaat, An-Naba’i, An-Naazi’at

Qur’aanni wanta qoma keessa jiruuf qoricha. Warroota amananiif qajeelfamaa fi rahmata. Qur’aanni qoricha, qajeelfamaa fi rahmata kan ta’u yoo isa baratan, hubatanii fi hojii irra oolchaniidha. Sababa adda addaa irraa kan ka’e, namoonni baay’een Qur’aana osoo hin baratin hafuu danda’u. Bakka duwwaa kana dhiphisuuf Sammubani.com irratti barruulee barraa’an keessatti aayata Qur’aanaa hanga danda’ameen kitaabban tafsiira beekkamoo irraa ibsaa turreera. Mee ammas, Suurah Qur’aanaa keessaa ibsa suuralee (boqonnaalee) shanii haa ilaallu. Suuraleen tunniin dhimma Guyyaa Qiyaamaatin waan wal-qabataniif iimaana namaa ni jabeessu. Laa hawla walaa quwwata illa billah. Buusuf linkii kana tuqaa: https://sammubani.files.wordpress.com/2020/01/tafsiira-suuratu-al-qiyaamaaal-insaan-mursalaat-naba-fi-naaziaat.pdf

Tafsiira Suuratu Al-Hadiid-Kutaa 1

Alhamdulillah Rabbil aalamiin, hanga ammaatti gargaarsa Mawlaatin suuralee (boqonnaalee) Qur’aanaa waa’ee Guyyaa Qiyaamaa dubbatan ibsa waliin ilaalaa turreera. Dhugumatti, boqonnaaleen kunniin haala ajaa’ibaatin gahuumsa namaati fi waa’ee Qiyaamaa sirritti ibsu. Ragaalee qalbii yaqiinan (mirkaneefannaan) guutan dhiyeessu. Namni ragaalee kanniin arguun Qiyaamaan dhugaa ta’uu erga mirkaneefatee fi gahuumsi ilma namaa eessa akka ta’e erga beeke, gaafi kana gaafachuun isaa hin oolu: “Guyyaa Qiyaamaa fi Gahuumsa kana gahuuf maaltu na barbaachisaa? Namni jireenya addunya keessatti gahuumsa dhumaa gahuuf deemsarra jira. Kanaafu, gahuumsa dhumaa gahuuf akka galaatti (sinqiitti) maal qabadhee deemu qabaa?”

Itti fufi..