Daandii Milkaa’inna fi Gammachuu-Lakk.18

Barruun tuni barreefamoota gaggabaabo ji’a Sadaasa (November) 2016 fuula Fesbuuki Jireenya Badhaatu irraa walitti funaannamtedha.

Mallatoole fedhii lubbuu hordofuu agarsiisan keessaa tokko, wanta badaa ta’e garuu gaarii fakkaatu hojjachuuf ni ariifatta. Mirqaanaa fi kokolfaa hojjachuu jalqabda. Sheyxaanni hojii badaa kana garmalee miidhagsa. Haa ta’uu malee, boodarratti gaabbii fi gadda laalessaatu sitti dhagahama. Haalli akkanaa si qunnamee beekaa? Yoo si hin qunnamiin, namoota naannoo kee jiran baditti kan lixan ilaali. Fakkeenyaf, gurbaa fi intalli, mirqaansu fi kokkolfaa karaa haraamatin walitti dhufu. Akkuma yeroon darbuun hariiroon isaan jidduu jiru gaabbii fi gadda akka ibiddaatti nama gubuutti jijjirama adeema. Kanaafu, hojiin badaan gaarii yommuu sitti fakkaatu fi hojjachuu yommuu eegaltu kokolfituu fi kan gammaddu yoo taate, fedhii lubbuu hordofaa akka jirtu yaadadhu, dhumti hojii keeti gaabbii fi gadda hamaa akka ta’u beeki. Nafsee tee faallessi. Obsii. Kuni mallattoo jalqaba dhukkuba fedhii lubbuu hordofuuti. Read more

Xurree Milkaa’innaa fi Gammachuu-lakk.11

Yommuu Rabbii jettanii wal jaalattani fi wal fuudhu barbaaddan, nikheenyi keessan karaa halaalati fi gammachisatiin haa ta’u. Karaa gammachiisa keessa tokko nikeenyi keessan shari’aa waliin kan deemu fi abbaa fi haati keessan lamaanu yoo itti gammadanii fi walii galaniidha. Yommuu warrii kee nama jaallatte san si harkatti didan, adeemsa fuudha heerumatti seenun dura itti yaadi. Fakkeenyaf yommuu isaan si didan, nikhaa dhoksaan wal hidhuun walitti dhufu dandeessu. Garuu kuni jireenya fi kabaja keessan miidha. Nikeenyi keessan ifa haa ta’uu, warrii keessan itti haa gammadu. Kanaafu jireenya gaa’ila kana yommuu murteessitu, suuta jedhi, hin jarjariin, of dagaagsi. Jireenya kana haala gaariin gaggeessuf dagaaginni guddaan dagaaginna sammuuti. Gariin qaama fi qabeenyan gahaa ta’ee yommuu gaa’ilatti seenu yeroon xiqqoon booda gaa’illi isaa ni jiga. Sababni kanaa inni guddaan sammuun dagaagu dhabuudha. Kanaafu sammuun, qaamanii fi qabeenyan gahaa ta’anii gaa’ilaaf of qopheessu barbaachisadha. Ta’uu baannan handaaratti hafu.
Read more

Xurree Milkaa’innaa fi Gammachuu-Lakk.10

Waan namoonni si miidhaniifi mitii waan ati namoota miitef dhiphadhu. Sababni isaas yommuu namoonni si miidhan ajrii (mindaa) argatta. Namtichi yommuu towbate fi ati araaramtuuf Rabbiin mindaa siif kataba. Namtichi osoo hin toowbatin yoo du’e immoo boru Guyyaa Qiyaama harka kee ni kafalatta. Cunqursaan hin jiru, mizaana haqaatu dhaabbata. Garuu ati yoo nama miite fi osoo hin towbatiin duute adabbii argatta, hojiin gaariin(hasanaanni) tee nama saniif kennamti. Kanaafu arrabaan, harkaan fi karaa adda addaatin nama miite yoo jiraate yeroon towbadhu, araarama gaafadhu.Yoo araarama gaafachuun sitti ulfaate hojii gaggaari baay’isi hojjadhu. Read more

Xurree Milkaa’innaa fi Gammachuu-Lakk.9

Sababa dogongora keetin qaana’uun achitti kufte hin hafin. Namni dogongora tokko malee takkaan milkaa’u akka hin jirre beeki. Ammalle hojjadhu, dogongoruu dandeessa, ammallee hojjadhu kasaaru dandeessa, ammalle hojjadhu wanti yaadde si ta’uu dhiisu danda’a. dogongora kanniin yommuu uumtu karaan ati hordofaa jirtu akka si hin baasne sitti akeeka, gara funduraatti karaa kana hordofuu akka hin qabne sitti agarsiisa. Gabaabumatti yaada hin danda’u jedhuun sammuu kee cufuu dhiisiti wanta si harka jiruun wanta hojjachuu dandeessu dalaguun sammuu fi ija kee banii, jireenya kee haaromsi. Read more

Xurree Milkaa’innaa fi Gammachuu-Lakk.7

Barruun tuni barreefamoota gaggabaabo ji’a Caamsaa (May) 2016 fuula Fesbuuki Jireenya Badhaatu irraa walitti funaanamtedha. Xurree jechuun karaa biraatin ‘daandii’ jechuudha.

Jireenya kee keessatti jijjiramni wanta tasa uumamu osoo hin ta’iin adeemsadha. Takkaan fiixe barbaaddu koruu hin dandeessu. Akkuma guyya guyyaan jijjiramuuf carraaqxun marsaa guddinnaa tokko irraa gara marsaa itti aanutti dabarta. Jireenya keessatti tuqaan ani nama guutudha itti jettu gonkumaa hin jiru. Yeroo hundaa jijjiramaaf affeeramta. Kanaafu jijjirama arguuf carraa argatte hundatti fayyadami. Jarjarte abdii hin kutin. Abdii fi obsaan gara funduraatti tarkaanfadhu. Yommuu rakkoon ykn dogongorri uumamu rifatte jijjiramaa fi foyya’iinsa irraa duubatti hin mucucaatin. Yommuu gufuun si muudatu marsaa jijjiramaa tokko irraa marsaa itti aanutti akka darbaa jirtuu yaadadhu. Gufuwwan jireenyatin rukutamte duubatti hin hafin. Wanta qabduun carraaqi. Insha Allah guyyaa tokko jireenyi tartiiba horatti. Read more