Ibsa Suuratu Al-Qiyaamah-Kutaa 4

Qiyaamaan haqa erga taatee maaltu jireenya boodaatiif (Aakhiraatiif) hojjachuu fi of qopheessu irraa nama dhoowwa ree? Qananii Aakhiratiif cimanii hojjachuu irraa maaltu gufuu namatti ta’aa? Gufuuwwan kanniin mee haa ilaallu:

Dhoorgamaa! Garuu isin [addunyaa] ariifattu jaallattu. Aakhirah immoo ni dhiistu.” Suuratu Al-Qiyaamah 75:20-21

Kana jechuun yaa namoota dhimmichi akka isin, “du’a keenyan booda hin kaafamnu, hojii keenyaaf hin mindeefamnu ykn hin adabamnu” jettanii miti. Garuu wanti jecha akkanaatti isin kakaase, addunyaa ariifattu tana jaallachuu fi Aakhirah boodarra dhuftu caalaa fedhii addunyaa filachuu keessanii. Addunyaa ariifattutti amantanii Aakhirah boodarra dhuftutti kafartan.[1]

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa aayah haala wali galaatin namootaan, “Dhorgamaa” jechuun jalqaba. Sababni isaas, addunyaa gabaabdu fi yoosu baddu tana jaallachuun Aakhirah turtuu fi qananii baay’een guuttamte dhiisu. Osoo ishitti kan amanan ta’aniyyuu carraaqi ishiif malu hin carraaqan.

Sababa ilaalchi isaanii gabaaba ta’eef, mi’aa argachuuf jarjaruu fi fedhii lubbuutiif deebii kennuu isaanitiif jaalalli namoonni addunyaa ariifattu tanaaf qaban jireenya tanaa fi faaya ishiitti akka rarra’an isaan taasisa. Hojii fi xiyyeefannoo isaanii guutuu ykn harka caalaa faaydaa gabaabdu addunyaa fi mi’aa ishii argachuutti qajeelchu. Kuni Aakhirah fi ishiif hojjachuu irraa akka garagalanii fi ko’ooman isaan taasisa. Osoo warra Aakhiratti amanan ta’aniyyuu Aakhirah ni dhiisu, haqa ishii ni gatu. Kanaafu, kuusaa Aakhirah kuufame ni kasaaru. Addunyaa badduu keessatti of kasaarsu. Sababni isaas, sababoota Aakhirah dhiisanii karaa fi sababoota isaanii hunda gara addunyaa qajeelchan. Yommuu isaan du’an, addunyaan of duubatti isaan achi gatuun namoota biroo ishiitti rarra’anitti qajeelti.

Ergasii yommuu jireenya lammataatiif kaafaman kasaartoota ta’anii of argu. Sababni isaas, sababoota jireenya lammataa dhiisanii jiru, ishiif hojjachuu irraa addunyaa arifattuun ko’ooman (biizi ta’an).

Haalli kuni jecha dhorgamaa jedhuu hin barbaachisuu ree? Gaafilaaf beeksiisa, nama amanee hanqiseef qananii Aakhirah fi Jannata keessatti sadarkaa ol’aanaa kajeelun akka carraaqqi isaa dachaa godhuuf kakka’uumsa ta’uuf akeekachisni “dhoorgamaa” jedhu ni barbaachisa. (Gaafilaf dhoorgami yommuu jedhamu, gaflaa kana keessaa dammaqii Aakhirah qananiin guuttamteef hojjadhu. Nama Aakhiratti amaneef immoo, hanqinna irraa dhoorgami. Carraaqi fi qabsoo kee dachaa gochuun qananii Aakhirah fi Jannata keessatti sadarkaa ol’aanu kajeeli.)

Sababoota armaan gadiitiif namoonni addunyaa gabaabdu tana jaallachuun Aakhirah dhiisu:
Sababa 1ffaa-Addunyaan wanta arganii fi qaamolee miiratiin hubataniidha. Aakhiraan immoo wanta ijaan hin mul’anne gara fuunduraatti dhuftuudha.

Sababa 2ffaa-namoonni jireenya addunyaa ni jiraatu, ammaa amma ishii keessa jiraatu. Kanaafu, ishiin akka ko’ooman isaan taasisti, miira isaanii keessaa fi alaa too’atti. Mi’aa ishii irraa dabalata barbaadu. Rakkoo fi jeequmsa addunyaa immoo ammatti keessaa bahuu fi gara fuunduraatti irraa of eeguuf ni ifaaju. Kuni gandaa Aakhiraa fi wanta ishii keessa jiru isaan dagachiisa. Osoo kan ishitti amanan ta’aniyyu rakkoo fi mi’aan addunyaa Aakhirah isaan dagachiisa, nama duuti isaaf gorsituu taatee fi Qur’aana haala itti fufaan qara’uun Aakhira yaadanno isaa keessa galche malee. Keessumayyuu aayaata (keeyyattoota) waa’ee Aakhirah, Jannataa fi qananii turaa ishii keessa jiruu, ibiddaa fi azaaba dubbatan itti xinxalluun yeroo hundaa Aakhirah akka yaadatanii fi ishiif carraaqan nama taasisa.

Sababa 3ffaa-sochiin fedhii namootaa fi hawwiin nafsee isaanii yeroo garii hanga wal dorgommii isaan geessa. Wal dorgommiin kuni mi’aa addunyaa fi faayda gosa adda addaa hisaaba maleetiif xiyyeefannoo akka kennan isaan taasisa. Karaalee kanatti nu geessa jedhanii yaadan hunda hordofu. Isaan yeroo baay’ee fedhii fi hawwii qaamaatii fi nafsee gammachiisu malee yaaddo biraa hin qaban.

Sababa 4ffaa-Aakhiran dhugaadhaan waadaa tan galamteedha. Garuu akka hawwii fi fedhiin namaa ishiif kaka’uuf ijaan hin mul’attu. Aakhiratti amanuun amantii qalbii, aqlii fi wanta nafsee keessatti hubatamuudha.

Jireenya addunyaa keessatti gooddi qormaataa jalqabaa wanta ijaan hin mul’annetti (gheybitti) amanuu akka ta’e asitti kaasun nurraa bareeda.  (Namni goodda kana irra bahe akka dirree bal’aatti baheeti. Goodda kana irra bahu jechuun Rabbii olta’aa fi Aakhiraatti dhugaan amanuu fi hojii namarraa eeggamu hojjachuudha.)

Sababa 5ffaa: Akka yaada namootatti Aakhiraan gara fuunduraa fagootti argamti. Garuu dhugaadhaan dhimma baay’ee dhiyoo ta’eedha. Isaa fi nu jidduu rakkoo du’aa malee homtu hin jiru.

Barzakha du’aa fi kaafama jidduu jiru yoo ilaalle, namni du’e yeroo isaa hin beeku. Sababni isaas, darbiinsi yeroo isatti dhagahamuun ni haaqama. Warra qanani’an keessaa yoo ta’e qananiin isatti dhagahamuun isa waliin ni tura, yoo warra azzabaman keessaa ta’e immoo azaabni isaatti dhagahamuun isa waliin ni tura. (Kana jechuun namni du’e yeroo hangami qabrii keessa akka ture hin beeku. Garuu warra qanani’an irraa yoo ta’e qananiin isatti ni dhagahama. Warra azzabaman irraa yoo ta’e azaabn isatti ni dhagahama. Kanaan ala hamma yeroo isarra darbee hin beeku.)

Du’aan booda nafsee fi ruuhi keessaa hamma yeroo darbee beekun kan haaqamu erga ta’ee, warra du’an biratti daqiiqaan takka, sa’aati fi waggoonni miliyoonni wal-qixa ta’uu jechuudha. Yommuu qabrii isaanii keessaa kaafaman akkuma nama guyyaa qixxee yeroo muraasaaf rafee isaanitti dhagahama. Kana keessatti namni jalqaba du’ee fi namni dhumarratti yommuu addunyaan baddu du’e wal-qixxaatu.

Haala hirribaa keessatti muxxannoon namootaa, haalli yeroo gaggabbii fi opreeshinii, Qur’aana keessatti haalli nama du’ee ergasi waggaa dhibba booda kaafamee fi hirribni warra godaa (kahf) dhimma kana ni agarsiisu.[2]

(Namni hirriba cimaa sa’aati baay’eef yoo rafe, yommuu dammaqu sa’aati takka qofa waan rafe isatti fakkaata. Namni du’es yommuu kaafamu yeroo baay’ee gabaabaaf waan ture isatti fakkaata. Qur’aana keessatti, namni du’ee ergasii waggaa dhibba booda kaafamee yommuu “Hangam turte?” jedhamee gaafatamu, “Guyyaa tokko ykn cinaa guyyaa” jechuun deebise:

Yookiin namticha ganda mataa ishii irratti kukkuftee osoo jirtuu irra darbee, “Du’a ishiitin booda akkamumatti Rabbiin tana jiraachisaa?” jedhe, [hin ilaallee?]. Rabbiinis waggaa dhibba isa ajjeesee isa kaasun, “Hangam turte?” jedheen. Innis, “Guyyaa tokko yookiin cinaa guyyaa ture.” Jedhe. [Rabbiinis] ni jedhe, “Ati waggaa dhibba turte. Mee gara nyaataa fi dhugaati keeti ilaali; hin jijjiramne. Gara harree keetis ilaali. Namootaaf mallatoo si taasisuuf [kana goone]. Gara lafees ilaali, akkamitti akka walitti qabnu fi ergasii foon itti uwwifnu.” Yeroma ifa isaaf ta’u, “Rabbiin waan hundaa irratti Danda’aa ta’uu nan beeka.” Jedhe.” (Suuratu Al-Baqarah 2:259)

Namtichi kuni ganda manneen ishii kukkufanii fi jiraattonni keessatti dhuman biraan darbe. Kana ajaa’ibsiifachuun “Rabbiin namoota du’an kanniin akkamitti jiraachisaa?” jechuun gaafate. Ergasii Rabbiin isa ajjeessun waggaa dhibba tursiise. San booda isa kaasun, “Hangam turte?” jedheen. Namtichis, “Guyyaa tokko yookiin cinaa guyyaa ture.” jedhe. Garuu inni waggaa dhibba ture. Kuni kan agarsiisu yeroo du’a isaatti hamma yeroo isarra darbee hin beeku. Yommuu du’aa kaafamu guyyaa tokko ykn cinaa guyyaa waan ture isatti fakkaata.

Warri goda keessa seenaniis waggaa 309 booda yommuu hirribaa dammaqan, “Hangam turtan?” jechuun wal gaafatan. Isaanis, “Guyyaa tokko ykn cinaa guyyaati” waliin jedhan.)

Ammas, namoota du’aan hundaafis hammi yeroo akka hin beekkamne Qur’aana irraa aayatonni baay’een ni agarsiisu. Isaan keessaa:

79:46

“Guyyaa ishii argan akka waan waaree booda yookiin waaree dura malee homaa hin turre [isaanitti fakkaata].” Suuratu An-Naazi’aat 79:46

Guyyaa Qiyaamaa yommuu qabrii isaanii keessaa kaafaman qabrii keessa waaree dura yk waaree boodaa malee akka homaa hin turretti isaanitti dhagahama. Waaree booda jechuun laaqana ykn zuhrii boodarraa kaase hanga aduun seentu waqtii jiruudha. Waaree dura (duhaa) jechuun immoo ganama irraa kaasee hanga aduun walakkaa samii geessu waqtii jiruudha.

Dhugumatti Guyyaan Kaafamaa (Qiyaamaa) hubannoo namootatti dhagahamuun wal bira yommuu qabamuu baay’ee dhiyoodha. Du’aa fi kaafama jidduu wanta hirriba fakkaatu malee homtu hin jiru. Akkuma namni yeroo dheeraaf hirriba cimaa rafee sa’aati takkaaf waan rafe isatti fakkaatu, namni du’ees hangam qabrii keessa akka ture hin beeku. Yommuu kaafamu guyyaa tokko ykn walakkaa guyyaa waan ture isatti fakkaata.

Kanaafi, Rabbiin azza wa jalla Guyyaa kaafamaa fi wanta isa keessatti adeemsifamu dhiyoo akka ta’eetti ibse. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

 “Dhugumatti, isaan isa (Guyyaa Qiyaamaa) fagootti ilaalu. Nuti immoo dhiyootti isa ilaalla.” (Suuratu Ma’aarij 70:6-7)

Ammas Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha.

78:40

“Dhugumatti, Nuti adabbii dhiyoo isin akeekachiisne, Guyyaa namni waan harki isaa lamaan dabarsan argu fi kaafirri, “Yaa hawwii kiyya! Osoo biyyee ta’ee [hafee] maal qabaa!” jedhuudha.” Suuratu An-Naba’i 78:40

“Dhugumatti, Nuti adabbii dhiyoo isin akeekachiisne,” Yaa namoota azaaba Guyyaa Qiyaamaa kalaaye fi dhiyaate isin akeekachiisna.  Namni jireenya addunyaa keessa jiraatu umriin isaa gabaabadha. Namni du’ee immoo hamma yeroo isarra darbee waan hin beeknef yommuu kaafamu, yeroon inni qabrii keessa turee guyyaa ykn walakka guyyaa isatti fakkaata. Kanaafu, Qiyaamaan nama hundattu dhiyoodha jechuudha. Mee kana hubachuuf fakkeenyaa haa dhiyeessinu, Caalaan waggaa 60 booda du’e haa jennu. Erga du’ee awwaalamee booda hamma yeroo isarra darbee hin beeku. Yommuu kaafamu guyyaa ykn walakka guyyaa waan ture isatti fakkaata. Kanaafu, jireenya addunyaa tanaati fi kaafamu booda hammi turtii (yeroo) inni beeku waggaa 60 fi guyyaa tokko ykn walakkaa guyyaati. Waggaan 60 fi guyyaan tokko immoo yeroo baay’ee gabaaba ta’aniidha. Kanaafu, Qiyaamaan nama hundaafu baay’ee dhiyoodha.


Kitaabban wabii:
[1] Tafsiiru Xabarii-23/504-505
[2] Ma’aariju tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-2/494-499

Ibsa Suuratu Al-Qiyaamah-Kutaa 5
Ibsa Suuratu Al-Qiyaamah-Kutaa 3

One comment

Leave a Reply