Dubbii Iimaana Diigu-Kutaa 5.3

Kutaa darbe irraa itti fufuun Maqaa ykn sifata Rabbii olta’aa mormuun akkamitti kufrii fi wantoota iimaanaa diigan keessaa itti ta’uu ni ilaalla. (Sifaata jechuun amala wanti tokko ittiin ibsamuudha. Fakkeenyaaf kana akka beekumsa, dhageetti, arguu, jireenya, dubbachuu, olta’u, dandeetti, araaramu, rahmata gochuu fi kkf sifaata.)

(B)-Sifaata Rabbii subhaanahu wa ta’aalaa dhabamsiisu keessa maqaalee Rabbii keessatti jallachuu fi wanta Rabbii olta’aaf ta’uu haaqutu jira.

Maqaalee Isaa keessatti gosoota ilhaada (jallachuu) keessaa tokko: dhabamsiisuudha. Akkuma ibn Al-Qayyim jedhu: hiika isaanii irraa maqaalee dhabamsiisu fi haqiiqaa isaanii fudhachuu diduu, akka jahmiyyah irraa dubbi nama akkana jedhu: “Maqaaleen Isaa jecha qofa. Sifaataa fi hiika of keessaa hin qaban.” Maqaalee “Dhagahaa, Argaa, Jiraataa, Rahiim, Dubbataa, fedhaa” jedhan Rabbif ni godhan. Garuu ni jedhu, “Inni jireenya, dhageetti, argituu, dubbii fi fedhii hin qabu”. Dhugumatti,kuni shari’aan, sammuun, uumamaani fi lugaanis ilhaada (jallachuu) hundarra caaledha. Kuni ilhaada mushrikootaatin wal qunnama. Mushrikoonni maqaa Rabbii sanama isaanitiif kennaan. Warri Jahmiyyah kuni immoo sifaata Isaa guutuu dhabamsiisan. Gareen lamaanu warra maqaalee Rabbii keessatti ilhaada raawwataniidha…” (Bidaa’ul Fawaa’id 1/191-192)

Maqaa fi sifata Rabbii olta’aa dhabamsiisuun waa’ee Rabbii ilaalchisee yaada badaa yaadudha. Ibn Al-Qayyiim akkana jedha: Qur’aana keessatti Rabbiin ilaalchisee yaada badaa nama yaadetti zaatu caalaa zaachan guddaan hin dhufne. Rabbiin olta’aan ni jedha:

48:6

“Munaafiqoota dhiiraatii fi dubartii, mushrikoota dhiiraatii fi dubartii, Rabbiin ilaalchisee yaada badaa yaadan adabuuf [injifannoo ifa ta’e si goonfachiifne]. Isaan irra marsaa badaatu jira. Rabbiin isaan irratti dallane, isaan abaaree fi Jahannamiin isaaniif qopheesse jira. Gahuumsi waa fokkatte.” Suuratu Al-Fathi 48:6

Rabbiin olta’aan ni jedhe:

“Garuu Rabbiin wanta hojjattan baay’ee kan hin beekne ta’uu yaaddan. Suni yaada keessan kan isin Gooftaa keessan ilaalchise yaaddantu isin balleesse. Kanaafu, warra kasaaran keessaa taatan.” Suuratu Fussilat 41:22-23

Namoonni kunniin Rabbiin subhaanahu waan muraasa akka hin beekne godhanii yaadan. Namni “Inni beekumsa, dhageetti, argituu hin qabu, hin dubbanne, hin dubbatu, Arshii Isaa gubbaa ol hin taane” jedhe hoo haalli isaa akkam ta’inna laata?…” (As-Sawaa’iqul Mursalati-4/1356-7)

Wanta darbe irratti dabalatee, dhabamsiisuun kabaja Gooftaa azza wa jalla hanqisuudha. Warroonni sifaata dhabamsiisan, dhabamsiisuun kuni wanta gogoggaa lubbuu hin qabnetti fakkeessu keessatti isaan kuffise. Inumaa wanta hin jirreen fakkeessutti isaan kuffise.

Ibn Taymiyaan ni jedha: Warri sifaata dhabamsiisan maqaalee fi sifaata Rabbii irraa wanta makhluuqaaf malu malee homaa hin hubanne. Ergasii hubannoo kana dhabamsiisu jalqaban. Kanaafu, dhabamsiisuu fi wal fakkeessu bakka tokkotti walitti fidan. Jalqaba ni fakkeessan, dhumarratti ni dhabamsiisan. (Jalqaba sifaata Rabbii olta’aa sifaata uumamtootatiin wal fakkeessan. Ergasii, sifaata Isaa ni dhabamsiisan.)…” (Majmuu’al Fataawaa 5/27)

Wallaaltonni kunniin hubannoo isaanii jalqabaa irratti sifaata Khaaliqaa sifaata uumamtootaatiin wal fakkeessan. Ergasii qabiyyee kanaa ni dhabamsiisu. Amaloota addaa fi sifaata Isaa irraa wanta Gooftaaf malu kan morman ta’an. Maqaalee fi aayata Rabbii keessatti ni jallatan, sammuu fi keeyyata shari’aa keessaa ni bahan. Kanaafu, harka isaanii keessatti wanti ifaan hubatamu fi ragaan Qur’aanaa fi hadiisaa hin hafu…” (Majmuu’al fataawaa 5/209)

(Dogongorri fi jallinni jara kanaa akkanatti sirreefamu danda’a: jalqaba sifaanni Rabbii fi sifaanni uumamtoota garagara. Rabbiin subhaanahu sifaata Isaaf malu, kan uumamtootaa irraa adda ta’e qaba. Sifaata Isaa irraa homtu sifaata uumamtootatiin wal hin fakkaatu. Uumamtoonnis sifaata isaanif malu qabu. Kanaafu, sifaata Isaa osoo homattu hin fakkeessin akkuma jiruun mirkaneessun dirqama. Yoo sifaata Isaa osoo wayitti hin fakkeessin mirkaneessine, dhabamsiisunis fakkeessunis hin jiru jechuudha.) 

Bu’aa Badaa maqaalee fi Sifaata Rabbii fudhachuu diduu irraa dhalatu
Maqaalee fi sifaata Rabbii fudhachuu diduu fi mormuun wantoota badaa fi fokkuu baay’etti nama geessa. Isaan keessaa:

1ffaa-Jiraachu Gooftaa mormuu
2ffaa-Inni Guutuu akka hin taanetti yaadu
3ffaa-Hanqinnaa fi hir’innaan Isa ibsuu
4ffaa-Wantoota lubbuu hin qabneen wal fakkeessu
5ffaa-Wantoota hin jirreen wal fakkeessu. Inumaa wantoota hin danda’amneen wal fakkeessu.
6ffaa-Wanta Inni waa’ee Ofii ilaalchisee beeksisee fi Ergamtoonni Isaa beeksisan keessatti maqaa balleessu

7ffaa-Fixrah (wanta uumamaan nama keessa kaa’ame) fi sammuu balleessu fi jijjiruu. Akkuma sheyxaanni shirkii fi jallinna hordofsiisuun fixrah fi sammuu balleesse, maqaalee fi sifaata Gooftaa guddaa olta’aa dhabamsiisuunis fixraa fi sammuu balleessa. (As-Sawaa’iqul Mursalati 4/1235)

Akka fakkeenyaatti nama “Qur’aanni uumamaadha” jedheen wanta wal qabatu mee haa dhiyeessinu:

Ibn Taymiyaan ni jedha: Muslimoota hunda biratti Qur’aanni uumamaa osoo hin ta’in jecha Rabbii ta’uu kan beekkameedha. “Namni ‘Qur’aanni uumamaadha (makhluuqa)’ jedhe, kafaree jira.” jedhanii dubbachuun isaan biratti kan beekkameedha.

Ergasii kana ilaalchisee ibn Taymiyaan dubbii salafa muraasaa ni dhiyeesse. Kan akka dubbii Abdullah ibn Mubaarak: Rabbiin ni jedhe:

“Dhugumatti, Ani Allaah dha. Ana malee haqaan gabbaramaan hin jiru. Kanaafu, Ana gabbari.” (Suuratu Xaahaa 20:14)

Namni aayan (keeyyanni) armaan olii tuni uumamaadha (makhluuqa) jedhe, inni kaafira. Makhluuqni kana jechuun isaaf hin malu. (Ilaali Khalqu Af’aalul ibaadi-Al-Bukhaari-fuula 10)

(Namni aayan armaan olii makhluuqa jedhe, haqiiqan dubbii isaa, makluuqatu: “Dhugumatti, Ani Allaah dha. Ana malee haqaan gabbaramaan hin jiru. Kanaafu, Ana gabbari.” Jedhe jechuu isaati. Kuni immoo kufrii ifa baheedha. Kanaafi, namni “Qur’aanni makhluuqa (uumamaa) dha” jedhe kaafira ta’a.)

5-Xumura qorannoo kanaa irratti nama maqaa ykn sifata Rabbii mirkanaa’e morme kafarsiisu ilaalchise dubbii warra beekumsaa muraasaa ni dhiyeessina:

Imaamu Ahmad ni jedha: Namni tokko beekumsi [Rabbii] uumamaadha jedhe, inni kaafira. Sababni isaas, namni kuni “hanga beekumsa uumutti, beekumsa hin qabu” jechaa jira. Ammas akkana jedhe: namni Qur’aanni uumama (makhluuqa) jedhe, nu biratti kaafira. Sababni isaas, Qur’aanni beekumsa Rabbii olta’aa irraayyi. Rabbiin azza wa jalla ni jedha:

Beekumsi erga siif dhufee booda namni isa ilaalchisee si falme…” Suuratu Aali-Imraan 3:61 (As-Sunnah-Abdullah ibn Ahmad ibn Hanbal-1/102-103)

Ammas ni jedha: Namni, ‘Rabbiin Aakhiratti hin mul’atu’ jedhe, inni kaafira.”

Na’iim ibn Hammaad akkana jedha: “Namni Rabbiin uumamtoota Isaa keessaa wayitti fakkeesse, kafaree jira. Namni wanta Rabbiin ittiin Of wassafe (ibse) morme, kafaree jira. Wanta Inni ittiin Of ibsee fi Ergamaan Isaa ittiin ibse keessa fakkeessun hin jiru.” (Usuul-Al-Laalakaa’ii 3/406, ilaali Mukhtasaru uluwwi-fuula 184)

Al-Aajuriyy ni jedha: Booqonnaa: Qur’aanni kalaama (jecha) Rabbii guddaa olta’ee akka ta’etti amanuu, Jechi Isaa makhluuqaa miti. Namni Qur’aanni makhluuqa jedhe kafaree jira.” (Ash-Sharii’ah fuula 75)

Ibn Taymiyaan ni jedha: “Wanti harki caalaan salafaa irra jiran, namni ganda Aakhiraatti mul’achu Rabbii waakkate (morme), inni kaafira. Kana ilaalchisee [namni tokko] namoota beekumsi hin geenye keessaa yoo ta’e, isatti beeksifama. Akkuma nama shari’aan Islaama hin geenye itti beeksifamu, [nama kanattis Rabbiin Aakhiratti akka mul’atu ni beeksifama]. Beekumsi erga isa gahee boodaa waakkachuu (mormuu) isaa yoo itti fufee, inni kaafira.” (Majmuu’al Fataawaa-7/486)

Guduunfaa
Gabaabumatti, namni iimaana sirrii qabaachu barbaadu fi Aakhiratti milkaa’u fedhu, maqaalee fi sifaata Rabbii subhaanahu wa ta’aalaa Qur’aana keessatti dhufanii fi hadiisota keessatti mirkanaa’anitti amanuun isarraa eeggama. Sababni isaas, iimaanni sirrii kan ta’uu fi kan guuttamu wanta Rabbiin irraa dhufetti yoo amananiidha. Yoo amanu didan hoo maal ta’aa? Ni diigamaa miti ree? Kanaafu, osoo hin jijjiriin, hin dhabamsiisin, osoo akkana akkana hin jedhinii fi wayitti hin fakkeessin, sifaata Rabbiitti amanuun karaa qajeelaa fi nagahaa gammachuu fi milkaa’innaatti nama geessudha.

Madda:
Nawaaqidul Iimaani al-qawliyah wal amalayah” fuula 124-130-Abdulaziz bin Muhammad

Print Friendly, PDF & Email
Dubbii Iimaana Diigu-Kutaa 6.1
Dubbii Iimaana Diigu-Kutaa 5.2

Leave a Reply