Ibsa Suuratu Al-Qiyaamah-Kutaa 3

Suuratu Al-Qiyaamah jalqaba irratti waa’ee Qiyaamaa fi wantoota Guyyaa san adeemsifamu ni hima. Kuni haqa gara fuunduraatti namni hunduu arguu heduudha. Sababni isaas, odeefannoon kuni Rabbii waan hundaa beeku fi wanta fedhe hojjatu irraa kan dhufeedha. Qur’aanni odeefannoo Guyyaa Qiyaamaa of keessatti qabachuun Ergamaa Rabbii (SAW) irratti buufame. Yommuu Qur’aanni buufamu Ergamaan Rabbii (SAW) naamusa akkami hordofuu akka qabu Rabbiin subhaanahu akkana jechuun barsiisa:

(16)-Isa [qabachuu]tti ariifachuuf jecha arraba kee isaan hin sochoosin. (17)-Dhugumatti, isa walitti qabuu fi dubbisuun Nurra jira. (18)-Kanaafu, yommuu isa qaraanu qaraati isaa hordofi. (19)-Ergasii isa ibsuun Nurra jira.” Suuratu Al-Qiyaamah 75:16-19

Sababa keeyyattonni kunniin itti bu’an mee hadiisa irraa haa ilaallu: Ibn Abbaas aayaata armaan olii ilaalchisee akkana jechuun gabaase: “Yommuu Jibriil wahyiin bu’e, Ergamaan Rabbii (SAW) arrabaa fi hidhii isaa ni sochoosaa ture. Haalli kunis isa irratti jabaa fi kan isarraa beekkamu ture. Ergasii Rabbiin aayaata “laa uqsimu biyawmil qiyaamah” keessa jirtu, “Isa [qabachuu]tti ariifachuuf jecha arraba kee isaan hin sochoosin. Dhugumatti, isa walitti qabuu fi dubbisuun Nurra jira.”jettu buuse.Ibn Abbaas akka ibsaatti ni jedha: Qur’aana qoma kee keessatti walitti qabuu fi akka dubbistu si taasisuun Nurra jira. “Kanaafu, yommuu isa qaraanu qaraati isaa hordofi.” Kana jechuun yommuu Qur’aana kana buusnu, dhageefadhu. “Ergasii isa ibsuun Nurra jira.” arraba keetiin Qur’aana kana ibsuun Nurra jira. Ibn Abbaas itti fufuun ni jedha, Kanaafu, yommuu Jibriil isatti dhufu, Nabiyyiin (SAW) cal’isanii dhageefatu. Yommuu Jibriil deemu, akkuma Rabbiin waadaa isaaf galee ni dubbisa.” Sahiih Al-Bukhaari 4929

Ibsa dabalataan aayaata armaan olii ifa haa goonu:
Yommuu Jibriil (aleyh salaam) aayata Qur’aanaa Rabbiin irraa fidee isarratti dubbisu, Ergamaan Rabbii (SAW) wanta Jibriil irraa dhagayuu qoma isaa keessatti qabachuu fi homtu akka jalaa hin banne ni ariifatu turan. Ergasii Rabbiin azza wa jalla keeyyattoota kanniin ni buuse.

“Isa [qabachuu]tti ariifachuuf jecha arraba kee isaan hin sochoosin.” Kana jechuun jechootaa fi keeyyattoota isaa sammuu kee keessatti walitti qabuuf, qaraati (dubbisa) isaa haala gaariin sirreessuu fi hiika barbaadamu habachuuf ariifachuun Qur’aana irraa wanta sirratti bu’u waliin arraba kee hin sochoosin.[1] Jecha gabaaban: Qur’aana qabachuuf ariifachuun yommuu Malaaykan Jibriil Qur’aana qara’u (dubbisuu) ati isa qara’uuf arraba kee hin sochoosin.[2]

“Dhugumatti, isa walitti qabuun…Nurra jira.” Kana jechuun jechoonni, keeyyattoonni fi tartiibni isaa na jalaa miliqan ykn badan jettee hin sodaatin. Dhugumatti akkuma Jibriil sirratti qara’e qomaa fi sammuu kee keessatti walitti qabuun Nurra jira. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa itti gaafatamummaa Qur’aana sammuu keessatti walitti qabuu fudhate.

“isa dubbisuun Nurra jira.” kana jechuun Qur’aana haala sirrii fi bareedaa ta’een dubbisuun na jalaa bada jettee hin sodaatin. Akkuma bu’eetti arrabni kee akka dubbisu ni taasisna. Ammas Rabbiin Qur’aanni haala sirrii fi tartiiba qabateen qara’amu irratti itti gaafatamummaa fudhate. Suurah biraa keessatti ni jedha:

87:6

Si qaraasifna, hin dagattu.” Suuratu Al-A’alaa 87:6

“Kanaafu, yommuu isa qaraanu, qaraati isaa hordofi.” Kana jechuun yommuu Jibriil Nurraa Qur’aana sirratti qara’u, qaraati isaa dhageefadhu. Ergasii erga qaraatin dhumatee qara’i.[3]

Ergasii isa ibsuun Nurra jira.”
Dhimmi hiika Qur’aana buufamee ibsuu dhimma akkuma buufametti qabachuu (haffazuu) fi dhimma sirnaa fi tartiibaan dubbisuutti aanee dhimma 3ffaa baay’ee barbaachisaa ta’eedha.

Hiika Qur’aanaa ibsuun wanta inni of keessaa qabu kanneen akka amantii (aqiidaa), ajajamootaa fi dhoowwaa, amaloota, murtiiwwanii fi dirqamoota biroo ibsuu of keessatti qabata. Akkasumas, waa’ee yuniversii, wanta darbe, gara fuunduraatti dhufuu fi amma jiruu ilaalchise wanta keeyyattonni isaa agarsiisan ibsuus of keessatti qabata.

Aayah tana keessatti Rabbiin subhaanahu wa ta’aala wanta Qur’aanni of keessatti qabate akka ibsuu itti gaafatamummaa fudhate jira. Hundeewwan amantii, halaala fi haraama, ibaadaa, mindaa fi adabbii fi kanneen biroo ibsuu itti gaafatamummaa fudhate. Fakkeenyaf, Qur’aana keessatti salaata, zakaa fi soomatti ni ajaja. Akkaata wantoota kanniin itti hojjatan Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Nabiyyii barsiise jira. Kanaafu, hadiisni fi sunnaan Nabiyyii (SAW) Qur’aanaaf ibsa ta’uu jechuudha. Kanarraa ka’uun, namni ani Qur’aana qofatti bula, hadiisa hin fudhadhu jedhu nama jallate ta’a. Sababni isaas, ibsa Qur’aanaa kan Rabbiin Nabiyyii barsiise fudhachu dida.

Akkuma aayaata armaan oli irraa mul’atu Ergamaan Rabbii (SAW) akkaata Qur’aana itti dhageefatu fi dubbisu Rabbiin erga isa barsiise booda, ajaja kana obsaan hojii irra oolchu jalqabe. Garuu yommuu keeyyattoonni Qur’aanaa bu’an duraan caalaa dhedheeroo ta’an, Jibriil qara’ee waan fixe isatti fakkaachuun qara’uuf ariifata. Ergasii Rabbiin subhaanahu aayah tana buuse:

20:114

“Rabbiin Mootii Haqaa ta’e ol ta’eera. Osoo buufamni isaa gara kee bu’ee hin xumuramin dura, Qur’aana [dubbisuutti] hin jarjarin. ‘Rabbii kiyya! Beekumsa naaf dabali’ jedhi.” (Suuratu Xaahaa 20:114)

Aaya tana keessatti Rabbiin azza wa jalla hanga Jibriil aayaata Qur’aanaa Isa irraa fide guutumatti dubbisee fixutti akka eegu Nabiyyi (SAW) barsiisa.[4]

Wanti asirraa barannu, jechoonni, keeyyattonni fi tartiibni aayatoota Qur’aanaa Rabbii olta’aan kan eeggamaniidha. Itti gaafatamummaa Qur’aana eegu fudhate jira. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

15:9

Dhugumatti, Numatu Qur’aana buuse, dhugumatti Numatu isa tiiksas.” (Suuratu Al-Hijr 15:9) Rabbiin samii guddoo lafa irratti kufuu irraa akkuma eegu, Qur’aanas jijjiramuu irraa ni eega. Kuni Isarratti ulfaataa miti.

Itti fufa….


Kitaabban wabii:
[1] Ma’aariju tafakkuri- 2/491
[2] Al-Qur’aanul Kariim i’iraabu wa bayaanuhu 10/317
[3] Tafsiiru tahriir wa tanwiir-29/349, Tafsiiru ibn Kasiir-7/435
[4] Ma’aariju tafakkuri-2/491-493

Ibsa Suuratu Al-Qiyaamah-Kutaa 4
Ibsa Suuratu Qiyaamaa-Kutaa 2

Leave a Reply