Tawbaa- Balbala Jijjiramaa fi Gammachuu

Ilmi nama jireenya isaa keessatti hojii baay’ee hojjata, gaariis ta’uu badaa. Ilmi nama hanga addunyaa tana keessa lubbuun jiraatu osoo hin dogongorin hin hafu. Dogongorri fi cubbuun hanqinnaa fi dadhabinna ilma namaa mul’isu. Osoo gara tawbaatti hin seenin duratti mee miidhaa cubbuun ilma namaa irraan ga’u gabaabinnaan haa ilaallu. Read more

Ibidda Jaalala-kutaa 2ffaa

Kutaa darbee keessatti ibiddi jaalala akkamitti akka jalqabamu ilaalle turre. Insha Allah har’a immoo maloota ittiin qabaneessan ilaalla.

Ibiddi yommuu qabatee balaa geessuf deemu bishaan itti naquun akka dhaamu taasifamaa mitiree? Akka ibiddaa jaalala guutumaan guututti dhaamsu osoo hin ta’in balaa akka hin geessine qabaneessun ni danda’ama. Wanti hubachuu qabnu jaalalli mataan isaa balaa osoo hin ta’in hojii namtichaatu balaa geessa. Namtichi yoo of too’ate balaan jaalalan  dhufu hin jiru. Namtichi garuu yoo of too’atu dadhabe akkuma arge ta’ee bu’aa hojii isaa ni dhandhama. Karaa jaalala ittiin too’atan baay’ee isaa barruule qorsa jaalala jettu jalatti kaasne turre. Kan armaan gadii akka dabalataati. Read more