Siiraa-Lakk.19
Hikmaa (Ogummaa) Makkaan keessatti waraana banuu irraa of qusachuu keessa jiru fi Nabiyyiin (SAW) ijaarsa keessaa jabeessu irratti xiyyeefachuu
Kutaa darbe mata-duree siiraa jalatti rakkoo fi dararaa Nabiyyii (SAW) fi sahaabota isaanii irra gahee ilaalle turre. Gara waggaa kudhanii Makkaan keessatti haa rakkifamaniyyu malee Muslimoonni Qureeshota irratti waraana hin banne. Gaafa tokko Abdurahmaan ibn Awf fi hiriyoonni isaa gara Nabiyyii (SAW) dhufuun akkana jedhan, “Yaa Nabiyyii Rabbii! Nuti mushrikoota taanee osoo jirruu jabeenya qabnaa turre. Erga amannee booda immoo xiqqaatota taane.” Isaan kan kana jedhaniif iimaana isaanii shakkanii osoo hin ta’in mushrikoota isaan rakkisan waraanan ofirraa deebisu barbaadaniiti. Ergasii Nabiyyiin (SAW) akkana jedhan, “Dhugumatti, ani irra darbuutti ajajame. Kanaafu namootaan wal hin lolinaa.”[1] Kana jechuun Rabbiin akka isaaniif irra darbuu fi obsuu na ajaje, kanaafu isaanitti waraana hin baninaa.
Marsaa Makkaa keessatti iccitii Muslimoonni waraanaa irraa dhoowwamu keessa jiru, hunda caalaa Rabbii olta’aatu beeka. Qorattoonni Islaamaa gariin iccitii kana keessa jiruu itti xinxalluuf yaalanii jiru. Mee xinxalli san keessaa muraasa asitti haa eerru:
1-Jireenya Nabiyyii keessatti marsaan Makkaa, yeroo leenjii fi wanta dhufuuf itti of qopheessaniidha. Leenji keessaa tokko sahaabota Nabiyyii (SAW) rakkoo isaan qunnamuuf akka obsan, fedhii ofii osoo hin ta’in ajaja Nabiyyii hordofuu fi of too’achuu isaan barsiisu fi leenjisuudha.
2-Hawaasa akka Qureesha keessatti jeequmsaan da’waa gochuu irra nagahaan da’waa gochuun bu’a-qabeessaa fi faayda guddaa kan qabuudha. Mushrikoonni Qureeshota garmalee kan of tuulanii fi gosaan dhaadataniidha. Osoo yeroo kanatti lolli banamee silaa Qureeshonni daran diddaa fi of tuuluu guddaa agarsiisu. Silaa namoonni gadoo baafachuuf ajjeechaan isaan keessatti ni babal’ataa ture. Kanarraa kan ka’ee, silaa Islaamni sammuu namootaa keessatti ergaa cimaa ta’uu irraa gara fincilaatti jijjirama ture.
3-Ammas, tarii makkaan keessatti waraana irraa dhoowwamuun mana hunda keessatti dirreen waraanaa akka hin adeemsifamne dhoowwufi. Muslimoota kan rakkisuu fi azzabuu hoggantoota Qureeshota qofa osoo hin ta’in warris bakka bu’ummaa Muslimoota rakkisuu ni fudhatan. Fkn, abbaan ilmi isaa Muslima yoo ta’e, isa ni rakkisa. Haala akkana kana keessatti waraana banuu jechuun mana hunda keessatti waraanni fi lolli ni adeemsifamaa jechuudha. Ergasii, Islaamni ni balaalefatama. Inuma yeroo Muslimoonni waraana irraa akka of qusatan ajajamaniyyuu Qureeshonni namoota gara hajjii dhufaniin “Muhammad abbaa fi ilma addaan baasa” jechaanii turan. Osoo waraanni abbaa fi ilma jidduutti adeemsifamee hoo dhimmi akkam ta’inna laataa?
4-Tarii namoonni Muslimoota rakkisaa turan gara fuunduraatti tawbachuun loltoota Islaamaa ta’u. Akka fakkeenyaatti Umar ibn Al-Khaxxaab loltu qofa osoo hin ta’in hogganaa cimaa ta’ee jira.
5-Yeroo sanitti Muslimoonni lakkofsaan xiqqoo fi jireenyi isaanii Makkaan keessatti kan daangefameedha. Ergaan Islaamaa namoota naannoo sanii fi addunyaa biroo hin dhaqqabne. Osoo Muslimoonni mushrikoota waliin dirree lolaatti seenanii, tarii Muslimoota irraa miidhan guddaan gahuu danda’a. Yoo Muslimoonni kuni ajjeefaman eenyutu ergaa Islaamaa addunyaatti geessaa? Kanaafu, hanga irree jabeefatanii rakkoo irratti obsuun barbaachisaadha.
Akka yaada keenyaatti sababoonni armaan olii kunniin sababoota muraasaa waraana irraa of qusachuuf barbaachisaniidha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa leenji sahaabotaa guutuu fi ba’aa gara fuunduraatti isaan eeggatuuf isaan qopheessuf waraana irraa akka of qusatan, salaata sirnaan akka salaatanii fi zakaa kennan ajaje. Akkasumas, carraaqqi fi hojiin isaanii nafsee ofiitiif osoo hin ta’in Rabbiif jedhanii fi karaa Isaa keessatti akka ta’uuf.
Taateen tokko hojii tokko jalqabuun dura barbaachisummaa miidhaa fi bu’aa isaa madaalu keessa jiru sahaabota barsiise jira. Taaten kunis: sahaabonni gariin wanta Qureeshonni gabbaran ni arrabsan. Qureeshonnis wallaalummaan Rabbiin subhaanahu arrabsuu jalqaban. Sahaabonni wanta gaarii hojjataa jiru. Garuu miidhaan Qureeshonni Rabbii olta’aa arrabsuu irraa dhalatu guddaadha. Kanaafu wanta Qureeshonni gabbaran arrabsuu akka hin qabne sahaabonni ni hubatan. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:
“Kanneen [mushrikoonni] Rabbii gaditti gabbaran hin arrabsinaa, daangaa darbuun beekumsa malee Rabbiin arrabsaniiti. Akka kanatti ummata hundaaf hojii isaanii bareechisneef. Ergasii deebiin isaanii gara Gooftaa isaaniiti. Wanta hojjataa turanis isaanitti hima.” Suuratu Al-An’aam 6:108
Kana jechuun sanama, taabota fi wanta biroo mushrikoonni Rabbii gaditti gabbaran hin arrabsinaa. Mushrikoonnis gadoo bahuuf jecha, Rabbii hanqinna hundarraa qulqulluu ta’e daangaa darbuun beekumsa malee arrabsu.
Haala kanaan qajeelfama bu’uuraa kana sahaabonni baratan: hojiin sirriin gara miidhaa guddaatti kan geessu yoo ta’e, hojii sirrii san ni dhiisan, hin hojjatan. Hayyoonni Islaamaas bu’uurri kuni yeroo hundaaf kan turuudha jedhu. Kaafironni jaboo fi mootummaa Islaama jalatti kan hin bullee yoo ta’an, wanta isaan gabbaran yoo arrabsan isaaniis Islaama ykn Rabbiin ykn Nabiyyii ni arrabsan jedhamee yoo sodaatame, wanta isaan gabbaran ykn amanti isaanii arrabsuun Muslimaaf hin hayyamamu. Muslimni gochoota armaan oli keessaa tokko yoo hojjate namoota biroos baditti kakaasu ta’a waan ta’eef.
Namni marsaa Makkaa waggaa kudha sadiif turee yommuu itti xinxalluu marsaa leenjii, qopheessu fi amantii sirrii qalbii keessatti hidda qabsiisu akka ta’e ni arga. Akkasumas, amanti dhugaa kana qalbii namootaa keessatti hidda qabsiisuuf jarjaru akka hin qabne ni hubata. Amantiin sirriin erga gadi dhaabanii booda hordoffii, eeggumsaa fi itti fufiinsa barbaachisa. Dhimma guddaa kana keessatti jarjaruu fi gugachuun firii barbaadamu hin buusu.
Har’as Muslimoonni barnoota armaan olii kana barachuu qabu: shirkii, kufrii fi wallaalummaa buqqisanii balleessuuf leenjii fi obsa guddaa barbaachisa. Nabiyyiin (SAW) sahaabonni nafsee ofii akka too’atanii fi obsaan of faayan ajajaa turan. Hariiroo Rabbiin waliin qaban akka jabeessanii fi ibaadadhaan gara Isaatti dhiyaachu akka qaban isaan qajeelchaa turan.
Nuufis barnoota akka ta’uuf, leenjii Nabiyyii fi sahaabotaaf godhamee keessaa mee muraasa isaa Qur’aana irraa haa ilaallu. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa jalqaba suuratu al-Muzzammil keessatti Nabiyyiin halkan akka salaataan dhaabbatu ajajee:
“Yaa kan [uffataan] of maree! Xiqqoo malee halkan [salaataaf] dhaabbadhu. Walakkaa isaa yookiin xiqqoo isarraa hir’isi. Yookiin isarratti dabali. Qur’aanas suuta dubbisi.” Suuratu Al-Muzzammil 73:1-4
Boqonnaan suuratu Muzzamil tuni sahaabota barbaachisummaa halkan salaataan dhaabbachuu, yeroo hundaa Rabbii olta’aa yaadachuu, dhimmoota hunda keessatti Isarratti hirkachu, obsuu fi araarama Isa kadhachuutti isaan qajeelchite jirti. Dhugumatti halkan walakkaa ykn gara dhumaatti salaataaf dhaabbachuun bu’aa hangana hin jedhamne qaba. Rakkoo fi qormaanni jireenyaa namaaf akka salphatu taasisa. In sha Allah guyyaa tokko suuratu al-Furqaan keessatti waa’ee ibaadu Rahmaan yommuu ilaallu faayda salaata halkanii kaasu dandeenya.
Wanti biraa Nabiyyii fi sahaabotaaf jabeenya ta’e Qur’aana. Yeroo Makkaa keessatti aayanni Qur’aanaa bu’an sahaabotaaf bohartii guddaa ta’anii jiru. Bu’aa kana tuqaa lama jalatti guduunfuun ni danda’ama:
1ffaa– Keeyyattoonni Qur’aanaa Nabiyyiin (SAW) akka sahaabotatti xiyyeefannoo kennuu fi isaan irraa hin garagallee ajajuu.
2ffaa– Seenaa ummatoota darbanii isaaniif odeessun isaan booharsu. Akkuma isaan rakkifaman ummanni darbaniis harka kaafirotaa keessatti rakkifamaa akka turan isaaniif ibse. Kuni sahaabotaaf fakkeenya ta’a. Yaada akkana jedhu isaaniif dabarsa, “Karaa Rabbii keessatti isin qofa osoo hin ta’in ummanni isiniin duraas baay’ee rakkifamanii jiru. Garuu rakkoo kana hunda obsaan dabarsan. Kanaafu, isiniis isaanitti hidhachuun obsaa.” Ammas, Qur’aanni hojii garii sahaabota faarsuu fi mindaa guddaa isaaniif waadaa galuun ijjannoo fi kakka’uumsa isaanii cimse. Gama biraatin kaafirotaaf adabbii guddaan akeekachisa. Kuni hundi warroota amananiif bohaarti ta’a.
Kitaabban wabii:
[1] Ilaali As-Siirah An-Nabawiyyah As-Sahiihah (1/158)
As-Siiratu Nabawiyyati–fuula162-163, Alii Muhammad Sallaabi, Noble Life of The Prophet [English] 1/416-418